Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Namoonni mootummaa Itoophiyaa fi TPLF jidduu jaarsummaa taa'an ifa taasifaman
Komishiniin Gamataa Afriikaa (AUC) miseensoota gumii olaanaan jaarsummaa mootummaa Itoophiyaa fi humnootii Tigraay jidduutti Afriikaa Kibbaatti gaggeeffamuf jiru gaggeessanii ifa taasise.
Dura ta’aan Komishinichaa Mahammat Musaa Faakii, ibsa Onkolooleessa 6, 2022 baaseen akka jedheetti, miseensoonni gumii olaanaa kunis namoota Afriikaa kanneen maqaa gaarii qabaniif beekamoo kan haammatee fi itti yaadamuun marii nagaa Itoophiyaa kana qofaaf kan walitti qabamaniidha.
Haaluma kanaanis, miseensoonni gumii jaarsummaa nagaa kanaa Gaanfa Afriikaatti Bakka Bu’aa olaanaa Gamataa Afriikaa fi pirezidaantii Naayijeeriyaa duraanii, Oluseeguun Obaasaanjoo dabalatee, pirezidaantii duraanii Keeniyaa, Uhuruu Keeniyaataa fi Ittaanaantuu pirezidaantii duraanii Afriikaa Kibbaa fi miseensa gumii gamtichaa, Dr Phumzile Mlaambo-Ngcuka fa’iin akka hogganamu ifa taasiseera.
Gamtaan Afriikaa xalayaa affeerraa marii guyyoota muraasaan dura mootummaa Itoophiyaatiifi aanga’ootta naannoo Tigraayiif erge hordofee, mootummaan Itoophiyaa fi humnootiin TPLF waamicha marii dhiyaateef simachuu ibsuun isaanii ni yaadatama.
Dura taa'aan TPLF, Dabiratsiyoon Gabramikaa’el xalayaa Komishinarii Komishinii Gamtaa Afrikaa Musaa Faakiif barreessaniin, ''Waraana kana karaa nagaan furuuf qophiidha,’’ jedhanii ture.
TPLF garee marii kanarratti hirmaatu gara Afrikaa Kibbaa erguuf qophii tahuu ibsuun, dhimmooti ifa hin taane jiraaachuu kaasuun gamticharraa ibsa gaafateera. ''Mariin kuni milkaa’inaan akka jalqabuuf qaamoti biroo akka hirmaatan,’’ baruu akka fedhu ibsuun ni yaadatama.
''Taajjabdootaa akkasuma gaheen hawaasa addunyaa maali?’’ kan jedhu fa'i ture gaaffiin gareen TPLF ibsa gamtichaa itti gaafate ture.
Mootummaan Itoophiyaas gama saatiin marii nagaa waraana kaabaaa Itoophiyaatti humnootii Tigraay waliin gara waggaa lamaatiif gaggeeffame karaa marii nagaatiin furuuf Gamtaa Afriikaan waamicha dhiyaateef fudhachuu beeksiseera.
Komishiiniin Gamataa Afriikaas ibsa isaa ammaa kanaan kutannoo gareewwan lamaan waldhabdee jidduusaanii karaa mariitiin furuudhaaf taasisan simachuu ibseera.
Komishinichi dabalunis, muxannoo bal’aa fi dandeettii hooggansaa addaa miseensoonni gumichaa qaban paartiilee lameen jidduutti marii ijaaraa fi gara waraana Kaaba Itoophiyaa mariidhaan furuutti geessuu akka qaban amantaa qabaachuu ibseera.
Akkasumas qaamooleen lameen ummata Itoophiyaa hundaa fi naannoo Gaanfa Afriikaa guddichaaf jecha nagaadhaaf carraa akka kennaniif waamicha taasiseera.
Mootummaan Itoophiyaa fi hunmootiin Tigraay maqaa namoota bakka isaan bu'un marii nagaa irratti hirmaatan ifa taasisuun isaanii ni yaadatama.
Waaraanni kaaba Itoophiyaatti mootummaa federaalaa fi humnootii TPLF jidduutti gaggeeffamu erga eegalee waggoota lama guutuuf torbanooti kan hafe yoo ta'u badii lubbuu namoota kumaatamaa fi badiinsa qabeenyaa hedduutiif madda ta'eera.
Waraanaa lammiilee miiliyoonoti qee'efii qabeenyaa isaanii irraa akka buqqaafamaniif madda ta'e kana karaa nagaatiin furuuf yaaliiwwan nagaa yeroo garaa garaatti taasifamaa turan illeen hanga ammaatti nagaa qabatamaan bu'u hin dandeenye.
Mariin nagaa tibbana dahoo Gamataa Afriikaa jalatti gaggeeffamuu jiru kunis Afrii Kibbaatti Sambataa fi Dilbata ni taa'ama jedhamee eegama.