US dhimma waraana Yuukireen irratti Raashiyaa waliin wal qunnamtii gochaa jiraachuu amante

Waashingitan, Kireemiliin waliin ammayyuu hariiroo qabaachuu himte

Madda suuraa, Getty Images

Gorsaan dhimma nageenyaa US, Jeek Suuliivaan, waraanni Yuukireen akkuma jirutti tahee toorri qunnamtii Waashingitanii fi Moskoo addaan hin cinne jedhan.

Niiw Yoorkitti ibsa kennaniin, Obbo Suulivaan Kireemiliin waliin qunnamtii kan taasifnu ‘’fedha Ameerikaa’’ eeguuf jedhan.

Garuu qondaalonni ‘’eenyu waliin akka qunnamtii godhan sirriitti adda baafachuuni’’ jedhan.

BarruunWall Street Journal’ ammoo Suulivaan gita isaanii Raashiyaa Nikolaayi Paatiruusheev, gorsaa dhimma imaammata biyya alaa Kireemiliin Yuurii Ushaakoov fa’aa waliin ji’oota darban keessa icciitiin mari’achuu gabaase.

Qondaalonni olaanoon kunneen akka barruu kanatti himanitti, waraana Yuukireen keessatti akkamiin balaa nuukileraan dhufu ittisuun akka danda’amu irratti mari’ataniiru. Garuu waraanichi akkamiin dhaabbachuu akka qabu irratti homaa hin mari’anne.

Ji’a darbe Suulivaan nukileera kamiyyuu fayyadamuun ‘’miidhaa guddaa Raashiyaa irraan gaha’’ jedhanii ture.

Miidiyaa US, NBCtti akka himanitti deebiin Ameerikaa hammam guddaa tahuu akka danda’u qondaalota olaanoo waliin dhuunfaan mari’ataniiru.

Dubbii himtuun Mana Maree nageenyaa US, Adiriyaanee Waatsan, namootni waan baay’ee jedhu’’ jechuun dubbii kana barruu Wall Street Journal’f’ osoo hin mirkaneesiin hafan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dubbii himaan Kireemiliin akkasuma gaazexaaleen biyyoota lixaa ‘’dubbii sobaa hedduu tamsaasu’’ jechuun balaaleffatu.

Baayiden Raashiyaa waliin mari’achuuf ammayyuu dhiibbaa gochaa jiru. ‘’biyyi waraana Kanaan miidhamte kamuu Moskoo waliin hariiroo jiru eeguun barbaaddi’’ jedhan.

Jimaata darbe Kiyeeviin ture. Carraa pirezidaanti Zeleniskii fi gita koo Andirii Yermaak fi hoggansa waraanaa waliin wal arguun du’aatii fi miidhaa dhaqabe irratti waliin dubbanneerra6’’ jedhan Suulivaan.

Dhiyeenya kana ammo raashiyaan naannoolee afur seeraan ala ofitti dabalte eeguuf jecha nuukileera fayyadamuu dandeessi yaaddoon jedhu dabaleera.

Yuukireen ammoo seera maarshaalii kan yeroo waraanaa fayyadamuun kaampaanota afur murteessoo tahan to’achuufi.

Gariin isaanii lama kaampaanii guddaa annisaa kan injiinii, konkolaatotaa fi tiraanisfoormeroota oomishudha.

Dhaabbanni kun kan Viyaacheslaav Bohuuslaav yoo tahu, Raashiyaa deeggara jedhamee shakkamuun to’annoo jala ooleera.