Tiraamp fi Istoormii Daani’eelsi gidduutti maaltu mudate?

Pirezedantiin duraanii Ameerikaa Doonaald Tiraamp taatoo fiilmii saalqunnamtii Istoormii Daani’eelsi waliin hariiroo qabaachaa ture akka hin himne callisiisuuf maallaqa kaffaleef jedhamuu hordofee mana murtiitti dhiyaachuuf jira.

Istoormii Daani’eelsi Tiraamp waliin saalqunnamtii raawwachuu himtetti.

Filannoo pirezedantummaa bara 2016 dursa waa’ee saalqunnamtii Tiraamp waliin raawwachuu akka hin haasofne waadaa seentee, abukaatoo Tiraamp harkaa doolara 130,000 fudhachuu himte.

Abukaatoon duraanii Tiraamp Maayikil Kohaan dhaddacha mana murtiirratti dhyaatee ajaja Tiraampiin maallaqa kaffaluu amaneera.

Kohaan bara bulchiinsa Tiraamp badii gara garaa raawwateef himatamee waggoota lamaaf hidhaa ture.

Tiraamp Istoormii Daani’eelsi waliin saalqunnamtii raawwachuu haale.

Iccitii Istoormii Daani’eelsi addabaabahiitti baafte

Tiraamp taatoo fiilmii saal-qunnamtii Istoormii Daani’eelsi waliin hariiroo qaba jedhame haasa’amu kan eegale A.L.A bara 2018tti ture.

Istoormii Daani’eelsi maqaan ishee inni sirriin Istifanii Kiliiford yoo ta’u, bara 2006 Tiraamp waliin ciise jettee miidiyaarratti dubbatte.

Bara ittaanu haadha warraa isaa yeroo ammaa Mileniyaa fuudhe.

Daani’eelsi dorgommii tapha Goolfi deeggarsaa dorgomamurratti wal baranii, hoteelatti saal-qunnamtii raawwachuu dubbatte.

Yeroo sanatti Tiraamp waa’ee hariiroo keenya hin dubbatiin jedhee na doorsisaa ture jette.

‘’Dhimmichi waan isa yaaddesse hin fakkaatu. Of tuulaa ture,‘‘ jechuun dubbatte.

Doorsisa

Tiraamp filannoo Pirezedantummaa Ameerikaa bara 2016 filatamuf torban muraaasa dursee waa’ee hariiroosaanii akka hin dubbanneef Tiraamp karaa abukaattoosaa doolara 130,000 fudhachuu Istoormii Daani’eelsi himte.

Maallaqicha kanan fudhadhe ofiii kootis ta’ee, maatii kootiif waanin yaadda’eef jette.

Istoormii Daani’eelsi waa’ee dhimma kanaa akka hin dubbanne qaaman na doorsisaa turan jetti.

Miidiyaa tokkoorratti dhiyaattee af-gaaffii taasisuf erga kaate booda namtichi tokko isheef daa’ima ishee dorsiisu himatte.

Daani’eelsi akka calliftuuf maallaqa kaffaluufin yakkaa?

Hariiroo namoota giddu ture yoo addan cite, akkasuma hariiroon nama dhuunfaafi dhaabbata giddu ture yoo addan cite akka waa’ee isaa hin haasofne callisiisuuf maallaqa kaffaluun yakkamiti.

Haa ta’u malee Tiraamp filannoon pirezedantummaa filatamuuf torban muraasni yeroo hafetti waan ta’eef, tarkaanfiin kun duula filannoo waliin hidhata qaba jedhanii kanneen falman jiru.

Bara 2018 sirna faayinaasii duula filannoo cabsuu dabalatee badiiwwan biro raawwachuu kan amane abukaatoon Tiraampkan ture Maayik Kohaan, Daani’eelsi maallaqa kaffaluu mana murtiitti dhiyaate amaneera.

Maallaqicha erga kaffalee booda Tiraamp maallaqa kaffalee bakka buusuufi amane.

Tiraamp hariiroo saalqunnamtii Daani’eelsiwaliin akka hin raawwannee fi seera faayinaansi hin darbine jedhee falma.

Abootiin murtii dhimmichaqorataa turan garuu Tiraampirratti himannii akka banamu eeyyamaniiru.