'Iddoo Kiristaanoo fi Mesii kan ture Laa Ligaan, amma kan leellistoota sanyummaa ta'eera'

Vinisiyes Juniyar

Madda suuraa, Reuters

Taphataan sarara fuulduraa Riyaal Maadriid Vinisiyas Juniyar, sanyummaasaan qoollifatamuun miidhaan irra ga'uu erga himatee booda, ''Laa Ligaan bakka leellistoota sanyummaa ta'eera,'' jechuun yaadasaa kenne.

Taphataan umrii ganna 22 lammii Biraaziil kun taphataa Vaalensiyaa Huugoo Duuroo waliin walitti bu'uun daqiiqaa 97ffaarratti kaardii diimaan ba'e.

Akkuma taphichi eegaleen Viinisiyes Juniyar haala deeggartootaa Vaalensiyaa daanyaaf ibsuuf yaalaa ture.

Taphicha booda barreeffama Instagiraamii isaarratti maxxanse keessatti, ''yeroo tokko kan Ronaaldiinoo, Roonaaldoo, Kiristiyaanoo fi Mesii kan ture Laa Ligaan har'a iddoo ilaalchi jibba sanyummaa keessaa burqu ta'eera,'' jechuun ibse.

''Kun isa jalqabaa miti. Lammaffaa yookiin kan sadaffaa qofas miti. Sanyummaa leellisuun Laa Ligaa keessatti kan baratame ta'eera. Qaamni xiyyeeffannaa kennuuf hin jiru. Federeeshiniin kubbaa miillaafis kun dhimmasaa miti,'' jechuun aariin barreesse taphataa colleen Maadriid kun.

Viinisiyes biyya Ispeen akka jaallatuu fi wayita gara sana imalus jaalalaan akka isa simatte ibse.

''Har'a garuu bifti ishee sanyummaadhaan babbadeera. An gama kiyyaan lammiilee Ispeen dhiifaman gaafadha. Amma Biraaziil keessatti Ispeen akka jibba sanummaa qabdutti beekamti,'' jedhe.

''Kan baayyee nama gaddisiisu an haleellaa torbaniin narratti raawwatu ofirraa qolachuu hin dandeenye. Ta'us garuu an waa'ee kiyyarratti jabaadha. Hanga dhumaatti jibba sanyummaarratti nan qabsaa'a,'' jedhe Viniysiyes.

Laa Ligaan ibsa baaseen, ''amala akkanaa ittisuuf waggootaaf hojjetaa turre. Naamusi ispoortii akka hin badneef tattaafataa jirra. Dirree keessatti qofa osoo hin taane dirreen alattillee,'' jedhe.

Leellistoota sanyummaa isteediyemii guutuu

Taphataan sarara fuul-duraa lammii Biraaziil ta’e kun bara taphaa xumuramaa jiru kana keessa irra deddeebiin haleellaa sanyummaarratti hundaa’eef saaxilameera.

Tapha Dilbata kaleessaarratti Vinisiyes Juniyer sanyummaasaatiin qoodamee arrabsamuu erga himatee booda boqonnaa booda taphi akka adda citu taasifamee ture.

Haalli kun erga mudatee booda Vinisiyes Juniyer aariidhaan taphataa Vaalensiyaa waliin walitti bu’ee kaardii diimaa yeroo jalqabaaf argate, dirree keessaa gaggeeffame.

Leenjisaan Riyaal Maadriid haleellaa sanyummaa Viinisiyes Juniyer irra ga’erraa kan ka’e taphichi adda cite qaba ture jechuun yaada kennan.

Leenjisaan lammii Italii kun, ‘’wanti har’a argine madaallii kamiinuu fudhatama hin qabu. Isteediyemii guutuun jecha arrabsoo darbataa turan,’’ jedhan.

Amalli Vinisiyes Juniyer irraa argine, waan irratti raawwate waliin walbira qabnee yoo ilaallu ‘taphataan kun hubatamuu qaba ture,’’ jedhan.

Vinisiyes Juniyer daanyaa waliin wayita walfalmu

Laa Ligaan waan mudate hunda akka qoratu waadaa seeneera. Vinisiyes Juniyer gamasaan waan mudate hunda miidiyaa hawaasummaasaarratti maxxansuun gadi fageenyaan akka qoratamu gaafateera.

Goolii eegaan Riyaal Maadriid taphichi eegalee daqiiqaa 20ffaarratti sagalee ‘’Jaldeessaa’’ deeggartoota keessaa dhagahuu fi osoo garee hundi irratti waliigalee taphicha dhiisee ba’uuf akka ture hime.

Federeeshiniin Kubbaa Miillaa Biraaziil haleellaa sanyummaa mudate kana balaaleffateera. Taphi Riyaal Maadriid fi Vaalensiyaa kun goolii tokkittii Diyaagoo Looppeez Vaalensiyaaf galcheen 1 fi 0 dhaan xumurameera.