Yukireen midhaan hangamii gabaa addunyaaf dhiyeessiti?

Madda suuraa, Getty Images
Raashiyaan waliigaltee Yukireen buufataalee ishee Galaana Gurraacha irraa midhaan biyyoota biraatti akka ergituuf waliigalamee diiguu beeksifteetti.
Waliigaltichis Adoolessa darbe keessa ture akka dooniiwwan Yukireen miidhaaniifi nyaatawwan gara biraa buufataalee Yukireen irraa karaa sararawwan nagaatiin Galaana Gurraacha keessaan addunyaa kaanitti akka geessaniif kan waliigalamee ture.
Dooniiwwan sararichatti fayyadamu kan itti fufan yoo ta'u, garuu ammoo labsiin Raashiyaa gatiin nyaataa addunyaa akka dabalu taasise.
Nyaata hangamiitu Yukireen iraa fe'amee?
Erga Raashiyaan Yukireeniin weerarteen booda, humni galaanaa ishee buufataalee Galaana Gurraachaa Yukireen irra dhorkaa kaa'an.
Kanaanis midhaan toonii miiliyoona 20 nyaataaf wantoota oolan kan biraa kan akka boqqolloo fi zayita suufii alatti ergamuuf ture akka danqamu taasise.

Sababii Yukireen biyya addunyaa kanaa midhaan ergan keessaa tokko taateefu, kunis addunyaarratti gatiin nyaataa akka garmalee dabalu taasise.
Haata'u malee, qaamoleen lamaan waliigaltee Galaana Guraachaa Adoolessa 22 mallatteessuun, sarara doonii nagaatiin akka imalamuuf hayyama kennee ture.
Dooniin jalqabaa Yukireen irraa Hagayya 1, 2022 ka'uun, hanga Onkololeessa 28'tti nyaanni toonii miliyoona 9.3 ol karaa Galaana Gurraachaatiin biyyoota biraatti ergamuu Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii beeksiseera.
Fulbaana keessa, Yukireen karaa Galaana Gurraachaatiin miidhaan toonii miiliyoona afuri ergitee jirti. Weerara Raashiyaatiin dura, ji'atti toonii miiliyoona shanii fe'aa turte.
Sababiiwwan al ergiin rakkisaa akka ta'u gumaachan keessaa tokko kaampaaniiwwan hedduun doonii fe'umsaa isaanii gara Galaana Gurraachaatti erguuf diduu isaaniiti.
''Ammalleen dooniin isaanii akka fanjiin hin dhahamne ykn Raashiyaan akka hin haleellee soodaataa jiru,'' jedhu Deeviid Ostilar.
Raashiyaan Sambata darbe waliigalticha diiguufi dooniiwwan Yukireen buufataalee irraa akka dhorkaman beeksifte.
Haata'u malee, dooniiwwan miidhaan nyaataa fe'atanii turan Wiixata irraa kaasee imala isaanii eegalan.
Midhaan garamiitti ergamaa?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Midhaan muraasni kallattiidhaan biyyoota hiyeeyyii addunyaatti kan ergaman yoo ta'u, kaan ammoo UN'tti sagantaalee deeggarsa namoomaa jalatti gara biyyoota ummanni balaa beelaa irratti argamuutti ergama.
Nyaanni muraasni kallattiidhaan biyyoota hiyyeeyyii addunyaatti kan ergaman yoo ta'u, kaan ammoo UN'tti sagantaalee deeggarsa namoomaa jalatti gara biyyoota ummanni balaa beelaa irratti argamuutti ergama.
Haata'u malee irra caalli ala ergii midhaan Yukireen baatiiwwan sadan darban keessaa Ispeen, Chaayinaa, Tarkii, Xaaliyaaniifi Neezarlaandiitti akka ergamu odeeffannoon UN ni mul'isa.
Waraanichaan dura irra caalaa qamadii Yukireen kan galchaa turte Masirii, Indoneeshiyaa fi Baangalaadishi turan.
UN akka Fulbaana keessa jedheetti miidhaan %30 gadii ta'u biyyoota galii gadaanaatti yoo ergamu, %44 ammoo gara biyyoota guddataniitti ergame.
Haata'u malee, al ergiin nyaataa Yukireen deebii'uunsaa ammoo gatii nyaataa idil-addunyaa akka gadi bu'uuf akka gargaaree dhaabbannii Nyaata addunyaa (FAO) ragaa isaa Adooleessaa -Onkololeessa jidduutti mul'iseera.
Nageenyi sarara galaanaa hangam nagaadha?
Raashiyaa fi Yukireen karaa Odeessaa fi buufataalee ollaa lamaatiin gara Istaambuliitti akka geessaniif Turkiye waliin waliigaltee mallatteessan.

Madda suuraa, Getty Images

Dooniiwwan Yukireen miidhaan fe'aniis sararawwan humnoota Yukireeniin fanjiidhaan marfaman keessa bahaa galaa jiru.
Tarkiin ammoo haaluma waliigaltee Raashiyaa waliin galteetti dooniiwwan meeshaa waraanaa akka hinfeenee hojii sakkatta'insaa raawwatti.
Waliigaltichi guyyoota 120 booda walakkeessaa Sadaasa keessaa ni dheereffama jedhamee abdatamaa ture.
Raashiyaan sababii 'nageenyummaaa sarara Galaana Gurraachaaf wabii hin qabu' jedhu kaasuun, daandii Galaana Gurraachaa dhorkitee jirti.
Haata'u malee, dooniiwwan erga Yukireen, Tarkii fi UN dhaabbiilee dooniif wabii kennaniin booda sararichatti fayyadamuu itti fufaniiru.
Haata'u malee, guyyaa jalqabaa Raashiyaan itti ibsa baafteetti, gatiin qamadii addunyaa battalumaan dhibbantaa shaniin yoo dabalu, kan boqqolloo ammoo dhibbantaa lamaan dabale.
Daldaltoonni hedduunis Raashiyaan Galaana Guraacha cufuudhaaf tarkaanfii dabalataa fudhachuu dandeessi jechuun miidhaan bitanii kaa'aa akka jiran amanama.












