Filannoo Majliisa Itoophiyaa namoonni miiliyoona 13 ol irratti hirmaatanirratti qabxiilee ijoo beeknu

Manni Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa filannoo majiliisaa yookin mana maree adeemsisaa jira.

Filannoo hirmaachisummaan kan kanaan duraarra adda jedhame kanarratti namoonni miliyoona 13 ol kan hirmaatan yemmuu ta'u, naannoo Tigraayin alatti naannoleefi bulchiinsa magaalotaa hunda keessatti adeemsifamaa jira.

Adeemsa filannichaa ilaalchisee BBC'f yaada kan kennan miseensi Boordii Mana Maree Waliigala Dhimmoota Islamummaa Itoophiyaa Dr. Jamaal Mahaammad, Nannoon Tigraay rakkoo nageenyaa keessaa as bahuusaatiin haalli mijataan filannicha adeemsisuu dandeesisu akka hinjirre dubbatan.

Kanafis "teessoon naannichi mana maree federaalaa keessatti qabu banaa ta'ee gaafa haalli mijaa'e filannoo gaggeessuu danda'u" jedhan.

Gama biraatiin filannoon kun waggoota shan shaniin kan adeemsifamu yemmuu ta'u, filannoon bara kanaa masjiidota 49,000 ol keessatti adeemsifameera.

Haaluma kanaan adeemsi sagalee kennuu masjiidota keessaa Jimaata ALI Hagayya 9, 2017 eegalamee Dilbataa Hagayya 11, 2017 xumurameera.

"Sagalee kennuun hanga sadarkaa federaalaatti deemuu wan qabuuf warrooni masjiidotarraa aanaatti bakka buufaman walgahanii Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa sadarkaa aanaa hundeessu" jedhan Dr. Jamaal.

Itti aansuunis filatamtoonni sadarkaa aanaa koreewwan garagaraa akka hundeessanfi bakka bi'oota mana maree godinaarratti hirmaatanis akka filatan himan.

Adeemsi filannoo kun sadarkaalee garagaraatti itti fufuun ALI Hagayya 30, 2017 walgahiin inni dhumaa sadarkaa federaalaatti adeemsifamee Manni Maree Dhimmoota Islaamummaa Federaalaa haraaan hundeeffamee, hoggansi olaanaan filatamee, majilisa amma federaala bulchaa jirurraa walharkaa fuudhinsi aangoo akka taasifamus dubbtan.

Gama biratiin hoggansa majiliisaa yeroon hojiisaanii xummurame keessaa kunneen filannoo ammaa kanarratti dorgomaa jiran akka jiran akkasumas 'hindorgomnu' jedhanii kan dhiisan akka jiranis himaniiru.

Filannoon haaraa ta'uu baatus inni ammaa adda

Filannoon majiliisaa kanaan durallee gaggeeffamaa turus inni ammaa kun adda ta'uusaa Dr. Jamaal dubbatu.

Caasefamni haaraafi ittiin bulmaatni majiliisaa haaraan erga ragga'ee kun filannoo isa jalqabaa ta'uu kan himan Dr. Jamaal, hirmaachisummaan filannoo bara kanaa olaanaa ta'uu dubbatu.

Filannoowwan kanaan duraa irratti ulamaa'onni (hayyoonni amantii) qofti hirmachaa turuu himuun bara kana garuu kutaaleen hawaasaa garagaraa hirmaachaa jiraachuu himan.

"Namoonni filannoo kanarratti hirmaatan hawaasa musliimaa hunda jechuun ni danda'ama. Filannoon kun garee shanitti qoodameeti kan adeemsifame" jedhan.

Haaluma kanaanis kutaaleen hawaasaa filaman Ulmaa'ota (hayyoota amantii), hayyoota barnoota idilee, abbootii qabeenyaafi ogeeyyii, dargaggoota akkasumas dubartoota ta'uu himan.

"Gareen kun hundiyyuu namoota isaan bakka bu'an sadarkaa masjiidaarraa eegalee bakka bu'aa isaanii gara aanaatti filatu. Warri masjiidotarraa filamanii dhufanis walgahanii majiliisa aanaa isaanii tolfatu. Akkasumas bakka bu'oota sadarkaa godinaa yookin kutaa magaalaatti isaan bakka bu'an filatu" jedhan.

Haala kanaanis filannichi sadarkaa masijiidaa hanga federaalaatti kan adeemu akka ta'e himaniiru.

"Masjiidni tokko namoota sagal bakka buufata. Kutaalee shanan keessaa ulamaan nama shan bakka buufata, isaan kaan immoo nama tokko tokko bakka buufatu" jedhaniiru.

Dhimmi filannoo bara kanaa adda taasisu inni biraan immoo lakkoofsi teessoo naannoleen Mana Maree sadarkaa federaalaa keessatti qaban akka haaraatti kan murtaa'e ta'uu dubbatan.

Manni Maree sadarkaa federaalaa teessoo 195 akka qabu kan himan Dr. Jamaal, "naannoleen hundi akkaataa baay'ina ummata isaaniitin fi akkaataa baay'ina masjiida isaan keessa jiruutin qooda fudhatu" jedhan

Dhimmi filannoo bara kanaa adda taasisu inni biraan immoo qophiifi raawwii filannichaa ta'uu kan himan miseensi boordii kun, "yeroo duraatiif Boordiin Filannoo qophaa'ee, seerris bahee, akkaataa filannoon kun gaggeeffamu miidiyaarratti dhiyaatee,hawaasni hundisaa beekee haala addaatiin qophaa'e" jedhan.

Waa'ee mana marichaa

"Majilisa jechuun dhaabbata musliimota Itoophiyaa hunda bakka bu'ee tajaajila amantaafii hawaasummaa, rakkoolee diinagdee ummanni qabu dabalatee kan gaggeessudha" jedhu Dr. Jamaal.

Kana malees manni marichaa qaama hordoftoota amantii Islaamaa bakka bu'uun qaamolee mootummaafi kunneen biroo waliin hariiroo tolchu ta'uus himan.

Dhaabbatichi erga hundeeffamee naannoo waggoota 55-60 akka ta'e kan himan Dr. Jamal, hariiroon inni mootummaa waliin qabu gaarii akka hinturrefii yeroo keessa garuu fooyya'aa dhufuu himan.

"Dhaabbata kana eenyutu bulcha kan jedhu gaafii guddaa ta'ee ture. Ammammoo dhiyeenya kana gaafiin kun deebii argatee filannoon akka heeyyamamufi musliimonni fedhii isaaniitiin filannoo akka raawwatanidha" jedhan.

Gama biraatiin waggoota sadan daraniif bulchiinsi yeroo imaanaan itti kennamee dhaabbaticha bulchaa turuu kan himan Dr. Jamaal Mahaammad, "Amma yeroon sun xummuramnaan kun waggoota shaniif yeroo duraaf haala amma jiru kanaan hawaasni bal'inaan irratti hirmaatee filannoon taasifameera" jedhaniiru.