Namicha ijoollee dhiiraa hedduu gudeedetti hidhaan umurii guutuu 12 murtaa'e

Afrikaa Kibbaatti namichi ijoollee dhiiraa ol-adeemoo hedduu gudeeduufi gabaa saal-quunnamtiitti baasuun himatame hidhaan umurii guutuu 12 itti murtaa'e.

Manni Murtii Olaanaa magaalaa Johaanisbargi namni Garhaardi Akarmaan jedhamu kun, ijoollee dhiiraa ol-adeemoo (saafila) ta'an irratti miidhaa suukanneessaa raawwachuusaan murtee kana dabarsuu ibse.

Manni murtii kun yakkoota nama kanaan dalagamuu mirkaneesse keessaa gudeeddii, daa'imman seeraan ala daddabarsuu, gocha saal-quunnamtii akka malee fayyadamuu, ijoollee umuriinsaanii hin geenye daldala saal-quunnamtii keessa galchuu, ijoollee fiilmii saal-quunnamtii hojjechiisuu fi tamsaasuun isaan ijoodha.

Abbaan Seeraa magaalaa Johaanisbargi Mahaammad Ismaa'el adabbiin umurii guutuu 12nuu yeroo tokkotti akka hojiirra oolu murteesseera.

Abbaan Seeraa adabbii kana murteesse kun, yakkamaan kun dantaa dhuunfaasaaf qofa ijoollee dhiiraa reefuu guddataa jiranirratti haleellaa suukanneessaan akka raawwatamu godheera jedhe.

''Nama dabaa, hammeenyaan guutameedha,'' jechuun ibse abbaan seeraa kun.

Akarmaan yaalii ajjeechaa fi irruma caalaa ammoo ijoollee dhiiraa ol-adeemoo ta'an irratti haleellaa saal-quunnamtii raawwachuun, manni murtii balleessaa kana raawwachuusaa kan mirkaneesse Caamsaa darbe ture.

Kana malees namni kun bara 2018 mana ragadaa magaalaa Johaanisbargi tokko keessatti ol-adeemaa tokko gudeeduun isaas yakka cimaa jedhamuun himatamee dhimmi isaa mana murtiitti ilaalamaa jira.

Akarmaan waliin qindoomina uumee hojjeteera jedhamuun kan shakkame quuqamaan mirga namaa fi abbaan seeraa Pool Kenedii, Guraandhala darbe dhimmi isaa mana murtiitti ilaalamuu eegaluu dura of ajjeese.

Pool haleellaan saal-quunnamtii daa'imman irratti akka raawwatamu tumsuu fi daa'imman Akarmaan kenneef keessaa garii isaanii dhibee HIV/AIDS qabsiisuudhaan himatamee ture.

Akarmaan ijoollee dhiiraa maatii harka qalleeyyii keessaa karaa miidiyaa hawaasummaa walitti qabuun, ofii isaafi namoonni kaanis akka saal-quunnamtii itti fayyadaman godheera.

Ijoolleen dhiiraa kunneen umriin isaanii waggaa 14 fi 16 gidduudha.

Ijoollee kunneenirraa erga amanamummaa argatee booda mana dhidhiibbaa (masaajii) akka hojjetanii fi carraa kana fayyadamuunis gochaa fi daldala saal-quunnamtii keessa galcheera.

Ijoollee kunneen saal-quunnamtiif gurguree maallaqarraa fayyadamuun alatti jiruunsaanii akka badus taasiseera.

Yeroo ammaa murtee darbe booda Akarmaan abukaatoo isaatti nagaa dhaameera.

Himataawwan irratti dhiyaatan hunda haaluu baatus, hedduusaanii garuu akka hin raawwanne dubbateera.

Himati inni haale kunneen akka irra deebiin ilaalaman ol-iyyannoo akka gaafate gaazexeessitootatti himeera.