Ziincheenkoon Maan Siitii irraa Arsenaal gale

Madda suuraa, Getty Images
Arsenaal taphataa sarara gidduu Maan Siitii Oleksaader Ziincheenkoo mallatesise.
Taphataan ganna 25, daawwannaa Maan Siitii USAtti taasisa jiru adda kutuun waliigaltee isaa xumuruuf gara Landanitti imale.
Arsenaal taphataa lammii Yuukireen kana fudhachuuf paawondii miliyoona 30 Maan Siitiif kaffale.
Arsenaal bara kana taphattoota haaraa shan kan mallatesise yoo tahu, taphataan duraanii Maan Siitii Gabri'el Yesus paawondii miliyoona 45n Arsenaalitti makamuun isaas ni yaadatama. Tapahattootni lameen yeroo Maayikil Artetaan Peep Gaardiyoolaa jalatti gargaaraa leenjisaa ture waliin hojjetaniiru.
''Kun abjuu ijoollumaakotu dhugoome, sababni isaa ijoollee tahee Arsenaal baay'een dinqisiifadha ture,'' jedhe Ziincheenkoon.
''Erga Teerii Heenerii fi Ses Faabirigaas as keessa taphachuu jalqabanii eegalee tapha isaanii ilaalaan guddadhe. Ergasii kilaba kana baay'ee jaalachuun jalqabe, kilaba jaalladhu kanaaf hangan taphadhutti ariifadheera,'' jedhe taphataan kun.
'Waancaa injifachuuf abdiin qaba.'
Ziincheenkoon biyya isaa waraan akeessa jirtu Yuukireeniif yeroo taphatu sarara gidduu irraattidha.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Maan Siitii keessatti ammoo ittisa cinaa gara bitaa irra taphata. Artettaan taphataa bakka hedduutti nu fayyaduu danda'u arganne jedhe.
Bakka kam irratti akka taphachuu barbaadu Arteettaa wlaiin dubbachuu kan hime taphataan kun garuu ibsuu hin barbaanne.
''Guyyaa tokko leenjisaankoo karra eegaa akka taatun barbaada yoo na jedhe tole jedhen fudhadha. Bakka inni na barbaadetti nan argamaaf,'' jedhe.
Oduu jijjiirraa biraan Maan Yuunaayitid bakka Kiristaanoo Roonaaldoo taphataa Ajax Antoonii mallatesiisuf gaaffachuu itti fufeera.
Roonaaldoon yoon Man Yuunaayitid keessa ture hirmaannaa Shaampiyoonsi Liigii hin argadhu jedhee yaaduun kilabicha keessaa bahuu barbaada.
Tarii Liyonel Mesiin rikardii galchii Shaampiyoonsi Liigii koo na jalaa cabsa yaaddoo jedhu qaba.
Tapahattotni kilaba isaa keessa jiranis waancaa gurguddaa injifachuuf kan isa gargaaran akka hin taane amana jedhu gabaasaaleen.
Garuu kilabni Roonaaldoo fudhachuu barbaadu hin argamne. Tarii Atileetikoo Maadirid baka taphatichi seenuu fedhu tahuu akka hin oolle himama.
Cheelsiin tapahataa sarara ittisaa Siiviyaa Juules Koondee mallatesisuuf waliigaleera. Kaaliiduu Kulibaalii Naappoolii irraa kan fudhate Chelsiin bakka Kiristaansenii fi Toonii Ruudiger taphattota cicimoo fidaa jira. Koondee Baarseloonaan fudhachuuf dorgommii keessa turus mo'ameera.












