Itoophiyaatti ijoolleen umurii ganna 18 gadii yakka yoo raawwatan akkamiin seeratti dhiyaatu?

    • Barreessaa, Firaafoli Dhugasa
    • Gahee, BBC Afaan Oromoo

Ji’oota muraasa dura Ameeeikaa keessatti daa’imni waggaa jahaa tokko barsiistuu isaa rasaasaan rukutee madeesse ture.

Yakka daa’imni kun raawwateef kan himatamee jiru harmee isaadha.

Daa’imni kun sababa umurii isaan yakkaan himatamuu hin danda’u.

Oduu kun yemmuu ba’e eenyuttu yakka rawwate kanaaf himatama kan jedhu gaaffi natti ta’ee ture.

Namootni ykn ijoolleen umuriin isaanii ganna 18 gadi ta’e yoo yakka rawwatan akkamiin adabamu, namoota yakki isaaniin midhamaniif haqi akkamiin argama kan jedhu adda baasuun fedhe.

Biyyootii addunyaa hedduu keessatti sirni haqaa yakkamtoota umurii ganna 18 gadi ta’anii kan ga’eessotaa irraa addadha.

Dhaabbati Mootummoota Gamtoomaniis dhimma kana irratti qajeelfamoota ka’e qabaatus, seerotni jiran biyyaa biyyatti garaagarummaa qaba.

Heerrii Itoophiyaa dhimma yakkomtoota umurii ganna 18 irratti maal jedha kan jedhu gaaffiikoo itti aanuu ture.

Itoophiyaa keessatti yakkamtoonni umurii ganna 18 gadi akkamiin seeratti dhiiyatu?

Biyya keenya Itoophiyaa keessattis yakka ijoollee umurii ganna 18’n gadi ta’aniin raawwatamu ilaalchise seerri addatti ta’eeru jira.

Yakkamtoonni umurii ganna 18 gadii afaan Ingiliziin Young offenders jedhamuun kan beekaman yoo ta'u seera Itoophiyaa jalatti umuriin isaani dargaggoota ga'eelaaf hin geenye jedhamuun qofa akka ibsaman Waajjira Abbaa Alangaa Oromiyaatti, daarektireetii yakkoota adda addaa irraa abbaan alangaa Obbo Morodaa Gullummaa BBCtti himaniiru.

Adeemsa haqaa keessatti, akkaataan ''qorannoo, himmanaa fi adabbii" ijoollee umurii ganna 18 gadii kan ga'eessotaa irraa gargar akka ta'ee himu.

Jalqaba irratti akka seera Itoophiyaatti ijoolleen umurii ganna 9 gadi ta’an yoo yakka raawwatan itti gaafatamummaa yakka hin qabaatani.

Yakka ijoollee umurii 9 gadiin raawwatameef seerri Itoophiyaa akka kaa'utti maatiin yakka mucaan isaanii raawateen osoo hin taanee dhimma beenyaa waliin wal qabatee itti gaafatamuu ni danda'u.

Biyyootii biroo waliin madaallee yoo ilaallee, fakkeenyaaf Keeniyaa keessatti umuriin itti gaafatamummaa yakkaa kan eegalu ganna 12 irrattidha.

Heera Itoophiyaa keessatti yakkamtoonni umurii ganna 9 fi18 gidduu jiran bakka lamatti akka hiraman, Obbo Morodaan ni ibsu.

Seerri biyya kana dargaggoota kunneen "umurii ganna 9 fi 15 gidduu akkasumas 15 fi 18 gidduu jechuun bakka lamatti qooduun kaa'ee jira," jedhu.

Akkasumas kutaa umurii lamaan - 9 hanga 15 fi 15 hanga 18 - gidduus garaa garummaan jira jedhu.

"Ijoolleen umurii 15 olii fi 18 gadii yoo yakka raawwatan akkuma ga'eessotaatti ilaalamu... garuu kan adda isaan godhu murteen du'aa irratti murtaa'uu hin danda'u," jedhu Obbo Morodaan.

Dabalataaniis sababa umurii isaaniin, akka seeraatti adabbiin irratti darbu salphachuufi akka danda'u himuun adeemsi himannaa, dhaddachaa fi kaan garuu akkuma kan ga'eessota ta'uu abbaan alangaa kun ni himu.

Yakkamtoota umurii ganna 9 olii fi 15 gadii

Ijoolleen umurii ganna 9 fi 15 gidduu jiran yoo yakka raawwatan itti gaatamummaa yakkaa irraa bilisa hin ta'ani, akka seera Itoophiyaatti.

Ta'us adeemsi haqaa isaanii kanneen umurii ganna 15 ol ta'anirra garaagarumma guddaa akka qabu Obbo Morodaan ni himu.

Abbaan alangaa kun akka himanitti ijoolleen umurii ganna 9 fi 15 gidduu jiran yemmu yakka raawwatanii qabaman kallattiin mana murtiitti geeffamu malee buufata poolisiitti to'annoo jala oolfamuu hin danda'ani.

Kunis bu'ura seeraa adeemsa falmii yakkaa Itoophiyaa, keewwata 172-1 jalatti taa'ee jira.

"Manni murtii ragaa dhiyaatee erga ilaalee booda, waajjirri poolisii qorannoo gaggeessuu qabamoo hin qabu, akkamiin ammoo gaggeessa kan jedhu qajeelfama kan kennu mana murtichadha," jedhu.

Qorannoon dhimma yakka kanaa irratti akka gaggeeffamuuf mana murtiitiin yoo qajeelfamni kennamne, mucaan yakkaan shakkame sun hanga sanatti maatii isaatti deebifama ykn bakka turtii akka geeffamu himu.

Ijoolleen umurii ganna 18 gadii yemmuu yakka raawwatan bakki turtii ykn manni sireessaa isaan itti geeffaman biyyootii hedduu keessatti mana sirreessaa ga'eessotaarra addadha.

Obbo Morodaan akka jedhanitti Itoophiyaa keessatti hanqinni bakkeewwan sirreessaa ijoollee jira, keessumaa nannoo Oromiyaa keessatti. Kanaaf ijoolleen kun yakki raawwatanillee, keessumaa kan umurii ganna 9 fi 15 gidduu jiran, adabbiin isaaniin mana sirreessaa seenuurra gara maatiiitti deebifamu.

Himannaa, dadhachaa fi adabbii

Ijoollee umurii ganna 9 fi 15 gidduu yakkaan shakkaman ilaalchise, qorannoon poolisiis ta'e, ragaa dhiyaatu booda himannaan abbaan alangaan taasifamu dursa eeyyama mana murtiin ala gaggeeffamuu hin danda'u.

Abbaan alangaa ragaa qorannoo poolisiin dhiyaatu booda ijoollee shakkaman kana irratti himata banuuf mana murtiirraa eeyyama argachuu akka qabu Obbo Morodaan ni himu.

Yoo eeyyama argatanii himatne baname, dhaddachii ijoollee kanaa dadhachaa cufaa akka ta'uuf manni murtii ajajuu mala.

"Sammuu ijoollee kanaa eeguuf jecha... maatii mucaa kanaa, namoota abbaan alangaa ragaaf barbaaduun dabalatee namootni muraasaan ala dadhacha cufa ta'e keessatti dhimmi isaanii akka ilaalamuu qabu seerri ni kaa'a."

Manni murtii ragaa madaalee erga mucaan kun yakkamaa ta'uun irratti mirkanaa'ee booda gochi itti aanuu adabbiidha.

"Gosootni adabbii ijoollee ganna 9 fi 15 gidduu jirani kan kaaniirra adda addumaa qaba," jedhu.

Inni jalqabaa yakki raawwatame yakkoota salphoo jedhaman keessaatti kan ramadamu yoo ta'e, manni murtee 'ijoollee kana dhaddacha irratti cepha'ee ykn akeekkachiisee akka isaan maatiitti deebi'an taasisa," jedhu.

Adabbiin biraa "mana jireenyaa ykn mana baruumsaatti yeroo murtaa'eef akka daangeeffaman murteessuun ni danda'a."

Murteen daangessuu kun yakka ijoolleen kun raawwataniif adabbiin maallaqaa kennamuu malu raawwachuuf dandeetti hin qaban yoo ta'e akka mala biraattis kan fayyadamamu ta'uu akka danda'u abbaan alangaa kun ibsaniiru.

Adabbiin kanarra cimaa ta'e kan keennamu yaakki ijoolleen kun raawwatan yakka adabbii hidhaa waggaa 10 olii ykn adabbii du'aa gaafatu yoo raawwatanidha.

Ijoolleen kun yoo yakka cimaa raawwatan mana hidhaatti ergamuu ni danda'u. Garuu akka nu'ura seera keewwata 168-1 fi 110-2'tti ijoolleen yakkamaa ta'uun isaanii mirkanaa'e fi umurii ganna 9 fi 15 gidduu jiran kun "ga'eessota irraa adda ba'anii akka hidhamuu qaban" ni ka'aa jedhu Obbo Morodaan.

Dabalataanis ijoolleen kun hidhaan erga itti murtaa'ee booda "turtiin mana hidhaa isaanii waggaa 10 caaluu akka hin qabne seerri ni kaa'a," jedhu.

Yakkootni ijoolleetiin Oromiyaa keessatti bal'inaan raawwataman kami?

Ijoolleen umurii ganna 9 fi 15 gidduu jiran yeroo yakki isaan raawwatan gudeeddi akka ta'e Obbo Morodaan natti himaniiru.

"Daa'imman dubaraa umurii ganna 3, 4 fi 5 ta'an irratti yakka gudeeddi rawwachuun," bal'inaan kan mul'atudha jedhu.

Ijoolleen kun y yakka kana erga raawwatanii booda murteen keennamu baayyinaan gara maatiitti isaan deebisuu ta'uun isaa rakkoo dabalataa kan uumuu ta'uu Obbo Morodaan ni eeru.

"Irraan hin baratan waan ta'eef, umuriin isaanii utuu hin ga'iinis ta'e erga ga'ee yakka raawwatanii ni deebi'uu [mana murtiitti]."

Maatiin 'mucaankoo akkanumaan himatamee kunoo manni murtiillee bilisa baasee' ilaalcha jedhu qabaachuun isaanii mucaan kun yakka isaa irraa akka hin barre gochuu akka malu himu.

Rakkoon biraa gama maatii miidhaan irra ga'eerra kan dhufudha.

Ijoolleen yakka irratti raawwatan hidhaa malee gadhiifamuun isaanii maatii lamaan gidduutti "sababa walitti bu'iinsaa" yeroo itti ta'u akka jirullee ni ibsu.

Hanqinni mana sireessaa ijoollee jirachuun isaa "maatiin miidhamaa maatii yakkamaa irratti akka haaloo ba'uuf," balbala kan banuu ta'uu isaa Obbo Morodaan ni amanu.

Manni sireessaa yakkamtoota umurii ganna 9 fi 15 gidduu jiraniif tajaajiluu jiraachuun, ijoolleen irra daddeebiin akka yakka hin raawwannee barsiisuu fi haqi maatiin miidhamaa barbaadan akka argatan waan gargaaruuf, mootummaan dhaabbilee akka kanaa hundeessuu irratti hojjechuu akka qabu himu.

Fakkeenyaa biyyootii biroo

Waa’ee Ijoolle yakka raawwatanii yemmuun yaadu kan sammuu kiyyatti dhufu dhimma ijoollee umurii ganna 10 UK, Joon Venabilsi fi Roobart Toomsan jedhamanidha.

Guraandhala 12, bara 1993 irratti daa’imni umurii ganna 2 Jeemsi Paatrik Balgar gabaa keessatti harmee isaa jalaa bade guyyaa lama booda reeffi isaa hadiida baaburaa irratti argame.

Daa’imni kun dararamee dhagaa fi sibiilaan tumamee ajjeeffame.

Du’a daa’ima kanaa caalaa kan uummata biyyatti rifaasise garuu yakkamtoota ajjeechaa kana raawwatanidha.

Joon Venabilsi fi Roobart Toomsan, lamaanuu kan umurii ganna 10 ta’an daa’ima kana gowwomsanii harmee isaa jalaa fudhanii haala sukkaneessaan lubbuu isaa galaafatani.

Ijooolleen kun dhaddachatti kana dhiiyaatan akka ga’eessotaatti yoo ta’u, Sadaasa waggaa sanaa keessa yakkamtoota ta’uun isaanii irratti milkanaa’ee, hidhaan waggaa saddeet irratti murtaa’eera.

Seenaa UK keessatti, bara sanatti, ijoollee umuriin xiqqoo yakka ajjeechaa raawwatan ta’ani.

Ijoolleen kun amma ga'eessota ta'anii, maqaan isaanii seeraan dhoksaan jijjiiramee gara hawaasaatti deebi'aniiru.

Itoophiyaa keessatti yakka ajjeechaa ijoolleen raawwataman quba akka hin qabne kan himan Obbo Morodaan ni himu.