Putiin waliigaltee midhaan Yukireen galaanarraan fe'uu adda kutuun addunyaa beelessuuf- Zeleniskii

Vilaadmiir Putiin- Pireezidantii Raashiyaa

Madda suuraa, Getty Images

Pireezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin midhaan nyaataa Yukireen irraa karaa Galaana Gurraachaa (Black Sea) gara biyyoota addunyaa garaagaraatti geejjibsiisuuf yaada waliigalteerra ga'ee ture keessaa ba'uu beeksise.

Putiin waliigaltee kana yeroof dhaabe malee guutummaatti akka keessaa hin baane ibseera.

Moskoon waliigaltee jaarsummaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniin irra gahame keessaa ba'uuf akka sababaatti kan eerte, Yukireen ulaa banametti fayyadamuun dooniiwwan Raashiyaa haleellaa jiraachuudha.

UN guyyaa Raashiyaan dooniinshee haleelamuu himattu sana ulaan baname kun inumaa duwwaa ture jedhe, Yukireenis haleellaa ittiin himatamte akka hin raawwanne ibsite.

Pireezidantiin Raashiyaa Voloodmiir Zeleniskii waliigalteen kun kabajamuu akka qabu ibseera, Raashiyaan ''Addunyaa beelessuuf kutattee kaate,'' jechuunis Raashiyaa himatte.

Raashiyaan garuu himata kana ni haalti.

Waliigaltee kanarratti rakkoon gama Raashiyaan osoo mudatee jiruu, Wiixata kaleessaa (31,10,2022) dooniiwwan Yukireen 12 midhaan fe'anii karaa Galaana Gurraachaa ba'uu Ministirri Misoomaawwan Bu'uuraa Yukireen Oleksandr Kubrakov ibse.

Akkuma Raashiyaan Yukireen weerarteen ulaan galaanarraa Yukireen irra imaluun midhaan gara biyyoota addunyaa garaagaraa feetu cufame.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Kun kanaan osoo jiruu Adoolessa darbe karaa jaarsummaa tarkii fi UN biyyoonni lameenuu ulaa cufame banuun midhaan fe'uuf waligalan.

Waliigalteen kun irra ga'amee ji'a shan osoo hin guutin ammas rakkoon biraa mudateera.

Pireezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin, Yukireen ulaa baname akka carraatti fayyadamuun haleellaa narratti bante jechuun haaloo ba'uuf jecha yeroof waliigaltecha keessaa ba'uu ibse.

Jalqaba nageenyi imala galanaarraa mirkanaa'uu qaba kan jedhe Putiin, haala amma jiruun midhaan galaana kanarra fe'uun balaa qaba jedhe.

''Yukireen wayita midhaan nyaataa feetu, dooniiwwan geejjiba uummataaf oolaniif ammoo eegumsa barbaachisaa gochuu qabdi,'' jedhe Putiin.

Raashiyaan waliigaltee kana keessaa ba'uu US mormiteetti.

US akka jettutti Raashiyaan ''dhiheessii midhaan nyaataatti ulaa cufuun akka meeshaa waraanaatti fayyadamaa jirti.''

Qondaalli imaammata dhimma alaa Gamtaa Awurooppaa Jooseef Booreel, Raashiyaan tarkaanfii kana irra deebitee ilaaluu qabdi jechuun akeekkachiise.

Dhiheessii midhaan nyaataa fi xaa'ootti ulaa cufuun addunyaa beelaaf saaxila jechunis yaaddoo qabu ibse.