Humni Ibsaa hanna sibiila elektirikaa irratti raawwatamuun birrii miliyoona100 kasaaruu beeksise

Hanna utubaa sibiila elektirikii irratti taasifameen A L I bara 2014 keessa qofa kasaaran birrii miliyeena 100 isa mudachuu Humni Ibsaa Itoophiyaa beeksise.

Hanna utubaa sibiila elektirikaa irratti gaggeeffame jedhame kanaan waggaa tokkotti dhaabbatichi sibiilli toonii 756 ta'u saamamuutu himame.

Humni Ibsaa Itoophiyaa fuula miidiyaa hawaasaa isaa irratti akka ibsetti, utubaawwan baattuu sibiila elektirikaa gurguddaa ta'an irratti hanni irra deddeebin gaggeeffamaa jira.

A L I bara 201'tti utubaawwan sibiilaa gurguddaan humna elektirikaa daddabarsan 24 guutummaatti kan caccabe yoo ta'u, sibiilaafi kondaaktariin isaa hatamuu ibse Humni Ibsaa Itoophiyaa.

Kanaanis sibiilonni taaworii 30,000 ol ta'a hatamuutu ibsame.

Utubaa sibiilaa gurguddaa dhaabatanii i kan kufan irraa sibiilli toonii 756 birrii miliyeena 72.3 tti shalagamu kan hatame yoo ta'u, sibiilota hataman iddootti deebisuuf baasii birrii miliyeena 23.8 baasuu isbe.

Walumaa galatti hanna sibiila elekrikaa irra gaheen birrii miliyeena 100 akka kasaare ibse Humni Ibsaa Itoophiyaa.

Hannaa sibiila elektirikii irratti gaggeeffamu hambsuuf hawaasa wajjin marii gaggeessuu kan hime dhaabbatichi, bakkeewwan tokko tokkotti hanni akkuma itti fufetti jiraachuutu ibsame.

Rakkoo kana wantota hammeessan keessaa namoota hanna sibiila elektirikaatin shakkamanii himataman irratti adabbiin seeraa barsiisaa ta'e fudhatamuu dhabuu akka ta'e ibse Humni Ibsaa Itoohiyaa.