Daqiiqaa 61ffaa addunyaan kubbaa miilaa Roonaaldoo akka raajeffatu taasifte

Siir Aleeksi Fergusanii fi Kiristaanoo Roonaaldoo yeroo Yuunaayitid gale

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Sar Aleeksi Fergusanii fi Kiristaanoo Roonaaldoo yeroo Yuunaayitid seene

Mucaa ganna 18, sanuu huuqqataa fakkaatu, maaltu taphattoota kubba miilaa sarara ittisaaf qormaata taha jedhee eegeera!

Daqiiqaa 61ffaa irratti jijjiiramee seenaan kubbaa yeroo sadii tuqee yoo darbuuf yaadu taphataan Niik Haat jedhamu kubbaa irraa buusise.

Badhaasa Baalon D’Or yeroo shan kan mo’ate, Liyoonel Meesii waliin morkii jabaa waggoota 15’f kan taasise waa'ee Kiristaanoo Roonaaldoo isinitti himuufi.

Hagayya 16 bara 2003 dirree Maanchister Yuunaayitid Ooldi Tiraafoordi irratti ture. Maan Yuunaayitid dirree isaa irratti Booltan waliin taphataa turan.

Yeroo sana taphataa jabaa adunyaati jedhee taphataan yaade hin jiru. Garuu jalqabbiin kun imala kubba miilaa Roonaaldoo hanga wal tajjii idil-adunyaatti ittiin beekameef murteesituu turte.

Kiristaanoo Roonaaldoon taphataa Maanchister Yuunaayitid tahee taphoota jalqabaa irratti taphataa jabaa jedhamee ilaalame hin turre.

Ol adeemaa ganna 18 tahee Maanchister Yuunaayitid seene. Sar Aleeksi Fergusan Roonaaldoo akka fidaniin jalqaba irratti hin taphachiifne. Taphoota jalqabaa lama taa’umsa jijjiirraa irra kaa’an.

Jalqaba gaafa dirree seenu sekondii 60 booda kubbaa qabatee gara sarara leenjistootni dhaabbataniitti fiduun morkataa isaa gowwoomsee darbuuf yoo jedhu kubbaa irraa buusan.

Niik Haat yeroo sana umuriin ganna 19 yoo tahu, taphataa cimaa taha jedhamee kan itti abdatame ture.

Niik akkas jedhe. ‘’Roonaaldoon yeroo dirree seenu taphataa na dhiphisuu danda’udha jedhee hin yaadnen ture. Garuu dhaabiitti na qaanessuuf deema ture,’’ jechuun yaadannoo isaa BBC Ispoortitti hime.

‘’Daqiiqota 70 tahaniif hojiikoo hojjedheera jedheen yaade. Amma galchii 1 fi 0’n qofa durfamaa jirra jedhe. Anaaf taphataama akka warra kaanii tokko ture.

''Fiigee miila jala galchee kuffisuun hojiikoo ture. Kanuman godhes. Yeroo lama funyaaniinan isa gate. Sana booda maraammartoo na fiigsuutti ka’e,’’ jedhe.

'Taphattoota jajjaboo ol adeemoo hanga har'aatti arge keessaa tokko'

Niik Haanti [bitaa] fi Roonaaldoo

Madda suuraa, Getty images

Ibsa waa'ee suuraa, Niik Haanti [bitaa] fi Roonaaldoo dirree keessatti
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Erga taphni sun taphatamee amma waggootni 20 darbaniiru. Namni guyyaa sana Roonaaldoo jijjiiramee dirree gale arge kan dagatu natti hin fakkaatu jedhe Haanti.

Taphni sun Maanchister Yuunaayitid, Roonaaldoo Ispoortiingi Liisban irraa mallaatesisee guyyaa afur booda kan gaggeeffame ture.

Maanchister taphataa ofii gatii rikardii adunyaa yeroo sana tahetti gurgurate fudhachuuf meeqa akka kaffale beektuu? Paawondii miliyoona 12.2 ture.

Ka’umsi isaa ammoo Maanchister Yuunaayitidi fi kilabni Roonaaldoo yeroo Sanaa Ispoortiingi Liisban tapha michummaa taphachuun gahumsa Ronaaldoon agarsiisetu akka mallatesisan dirqisiise.

Taphicha irratti Riyoo Ferdinaandi yeroo boqonnaa bahan maaskii oksijinii akka barbaadu gaafannaan ittisa irra kan waliin taphataa turan Joon Oosheen hint ahu jedheen.

Roonaaldoon taphattoota sarara ittisaa Yuunaayitid afuura kutaa oole. Dhaabuun isanitti ulfaate. Joon Oosheen taphni jalqabuuf yeroo jedhu ‘’ija keessa na ilaale, sinii qophaa’era na jechuusaati,’’ jedhe.Sir Aleeksi Fergusan achumaa galanii Roonaaldoo gara Maanchisteritti fidan.

‘’Taphataa dandeettii addaa qabudha. Miila lamaan taphachuu danda’a. Fuuldura irra bakka hundaa, cinaa lamaanis tahe fuuldura irra taphachuu danda’a. Taphattoota ol adeemoo dandeettii guddaa qaban jireenyakoo keessatti arge keessati,’’ jedhan leenjisaan Maan Yuunaayitid yeroo Sanaa Sir Aleeksi Fergusan.

Roonaaldoon taphataa lammii Biraazil Kebelrsan waliin yeroo toko Maan Yuunaayitid galan

Madda suuraa, getty images

Roonaaldoon yeroo maanchister Yuunaayitid gale Deevid Beekaam Riyaal Maadirid waan deemeef tishartii lakkoofsi Torba [7] taphataa biraaf hin kennamne ture.

Fergusan akkuma Roonaaldoo mallattesisaniin Beekamiin bakka bu’uu danda’a jedhanii waan itti amananiif lakkoofsa Torba kennaniif.

Taphataan Booltan Haanti akkas jedhe. ‚‘Tapha jalqabaa keenyaaf qophaa’uuf yaalaa turre. Oduun bakka hundaa waa’eedhuma taphataa ganna 18, Maaraadoonaa xiqqaa jedhuu ture‘‘

‘‘Oduu kanaaf bakka hin kenninu jennee ture. Garuu guddachaa dhufuun gaazexaan hunda, Televizhiniin hundi waa’eedhuma isaa qofa haasa’a ture,‘‘ jedhe.

‘’Yeroon dirree irratti isa argu, baay’ee qal’oo ture. Qal’aa lafeemti dhaabatu ture. Rifeensa gurraacha xiqqoo irra keessaan diimeffateerudha.Baay’ee ijoolleedha. Akka jedhan sana kun baayeema taphaa jabaa nama rakkisu miti jedheen ture. Garuu inni akkasuma,’’ jedhe Haanti.

'Isa dhiisnee asii hin deemnu'

Imala Liisban kana irratti taphattootni Maan Yuunaatitid gariin abdii gaarii qabu ture.

Juuvantas fi Baarseloonaa mo’atanii dhuma irratti Ispoortiingi Liisbaniin 3 fi 1’n mo’amanii galan.

Silaa kilabichi Roonaaldoo malee mo’amuu mala ture. Fergusan kitaaba isaanii keessatti ‘’taphataa jabaa ani umuriikotti leenjise’’ jedhan.

Yuunaayitid garee leenjiftoota Liisban waliin waliigaltee qabu ture. Amma Roonaaldoon waggoota dabalataa lamaaf Liisban keessa turuu akka barbaadu warri Yuunaatid hubataniiru. Silaa isa dhabuu malu ture.

Kilebootni gurguddoon adunyaa isa hordofaa turan.

Waa’ee waliigaltee garee leenjiftoota Yuunaayitidii fi Ispoortiingi Liisban Roonaaldoonis tahe bakka bu’aan isaa Horhee Mendes quba hin qaban ture.

Taphni jalqabee yeroo boqonnaan gahu Aleeksi Fergusan nama isaaniif amanamu Alberti Morgaan waamuun hogganaa kilaba isaanii Piiter Keenyon gara kutaa uffannaatti naa waami jedhan.

Piiter yeroo achi gahu ergaan isaanii gabaabaaf ifaa ture. ‘’Hanta mucaa kana mallatesifnutti lafa kanaa hin deemnu’’ kan jedhu ture.

Amma taphattootni Maanchisrer Yuunaayitid dandeettii Roonaaldoo arganii amananiiru. Isaan Liisban irraa gara qe’ee isaaniitti deebi’uuf qophaa’aa turan.

Garuu Roonaaldoo mallattesisuuf akka kutaa istaadiyeemichaa keessatti mariin gaggeefamaa jiru quba hin qaban ture.

Fargiin Ronaaldoo waamuun tapha hundaa irrattan si taphachiisa. Taphataa jabaadha ittiin jedhan. Kun qalbii Roonaaldoo qabateera. Waliin dubbiin asitti jalqabe hanga ammaatti Roonaaldoon manguddoo wagga 81 Fergusaniin ‘’abbaakoo kubba miilaa keessaa’’ jedhee waamu sababa taheera.

Yeroo sana taphataa dhaabsifamu miti

Fergusan akkuma jedhan jecha isaanii eeguun Roonaaldoo taphuma jalqaba airratti taa’umsa jijjiirraa irra kaa’an. Kun taphoota jalqabaa lamaaf ture.

Gareen leenjiftootaa Maan Yuunaayitid waggoota sadii keessatti Roonaaldoo taphataa jabaa adunyaa eenyuyyuu hin dhaabne godhaniin.

Namni jalqaba Roonaaldoo dhaabuuf rakkate aanti ganna guutuu Jay-Jay Okoochaa wlaiin shaakala hojjechuukoo na gargaare malee rakkoo keessa na buusee ture jedhe.

"Jay Jay Okoochaan dandeettii kubba nama jala miliqsuu guddaa qaba ture. Akkatti isa dhaaban isuma waliin shaakalaan ture. Kanaaf akkaattan dhaabun beeka ture,’’ jedhe Haanti.

‘’Roonaaldoon garuu baay’ee isa caalaa si jala dabarsuu danda’a. Si’a shan ja’a kubba si miliqsa, miila lamaan taphachuu danda’a. Kun ammo hedduu si rakkisa. Miila lamaaniinu kubba fagootti kennuu fi galchiitti yaaluu danda’a,’’ jedhe.

‘’Yeroo 22 tahuuf isa dhaabuufan yaale. Daqiiqota shan jalqabaa isa dhaabeera. Ijikoo kubba irra ture. Gara galchiitti akka hin yaalle. Sana booda daqiiqota 17 tahaniif dirree keessaa bakka hunda jira. Isa dhaabuun waan danda’amu miti.’’

‘’Gara mirgaatti goruuf yon jedhu bitatti darba, gadi deebisuuf yoon jedhu of duuba deebiseera. Nani tokko akkamitti kana hundaa godha jedheen yaadaa ture,’’ jedhe taphataan jalqaba Roonaaldoo dhaabuuf Piriimer Liigii keessatti rakkate.

Anaafi hiriyyootni koo mana barumsaa keessatti kubba taphachaa guddanne. Gaafan Booltan galu taphattoota Waancaa Adunyaa mo’atan fa’aa waliin shaakalaaa turre. Garuu Maan Yuunaayitid waliin yoo taphattu sadarkaan kubba miilaa biraan akka jiru siif gala. Waggaa jalqabaakootti ani taphataa gidduugaleessaa akkan tahe, taphattootni baay’ee nu caalan akka jiran naaaf gale jedhe.