Abbaan qabeenyaa Awustiraaliiyaa Yukireen deebisanii ijaaruuf dolaara biliyeena 26 'nan sassaaba' jedhe

Madda suuraa, Getty Images
Abbaan qabeenyaa Awustiraaliyaa, Andiriiwu Foorast jedhaman, Yukireen deebisanii ijaaruf kan oolu dolaara biiliyeena 25 akka kennu beeksise.
Abbaan qabeenyaa kun biliyenaara kan ta'e oomisha albuudaa irratti hirmaachudhaan.
Innii fi haatii manaa isaa dolaara miliyeena 500 yoo gumaachan, qindeessitoonni sagantaa kanaa dolaara biliyeena 100 walitti qabuu danda'u jedhame.
Dhaabbanni Ukraine Green Growth Initiative jedhamu Andiriiwu bu'uuraalee misoomaa ijoo ta'an kanneen akka anniisaa fi neetwoorkii telekoomii irratti dursee akka xiyyeeffatu beeksise.
Pirezidaantin Yukireen Voloodmir Zeleniskiin yaadicha fudhataniiru.
"Carraa kanatti fayyadamnee waan Raashiyaan barbadeessite bu'uuraalee misoomaa ammayyaa, magariisa fi dijitaala ta'een bakka buusna," jedhan Zeleniskiin.
Fandii kana sassaabuu irratti abbaan qabeenyaa beekamaan Andiriiwu Foorast ji'a Bitootessaa irraa eegalee Joo Baayidan, MM UK duraanii Booris Joonsan pirezidaantii Gamtaa Awurooppaa waliin mariyachuu beeksise.
"Madda anniisaa nikularii kan cileedhan hojjatu kan ammayyaa fi anniisaa magariisan bakka buusuf Pirezidaant Zeleniskiin carraa kanatti fayyadamuu barbaada," jedhuun BBC'tti hime Andiriwu.
Itti dabaluunis, "Loltoonni Raashiyaa lafa Yukireen gadi dhiisanii akkuma bahaniin maallaqni kun gadi ni lakkifama" jedhe.
Andiriiwu Foorast qabeenya guddaa kan horate albuuda baasuu irraa yoo ta'u yeroo dhiyoo as garuu hojii omisha isaa teknolojii kaarbonii hir'isuu fi anniisaa magariisa irratti fuulleffateera.
Yukireen deebisanii ijaaruu
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Raashiyaan Yukireen weeraruu irraa kan ka'e bu'uuralen misoomaa Yukireen hedduun manca'aniiru.
Yeroo dhiyoo as ammoo Raashiyaan buufata humna ibsaa dabalatee bu'uuraalee anniisaa irratti xiyyeeffachuun haleellaa gaggeessun ishee biyyaattii heddu kasaarsera.
Ministeerri Muummee Yukireen Denys Shmyhal ji'a Adoolessaa keessaa biyyattiin waraana irraa bayyanachiisuf dolaara biliyeena 750 barbaachisuu mala jedhan.
Kana keessaa ammoo dolaara biliyeena 100 kan ta'u kallattiidhan miidhaa bu'uraalee misoomaa irra gaheedha jedhan.
Raashiyaan miidhaa waraanaa Yukireen irraan geessef beenyaa akka kaffaltuuf torban kana keessa hawaasni addunyaa gaafataa turan. Kuni garuu Raashiyaa baay'ee aarse.
Korri Walii Galaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UN) Raashiyaan Yukireen irratti badii raawwatteef beenyaa akka kaffaltu sagalee caalman murteessee ture.
Murteen UN kuni mallattoodhumaafi malee dhaabbatichi humna ittiin hojiirra oolchu hin qabu kan jedhanis jiru.












