Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Tiraamp taatoo fiilmii saalqunnamtiif maallaqa kaffaluun walqabatee hidhamuuf
Pirezidantiin duraanii Ameerikaa Doonaald Tiraamp filannoo pirezidantummaa bara 2016 dura taatoon fiilmii saalqunnamtii Istoormii Daani’elsi waa’eesaanii akka hin haasofne callisisuuf maallaqa kaffaluun walqabatee himatamuufi.
Galmeen himannaasaanii maal akka ta'e ammaaf bal’inaan hin ibsamne.
Abbootiin murtii taatoo fiilmii saal-qunnamtii Istoormii Daani’elsi jedhamtu waliin hariiroo qabaachuu kan isheen himatte akka callistuuf dolaara 130,000 kaffaluufi qoratamuu hordofeeti.
Maanguddoon ganna 76 Tiraamp, balleessaa raawwachuu haalaniiru.
Tiraamp Pirezidantii duraanii Ameerikaa yeroo jalqabaaf yakkaan himatamanidha.
Abbaan alangaa bulchiinsa Manhattan Alvin Biraag, qorannoo Tiraamp irratti gaggeeffamu hordofaa kan ture yoo ta’u, abukaatoo Tiraamp waliin ‘’akka harka kennatu qindeessuuf haasofsiisen ture,’’ jedhe.
Tiraamp bulchiinsa Filooridaa kan jiraatan yoo ta’u, Wixata gara Niwuyoorkitti akka imalan, Kibxata mana murtiitti akka dhihaatan maddeen dhimmicha beekan lama CBS'tti himaniiru.
Dhaddacharratti dhimmi itti himataman ni dubbifamaaf, kunis daqiiqaa 10-15 fudhata.
Qaamoleen Tikaa Ameerikaa warri Pirezidantii Ameerikaa hojiirra jiranii fi Pirezidantii duraanii Ameerikaa eegan wayita Tiraamp mana murtiitti dhiyaatan eegumsa ni taasisuuf.
Tiraamp akkuma himatamtoota birootti ashaaraan quba isaanii ni fudhatama, akkasumas suuraan isaaniis ni kaafama.
Tiraamp haasaa isaanii keessatti Abbaa alangee kutaa bulchiinsa Manhattan qeeqanii ture.
Tiraamp Abbaa alangee kanaan ‘’kabaja-dhabeessa’’ jechuun ‘’gocha badaa Baayiden hojjataa jirta,’’ jedhanii himatan.
‘’Dimokiraatonni Tiraamp miidhuuf sobaa, burjaajji uumaa fi hamaa natti yaada turanii,’’ jedhan.
Amma garuu waan hin yaadamne raawwatanii jedhan Tiraamp.
Nama guutummaatti yakkarraa bilisa ta’e gocha filannoo gidduu seenuun jedhuun walqabsiisanii himatan jedhan.
Tiraamp qorannoo yakkaa magaalaa Niwuyorkitti taasifamu kanaan ‘’adamoo siyaasaa’’ warra mormitoota isaatiin gaggeeffaamu akka ta’eetti irra deddeebiin qeeqaa turan.
Abbaa alangaa bulchiinsa Manhattan Alvin Biraag miseensa paartii Dimokiraatoota ta’uun kan galmaa’an yoo ta’u, morkii siyaasaarraa ka’uun Tiraamp hordofaa akka hin jirre himaniiru.
‘’Galmee dhaddacharratti kan madaallu haqa, seeraa fi ragaarratti hundoofneeti,’’ jechuun jalqaba jia’a kanaatti tiwiitara gubbaatti maxxansan.
Abukaatoon Tiraamp Suzaan Necheles akkas jedhan: ’’Yakka hin hojjanne. Himannaa siyaasaa kana cimnee falmina,’’ jedhan.
Qorannoon kun Tiraamp ogeessii seeraa isaanii yeroo sanaa Maayilik Koheen taatoo fiilmii duraanii Istoormii Daani’eelsif maallaqni filannoo Pirezedantummaa bara 2016 torban lama dura akka kaffalamuuf ajajuun shakkama.
Maallaqani kun Istoormii Daani’eelsif kaffalamu saalqunnamtii waliin raawwachuu akka hin dubbanne callisiisuuf jedhame shakkama.
Istoormii Daani’eelsi Tiraamp waliin hotela Haroo Taaho jedhamutti argamutti bara 2006 saalqunnamtii raawwadhe jette jechuun himatte.
Bara 2007 ammoo Tiraamp haadha warraa isaanii waliin jiraatan Melaaniyaa fuudhan.
Maayilik Koheen ammoo doolara 130,000 ‘’qajeelfama Pirezedantii duraanii fi ajajá isaatiin kaffalleerra’’ jedheera.
Maayilik Koheen himannaa garaa garaan walqabatuun bara 2018-2020'tti hidhameera.