Barataan Yunvarsiitii Jimmaa guyyaa eebbaasaa kasala mataatti baateefi harmeensaa maal himu?

Misbaa Ridaa fi haadhasaa

Madda suuraa, Misba

Ibsa waa'ee suuraa, Misbaa Ridaa Abbaamoggaa fi harmeessaa waliin

Barataan Yunivarsiitii Jimmaa, guyyaa eebbasaa oolmaa harmeesaa miilla qullaa kasala ykn cilee dugdatti battee isa barsiiste yaadachuuf jecha cilee mataatti baatee harmeesaa waliin deeme. Maqansaas Misbaa Ridaa Abbaamoggaa jedhama.

Harmeensaa ammoo qaanofteefii 'akkamiin guyyaa eebbakeetiin akkas goota ani nan baadhaa' jechuun boo'aa ilmashii waliin deemaa turte. Imimmaan facaasaa mucaashee uffata eebbaa keewwatee kasala mataatti baatee deemu waliin miira walmakaadhaan imalaa turte.

Gochaan kun erga fuula miidiyaalee hawaasaatiin qoodamee as ijoo dubbi ta'eera. Kaan sirrii goote baga oolmaa harmeekee yaadatte yoo jedhan, gariin ammoo faallaasaa jedhu. Barataan kun garuu ''kabaja oolmaa haadhakoo miila qullaa kasala baattee na barsiisteetiif malee sumunii tokko namarraa barbaadeen miti'' jedha.

BBC'n bu'aa bahii dargaggeessi kun keessa darbuun baratee eebbifame ilaalchiisee isaafi harmeesaa dubbisuun akkanaan qixeesseera. Dhiyaadhaa!

Misbaan Godina Jimmaa Aanaa Nadhii Gibee magaalaa Diimtuutti dhalatee guddate. Maatiinsaa isa waliin ijoollee dubaraa sadii fi dhiirota lama qabu.

Maatiisaaf inni mucaa lammafaadha. Maatiinsaa harka qalleeyyii waan ta'aniif, shanansaanii keessaa isa qofatu baratee milkaa'e. Abbaansaa muka muraa, obboleessisaa hangafaa ammoo cilee baasee, harmeensaa cilee magaalaa geessitee gurguraa haala rakkisaa keessatti isa barsiisan.

Misbaan kutaa 1-7 Diimtuutti barate. Sana booda barnootasaa addaan kutee, magaalaa Asaandaaboo deemuun barnoota Qur'aanaa qara'uu eegale. Ganna afuriif achuma turuun kitaaba qara'e.

"Jarri ani bira taa'ee Qur'aana haffaze sun, amallikee waan nutti toleef nu bira teessee barnoota [addaan kutte] barachuu qabda naan jedhani" jechuun kan yaadachiisu barataan kun achumatti kutaa saddeet eegalu dubbata.

'Namoonni ijakoofaa dhokataa turan jiru'

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Kutaa sagalittis darbee otoo barnootasaa hordofaa jiruu gidduutti addaan kutee gara Qur'aana qara'uutti deebi'e.

Ganna tokkoo booda ammoo barnootasaatti deebi'uun kutaa sagalii hanga kudha lamaa maatiisaa bira taa'ee achuma magaalaa Diimtuutti barate. Kutaa 12ffaa xumuree qabxii muraasaaf yunivarsiitii seenee barachuuf hin milkaa'iin hafe.

"Barataa cimaan ture. Qur'aanan baradhe sanaan salaachisaa waanan tureef, hawaasa keessattis nama dhageettii qabun ture. [Qabxiin seensa yunivarsiitii] naa dhufuu dhiisuutti baay'een qaana'e" kan jedhu Misbaan, yunivarsiitii seenuu dhabuun akka itti dhaga'amee ture hima.

"Namoonni mucaan kun darbuu qaba ture, Rabbi maaf akkas goote jedhanii ijakoofaa dhokataa turan jiru" jechuun namoonni milkaa'ee yunivarsiitii seenuu dhabuusaatti akka isaaf gaddaa turanis yaadachiisa barataan kun.

"Manuma taa'ee qonna hojjetataan, ogummaa teeknikaa" barachuuf murteessee ture kan jedhu dargaggeessi kun, "hawwiinkoo digirii barachuudha. Digirii baradhee eebbifamee namoota [qabxii dhabuukootti] natti gammadan haamlee cabsuudha" jechuun xiiqiisaa ibsa.

"Namni kufe digirii kaffaltiidhaan ni barataasaa hin beeku. Guyyaa lama qofan magaalaa Jimmaa dhufe, odeeffannoos hin qabu" jechuun dhiphataa akka ture kan kaasu Misbaan, boodarra hiriyaansaa magaalaa Jimmaatti barataa ture odeeffannoo akka qoodeef kaasa.

'Guyyaa qansiraa barbaannee si hojjechiisnee galgala barattaa naan jedhe'

Misbaa Ridaa Abbaamoggaa maatiisaa waliin

Madda suuraa, Misba

Hiriyaansaa "koottu guddaafi xinnaa qansiraa dhumallee hojjennee baranna; sin barsiisaa jedhee na kadhate" kan jedhu Misbaan,"maatiinkoollee na gargaaruu hin danda'an. Jireenya keenya ni beekta, waan ittiin baradhu hin qabu" jechuun gaaffii hiriyaasaatiif akka deebise dubbata.

Boodarra maatii hiriyaasaa bira qonna qotatee maallaqa walitti qabatee barnootaaf magaalaa Jimmaa deemuu akka barbaadu hiriyaasaatti hime.

"Waggaa tokkoof lafa keessanirra dhaqee barbaree dhaabee, birrii walitti qabadheenillee baradha malee dhufee sin rakkisu" jechuun hiriyaasaa waliin akka haasa'e kaasa.

Duraan maatiinsaa mana citaa keessa akka jiraataa turan kan kaasu Misbaan "manas haadhaaf abbaakootti kan naaf ijaare isa. Waan danuu naaf dabarseera" jechuun waa'ee oolmaa hiriyaansaa Saabir Abbaabiyyaa dubbata.

Kana gidduutti hiriyaansaa beeksisa sagantaa barnoota galgalaa yunivarsiitiin Jimmaa baase argee itti hime.

"Guyyaa hojii hojjettee, galgalammoo dhaqxee baratta. Digiriidhumaan baratta. Guyyaa qansiraa barbaannee si hojjechiisnee galgala baratta jedhee gammadee naaf bilbile" jechuun yaadata Misbaan.

Sanaan booda "birrii dhibba afur qopheeffadhee, otoon maatiittis hin himiin hiriyootakoo lama waliin dhaqnee galmoofne" jechuun imala abjuusaa milkeessu tokko jedhee eegaluu dubbata.

"Silamayyuu waa'een hoggansaa natti tola. Rakkoo ummataa otoon furee jedhee waanan hawwuuf" gosa barnoota Maanajimantii barachuu akka eegale ibsa.

'Baay'ee jireenyuma cinqii keessa turre'

Misbaa Ridaa Abbaamoggaa

Madda suuraa, Misba

"Baay'ee ulfaataadha, hangana jedhee ibsuu hin danda'u. Jireenyuma cinqii keessa turre" jedha waa'ee jireenya maatiisaa yeroo ibsu Misbaan.

Yeroo daa'ima ture "horiillee xiqqoo qabna ture" kan jedhu Misbaan, horiin sunis "booddee gaafan ofbaraa deemu nu jalaa dhumte" jechuun ibsa.

Yeroo kutaa torbaffaa baratu jireenyi garmalee isaanitti cimuu kan yaadachiisu dargaggeessi kun, "obboleessikoo inni hangafakootii jireenya garatti godhu dhabee cilee baasuutti ka'e" jechuun jireenya mo'achuuf jecha abbansaa muka muruun, obboleessasaa hangafaa waliin ammoo mukicha gubuun cilee oomishuutti akka seenan dubbata.

"Inni [obboleessasaa hangafti] guyyaa muka muraa oola. Alan barumsaa galu dhaqeen isa gargaara; isa waliinan awwaala. Ennaanni gubate bishaan itti naquudhaaf illee halkaniin, subiidhaan dhaqnee baafna. Ala nuti mana finnemmoo harmeen keenya baattee katamaa nuu geessiti.

''Kopheellee hin qabdu turte. Miila duwwaa deemteetu katamaa dhaqxee nagaddi. Abbaankoollee muka muree obboleessakoo hangafaa gargaara" jechuun rakkoo maatiinsaa keessa turan ibsa barataan kun.

Cilee "birrii gaarii [argachuuf] keeshaa lamallee yeroonsheen walirra hidhattee, deemsa fageenya daqiiqaa soddomaa" miila qullaa deemtu jiraachuu gaddaan yaadata dargaggeessi oolmaan harmeesaa garaa nyaachuun guyyaa eebbasaatti cilee mataatti baate kun.

Qormaata haatisaa miila qullaa kasala dugdatti baattee isaan jiraachistu waan itti dhaga'ameef barnoota addaan kutee Qur'aana erga qara'ee ijoollee qaraasisee akkuma ta'etti harmeesaa gargaaruuf yaalaa akka ture kan ibsa Misbaan.

"Wanti akkas na godhe waanta biraa miti" jechuun guyyaa eebbasaa kasala mataatti baachuunsaa jaalalaaf ulfina haadhasaaf qabu agarsiisuuf ta'uu dubbata.

"Yeroon Qur'aana haffazee dhufee nama beekamaa ta'ee, sagachiisee jedhu namni [fedhiidhuma isaatiin] gammadee dhufee ishee kana saamunaan bitadhu jedhee kan sii kennu jira. Ishee kana fudhadhee geessee hamma tokko nan gargaara" ture jedha.

'Haatikee maaltaatee kasala baatti jedhee mana barumsaatti dhufee na arrabsa…'

Misbaa Ridaa Abbaamoggaa miseensoota maatii waliin

Madda suuraa, Misba

Yeroonni magaalaa ture, "kasala baattee, gurgurtee, nyaata naa fiddee kaatee manatti galti" jechuun oolmaa harmeesaa kan yaadatu dargaggeessi kun, haatisaa ganna shan guutuu cilee dugdatti baattee isaan jiraachisuu dubbata.

Maatiinsaa lafa qabuuchuu kan ibsu Misbaan "sangoota ittiin qotatanii fi maallaqa xaa'oo ittiin bitatanillee waan hin qabneef" rakkachaa turuus dubbata.

Dhiyeenya kana "erga waggaa sadii, afurii bareedduu jirra" kan jedhu dargaggeessi kun, ammatti harmeensaa akka duraanii kasala baatanii gurguraa akka hin jirre dubbata. Ta'us garuu oolmaan isheen isaaf ooltee yoomillee akka hin dagatamne kaasa.

"Nama meeqatu haatikee maaltaatee kasala baatti jedhee mana barumsaatti dhufee na arrabsa" kan jedhu Misbaan, haatisaa qaanii malee hojii rakkisaa hojjechaa akka isa barsiistes dubbata.

Keessumaa yeroo inni Qur'aana qara'ee namoota salaachisu, yeroo inni hawaasa biratti beekamaa turetti otoo hin qaana'iin miilashee duwwaa magaalaa keessa deemtee kan isaan jiraachistetu garmalee isatti dhaga'amee akkuma haatiikoo otoo natti hin qaana'iin kasala baatte, anis otoon hin qaana'iin kasala baadhee oolmaa haadhakoo agarsiise jechuun waan guyyaa eebbasaa raawwate ibsa.

'Katamaa kanayyuu otoon naanna'ee narraa hin cabu; miira gammachuutiinan baadhe'

Gaafa guyyaa eebbasaa Waxabajjii 21 galma keessa taa'ee akkamittan oolmaa haadhakoo baasa?" jedhee yaadaan dhiphataa akka ture yaadata. Qophii fi girrigirriin achi ture yaadasaa qabachuu hin dandeenye. Waa'ee oolmaa harmeesaatu sammuusaa weeraree boqonnaa dhorkaa ture.

Boodarra yaanni tokko sammuusaatti dhufe. Maaliifan kaasala haatikoo ganna shan guutuu dugdatti baattee, miilashee qullaa deemtee ittiin na barsiiste mataatti baadhee kabajan oolmaasheef qabu hin agarsiisu yaada jedhu.

Innis irra deebi'ee itti hin yaanne. Bilbilasaa baasee hiriyaasaatti bilbilee kasala naaf bitii mooraa fuuldurratti naaf fidi jedheen.

"Ergan gaafa [qormaata bahinsaa darbee] miirrikoo ijoollee hundarraa adda ture. Maalta'e mucaan kun akkasitti gammada, naan jedhu hiriyoonnikoo" jechuun kan ibsu Misbaan dhamaatiin harmeesaa waan ija godhatee eebbaaf gaheef baay'ee gammaduusaa hima.

"Gaafan galma eebbaa galullee yaadaan ture; garuu na sodaachise. Gaafan abaaboof baayindariikoo baadhee galma seenu natti tolaa ture, nan iyya. Mucaan kun uztaazatti beeknaa, akkamiin akkanatti iyya jedhu" jechuun miirasaa guyyaa eebbaa ganama ture yaadata.

Erga galma seenee booda garuu "maaltu na sodaachisaa, maafan [oolmaa harmeekoo] hin agarsiisu" jechuun of gaafate. "Isheen gaafa miila duwwaa joorte na barsiiste, otoo natti hin qaanofne, silaa gaaf sana duubatti hafeen qonnatti gala mitii? Abbaankoo, obboleessikoo gaaf sana itti hin qaanofne, anatu har'a itti qaana'aa? Waanti dhufe haa dhufu [harmeekoo] gammachiisuun qaba" jedhee akka murteesse dubbata.

Hiriyaansaa inni bilbileefis "baajaajiillee dhabee kasala bitee mataatti baatee" akka seensa moora Yunivarsiitii Jimmaa fuulduratti isaaf fide hima.

Haala sanaan harmeesaa waliin yeroo mooraa yunivarsiitichaatii bahu kasala mataatti baatee daandii dheeraa deemuun oolmaa haadhasaa yaadate. Harmeensaa ammoo gocha ilmasaaniitii nahuudhaan boo'aa akka isa waliin deemaa turan dubbata eebbifamaan yunivarsiitii Jimmaa kun.

"Otoonni mataa na quuquu, otoo isheen adaraa sitti cimeeraa, sirraa fuudheen baadhaa jettuun, ati sana hunda baattee calluma jedhi, har'a taraakeen baadhaa, katamaa kanayyuu otoon naanna'ee narraa hin cabu; miira gammachuutiinan baadhe; hin yeellane" jechuun daandii dheeraa uffata eebbaa akkuma uffatetti kasala mataatti baatee deemuu dubbata.

Namooni duraan isa beekan waansaa wallaalanii akka rifataa turanis kaasa. "Boo'aadhuma na faana deemte malee waan tokko haasa'uu dadhabde" jechuun miira harmeesaa guyyaa sana ture ibsa.

"Haatikoo hanga yoonaa sireerra ciistee hin beektu, firaashii gaariirra ciistee hin beektu" kan jedhu Misbaan fuulduratti jireenya harmeessaa fooyyessuuf hawwii guddaa qabaachuu dubbata.

Misbaan akkuma eebbifamee gara mana maatiisaatti gale. Ergasii neetwoorkiis argatee yaada miidiyaa hawaasaarratti kennamaa jiru akka hin argine dubbata.

"Waan hin taane hojjete. [Fayidaa] wayii barbaadeetu akkas godhe" jechuun namoonni miidiyaa hawaasaa irratti yaada itti kennaa jiraachuu hiriyaasaarraa dhaga'uu kan ibsu Misbaan, "ani qulqullummaanan hojjedhe.

Sa'aatii kanatti sumunii nama tokkoo hin barbaadu" jechuun kaayyoonsaa jaalala harmeesaaf qabu agarsiisuuf qofa ta'uu ibsa.

Ammatti harmeensaa cilee baattee gurguraa akka hin jirre kan kaasu dargaggeessi kun, maatiinsaa kan durarra fooyyee qabaachuus hima.

'Miila duwwaan deema; mannikoo citaadha, ni dhimmisa'- Harmeen Misbaa

Misbaa Ridaa Abbaamoggaa fi harmeesaa

Madda suuraa, Misba

Haati Misbaa Aadde Faaxumaa Abbaadiggaas haala ulfaataa keessatti ilmasaanii barsiisuu BBC'tti himaniiru. Ilmaan qaban shanan keessaa Misbaan qofti akka baratee bakka gaheef kan himan aadde Faaxumaan, ijoolleen saanii dubaraa sadiif ilmisaanii hangafaa akka barnoota addaan kutan dubbatu. Intallisaanii tokkos heerumuu dabaluun himu harmeen kun.

Yeroo lubbuun jiran abbaan isaanii akka isaan gargaaran kan dubbatan aadde Faaxumaan boodarra garuu qormaata jireenyaa guddaa keessa seenuu dubbatu.

"Kiraa namaa oobdii dhaabadhee hojjedheen, waan Rabbi naa kenne, waan namni naa kenne calleeffadheen [argadha]" jechuun haala jireenyasaanii ibsu harmeen barataa kanaa.

Boodarrammoo ilmisaanii hangafti kasala gubeefii jennaan kasalicha dugdatti baachuun magaalaa geessanii gurguruun maatii isaanii jiraachisuuf akka dirqamanis dubbatu harmeen haala rakkisaa keessatti ilmasaanii eebbisiisan kun.

"Miila duwwaan deema; caam'aa hin qabu. Uffata gaarii tokko hin qabu. Mannikoo citaadha, ni dhimmisa. Ollaankoo mana qorqoorroo duwwaa ta'ani" jechuun kan dubbatan haati ijoollee shanii kun ilmisaanii hangafnis ta'ee ijoolleensaanii dubaraa barnoota jalqabanii akka itti fufuu hin dandeenye himu.

Boodarra Misbaadhuma akka ta'etti rakkatanii barsiisanii galmaan ga'uuf akka murteessanis kaasu harmeen kun.

'Boo'aan kenni nan baadhaa jedheen; dhugaa natti hin fakkaanne!'

Yeroonni magaalaa Asandaaboo taa'ee barataa tures torban torbaniin deddeebi'uun kasala gurguruun mucaasaanii gargaaraa akka turan dubbatu. Misbaanis daa'imummaa isaatiin hamma humnasaa boqonnaa tokko malee akka isaan gargaaraa ture ibsu aadde Faaxumaan.

Kasala malees cidii baachuudhaan gurguruun ilmaan isaaniif waan nyaatan bitaa turuu harmeen kun.

"Haatikee kasala baatti, cidii baatti, miila duwwaa deemti, uffata gaarii tokko hin uffattu" jechuun namoonni tokko tokko akka mucaasaanii humna buusaa turuu kan kaasan harmeen kun, eebbifamuusaatti garmalee gammaduu ibsu.

Gaafa ilmisaanii barnoota digiriitiif magaalaa Jimmaa deemus, "ani qabaadhee sin gargaaru; Rabbiinkoo sihaa gargaaru" jechuun akka geggeessan kan kaasan harmeen jabduun kun, waan sana hunda keessa darbee digiriidhaan eebbifamuun mucaaniitiin imimmaan gammachuu dhangalaasaniiru.

"Daaree, sabbaree, hagabuu bulee, dhiisee hin galle, itticitee barate" jechuun cichooma ilmasaanii kan ibsan harmeen kun eebbifamuun Misbaa "dhugaa natti hin fakkaanne" jechuun miira gaafa eebbaasaa itti dhaga'ame ibsu.

Gocha ilmisaanii guyyaa eebbasaa kasala mataatti baachuudhaan jaalalaaf kabaja oolmaa haadhasaa mul'isuuf taasisetti miira keessa galuun "boo'aan kenni nan baadhaa jedheen. Namni si beeku kasala baatee deema siin jedhaa" jechuun ilmasaaniif qaana'anii akkanni hin baanneef gaafachuu dubbatu harmeen kun.

"Namni baay'een dhaabatee nu ilaala. Inni kaan ammoo maal boossa kana baattee barsiifachuun gammachuudha" jechuun warri eebbifamtootaaf maatiin suuraa kaasaa turuus dubbatu.

"Namni sitti kolfaa dhiisi [jedheen]. Anoo yoon [kasala] baadhe ilmookoo bulfachuufani, innimmoo maaliif kana baata " jedheen natti dhaga'amee boo'e jechuun miira guyyaa eebba ilmasaanii keessa turan ibsu harmeen gootummaaf cichoominaan mucaa isaanii barsiifatanii eebbisiisan kun.