Kasaaraa Kirooshiyaa carraa Luukaa Moodrich gufachiise

Madda suuraa, Getty Images
Luukaa Moodrich akka taphataa kubbaa miilaa pirofeeshinaalaatti waggoota kurna lamaa oliif waan kubbaan miilaa qabu hunda argeera.
Milkaa'ina fiixee kubbaa miilaa argatee gammachuu guutuu dhandhameera, rakkoo fi gidraa akkaan hamaa ta'es argeera.
Tapha Wiixata kaleessaa (Waxabajjii 24, 2024) galgala Leipzig irratti Xaaliyaanii waliin walitti isaan fiderrattis miira kana lamaanuu dhandahameera.
Taphataa gameessi umrii waggaa 38 kun wayita biyyisaa Kirooshiyaan isa barbaaddutti ta'eefii argama, tapha kaleessaarrattis akkasuma ture.
Rukuttaa adabbii gareensaa argate, kan isaan fi deeggartoonni akka badhaasaatti ilaalan, Moodrich bakkeetti gate- kun mufannaa guddaa uume.
Gameessi kun garuu osoo hin turin miira gaddaa gara gammachuutti jijjiire, kubbaa mani-eegaa garee faallaa isaa waliin fuulaa fi fuulatti osoo walitti dhaadatanii gooliitti geeddaruu dadhabe, taphaan ammoo goolii ajaayiba jedhamte galcheera.
Gooliin Moodrich sun silaa biyyasaa garee 16 keessa galchuun dorgommii Euro 2024 keessa ni tursiisti turte.
Garuu taphatichi dirree ni bahe, warri Xaaliyaanis ni onnatan-qabaatu isaan dadhabe.
Daqiiqaa 98ffaarratti goolii galchuun carraa Kirooshiyaa saammatan. Carraan deebinee fuula Moodrich- fuula dulloomaa fakkaatu garuu qaamaafi hamilee jabaa ta'e, arguus akkaan dhiphateera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Ramaddii B jalatti Kirooshiyaan qabxii lama qofaan sadaffaarratti jirti. Qabxiin kun sadarkaa sadaffaan filatamtuu taatee akka darbituuf waan dandeessisu hin fakkaatu.
Wayita taphichi xumuramu miirri fuula Moodrich irraa mul'atu kana booda carraansaanii akka cufame ibsa.
''Waanan jedhee sitti himu hin beeku, yeroo garii kubbaan miillaa kun hamtuudha,'' jedhe Moodrich taphicha booda.
Turtii dirree kubbaa miillaa keessatti adeemsa taphataan kun keessa darbee har'a ga'e dirreerratti akka jaallatamu isa taasiseera.
Tapha kanarratti kanneen isa daawwataa turan kanaan booda fuula kana dorgommii idiladdunyaarratti arguu dhabuu akka danda'an sodaa qaban ibsaa turan.
''Baayyee ulfaata, kun Luukaa Moodrichiif tapha isa xumuraa ta'aa laata? kan jedhu gaaffii guddaa nutti ta'eera,'' jedhe jifataan duraanii Maanchistar Yunaayitid Waayin Roonii.
''Kana amananii fudhachuu ulfaataadha. Taphataa akkaan cimaa ture.''
Taphataan duraanii sarara ittisaa Maanchistar Siitii Miikaa Richaardis ''waan taphataa sarara gidduu irraa barbaaddu hunda irraa argatta. Amala, dandeettii, jaalala waan hundaa,'' jechuun saade.
''Isaaf kun guyyaa gaddaati. Maaliif jennaan inni silaa tapha kanarratti milkaa'ee goota jedhamuu hawwee ture. Garuu sun hundi amma hin jiru.''
Kun Moodrichiif tapha isa dhumaati moo carraa biraa qaba?
Moodrich Fulbaana dhufu umriinsaa waggaa 39 guuta, dorgommiin Waancaa Addunyaa 2026 wayita eegalutti umriinsaa waggaa 40 seena jechuudha.
Taphataan goolii eegaa hin taane kan umrii sanatti biyyasaaf taphatu akkaan muraasa.
Inni garuu dorgommii Euro 2024 kanarratti taphataa umriin jaare garuu goolii galche ta'eera.
Taphataan Poorchugaal Kiristiyaanoo Roonaaldoo amma umriinsaa waggaa 39, ga'eessa biyyasaa umriinsaa waggaa 41 ta'e Pepe waliin biyyasaaniif gumaachaa jiru.
Moodrichiin walqabatee dhimmi ijoon garuu akkaataan itti mo'amanii dorgommii kana keessaa baafaman tarii hamilee taphatichaa laamshessa moo ni jabeessa? kan jedhuudha.
''Hangan jirutti osoon taphadhee fedhii kooti garuu yeroon an itti kubbaa miillaatti nagaa dhaamu inuma jiraata,'' jedhe.
''Taphachuu ittuman fufa, hagam akkan itti fufu ammatti hin beeku.''
'Daqiiqaa saddeet dabaluun waanuma hin barbaachifne'
Leenjisaan Kirooshiyaa Zilaatkoo Daalich miira dhukkubbii dursaa taphattootasaatti dhagahame qooddateera.
Akkaataa taphichi itti goolabameen innis guddoo miidhamuu ibse.
Gareensaa tapha Ispeen waliin taphatan irratti haala gaariin hin taphanne. Garuu tapha lammataa irratti Albeeniyaa waliin walqixa ba'an.
Tapha sadaffaa garee B isa xumuraatiinis walqixa waan ba'aniif qabxiin argatan xiqqoodha.
''Baayyee nama dhukkubsa,'' jedhe Daalich. ''Dhukkubbiinsaa guyyootaa fi ji'oota dhufanis waan hin fayyine.''
Leenjisaan umrii waggaa 57 kun daqiiqaa dabalataa irratti gaaffii qaba. ''Tapha sana booda daqiiqaa saddeet dabaluun sirrii miti.''
''Waanuma hin barbaachisne ture, tapha gidduutti yeroon hagas mara gubate hin turre. Balleessaa hedduun hin raawwatamne. Wanti daqiiqaa hagana dabalchiisu hin turre,'' jedhe.












