Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Raashiyaan duula waraanaa haaraaf waamicha goote mormuun dhibbootni hidhaman
Duula waraanaa haaraa Raashiyaa waamte mormuun kanneen hiriira bahan keessaa dhibbaan kan lakkaawwaman aanga'ootaan to'atamuu dhaabbileen mirgaaf falman beeksisan.
Dhaabbilee kanneen keessaa tokko kan ta'e OVD-Info magaalota Raashiyaa 32 irraa namootni 724 Sanbata xiqqaa hidhamuu gabaase.
Vilaadmiir Puutiin waraana Yukireeniin walqabatee loltoota dabalataa 300,000 duulchisuuf waamicha gochuu hordofee mormiin kutaalee biyyattii adda addaatti gaggeefamuu eegale.
Hiriirri hayyama hin arganne seera Raashiyaan dhorkamaadha.
Putiin karoora dargaggoo haaraa gara loltummaatti guuruuf karoorri baasan magaalota hedduu keessatti mormii kaaseera. Torbee darbee keessa mormii eegaleen namootni 1,000 ol qabamaniiru.
Mooskootti kan argamu AFP dubartii osoo ''nuti hirbaata rasaasaa miti'' jettee iyyituu to'annoo jala oolfamuu gabaaseera.
Magaalaa guddoo lammaffaa Raashiyaa Seenti Piiterisbeergitti ammoo dargaggoon biraan ''Putiiniif jedhee waraanatti hin duulu'' jedhee dubbate.
Maanguddoon ganna 70 Nataalii Duboovaa dargaggootaaf adda waraanatti imalaniif ''sodaan qaba'' jechuun AFP'tti himte.
Namoota qaamolee nageenyaan to'ataman keessaa gariin waraqaan itti kennamee gidduugala loltoota haaraa qacaramu dhaqanii akka galmaahan itti himamaa jiraachuunis dhaagahameera.
Kireemliin gocha seera qabeessa qofa raawwachaa akka jiru torbee darbe ibseera.
Mooskoon seera adabbii haaraa kanneen gaafatama isaanii hin bahanne adabu labsuuf wixinee qopheessisteetti.
Putiin Sanbata xiqqaa darbe loltuu osoo harka kennuu qabamee, loluu didee ykn waraanicha keessaa hayyama malee bahe hanga hidhaa waggaa 10 adabuuf wixinee qophaaye irratti mallatteessaniiru.
Putiin itti dabaluun lammii biyy alaa kamuu waraana biyyattii waggaa tokkoof tajaajileef lammummaa akka kennanis labsaniiru.
Labsiin kun Mooskoon hangam takka hanqina loltuu qabaachaa akka jirtu agarsiisa jedhanii labsichi lammummaa kennuuf amma dura nama yoo xiqqaate waggaa shaniif biyyattii jiraate jechuun labsee bahee ture faallaadhas jedhu.
Bakka kaanitti ammoo dargaggoon waraanatti duulchifamuu miliquuf karaa daangaa biyyaa baqachaa jira.