Taphataan duraanii Maan Yuunaayitid Luwis Naanii gara Itoophiyaa deemuuf

Madda suuraa, Getty Images
Taphataan duraanii Maanchister Yuunaayitid Luwis Naanii gara Itoophiyaa deemuuf akka jedhu dhagahame.
Leenjisummaa Sir Aleeksi Fergusan jalatti taphachuun gahumsa gaarii agarsiisaa kan ture Naaniin bara 2007 Yuunaayitid galuun bara 2015 kilebicha gadhiisee bahe.
Saffisaa fi dandeettii teeknikaa guddaa qabaachuun kan beekamu Naaniin erga Maan Yuunaayitidii bahee kilaboota akka Ispoortiingi Liisban, Fenebaachee fi Adaanaa jedhamaniif taphateera.
Tibbana ammoo viidiyoo yeroo Naaniin dubbatu agarsiisu gara Itoophiyaa demeuuf akka jedhu agarsiisa.
Naaniin wagga 80ffaa hundeeffama kilaba Raayyaa Ittisa Biyyaa [Machaal] irratti argamuuf akka affeerame kilebichi ibsuu miiidyaaleen biyya keessaas gabaasaniiru.
Taphataan lammii Poorchugaal kun viidiyoo dubbatu irratti ‘’bakka argama dhala namaa kan taate Itoophiyaan onneekoo keessa jirti’’ jechuun viiidyoo maxxansame irratti dubbata.
Kilabni Raayyaa Ittisa Biyyaa [Machaal] erga hundeeffamee gama kubba miilaan qofa osoo hin taane gama atileetiksiin atileetota jajjaboo Itoophiyaaf gumaacheera.
Atileet Abbabaa Biqilaa gurraacha Afrikaa yeroo jalqabaaf dorgommii Maraatoonii Room irratti miila qullaa fiiguun warqee ishee jalqabaa dorgommichaan Afrikaaf argamsiise bu’aa kileba kanaati.
Bara kana ammoo kilebni kubba miilaa Raayyaa Ittisa Biyyaa kun qabxii tokkoon qofa caalamuun Piriimer Liigii Itoophiyaan sadarkaa lammaffaa irra jira.
Kilebni Baankii Daldala Itoophiyaa taphoota hafan irratti kan qabxii gatu yoo tahee fi Raayyaan Ittisa Biyyaa kan mo’atu yoo tahe shaampiyoonaa Piriimer Liigii Itoophiyaa tahuu isaati.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Boordiin kilebichaa miidiyaalee biyya keessaaf ibsa kenneen Naaniin keessumoota kabajaa ayyaana hundeeffama kilebichaa wagga 80ffaa irratti argaman keessaati.
Kilebni Raayyaa Ittisa Biyyaa Akkaadaamii Kubba Miilaa Naanii waliin hojjechuuf waliigaltee mallatteessu jedhamee eegama.
Naaniin yoom akka Finfinnee galu garuu hin ibsamne.
Naaniin Maanchister Yuunaayitid keessa waggoota saddet turuun taphoota 147 irratti hirmaateera. Waancaa Piriimer Liigii, Shaampiyoonsi Liigii fi FA Maanchister Yuunaayitid waliin mo’ateera.
Poorchugaal ganda harka qalleeyyiin keessatti baay’atan keessatti kan dhalatee guddate Naaniin jireenyi isaa kubba miilaa irraa adda bahee hin beeku.
Maatii harka qalleeyyii irraa dhalachuunkoo akkan kubba miilaatti cichee jireenyakoo jijjiiruuf na gargaareera jedhe.
Maanchister Yuunaayitid kileba Kiristaanoo Roonaaldoo irraa bitatan Ispoortingi Liisban irraa Naanii bara 2007 paawondii miliyoona 25n mallattesisan.
Naaniin nama hiyyummaa seenaa gochuun kubba miilaan seenaa jireenya isaa fi maatii isaa jijjiiredha.












