Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Mootummaan Itoophiyaa miindaa hojjettoota mootummaa hagamiin dabale?
Mootummaan federaalaa Itoophiyaa waggaa tokko booda irra deebiin mindaa hojjettootaa fooyyeesseera. Haala kanaan mindaan hojjettoota mootummaa digirii jalqabaa qabanii kan duraan birrii 6,900 ture gara birrii 11,500tti guddateera.
Fooyya'iinsa amma taasifame kanaan mindaa hojjetaa mootummaa isa xiqqaa ta'erratti birriin 1,240 kan dabalame yoo ta'u, isa olaannaarratti ammoo birrii 17,508tu dabalame.
Daballiin mindaa Komishiniin Siivil Sarvasii Wiixata har'aa (Hagayya 18, 2025) isbe kun Fulbaana dhufu jalqaba bara 2018 irraa eegalee hojiirra oola.
Mootummaan waggootaaf mindaa hojjettootaa osoo hin fooyyessin kan ture yoo ta'u, bara darbe Hagayya keessa ''hojjettoonni mootummaa qaala'iinsa jireenyaa akka dandamatan tumsuu'' kan jedhuun daballii mindaa taasisee ture.
Mindaan hojjettootaa fooyya'e jedhame kun Onkoloolessa bara darbee irraa eegalee hojiirra kan oole yoo ta'u yeroo sana mindaan hojjetaa inni xiqqaan birrii 1,110 irraa gara birrii 4,760tti fooyya'ee ture.
Mindaan hojjettootaa inni xiqqaan dhibbeentaa 332n dabalee ture.
Fooyya'iinsa mindaa taasifame kanaan mindaa olaanaa irratti birrii xiqqaatu dabalame. Mindaan hojjetaan mootummaa argatu inni guddaan birrii 20,468 ture, kanarratti birrii 1,023 qofatu dabalame.
Fooyya'iinsi mindaa bara kanaa, kan Hagayya 18, 2025 ibsame garuu mindaa olaanaarratti guddaa dabale.
Mindaa olaanaan birrii 21,492 ture gara birrii 39,000tti guddachuu Komishiniin Siivil Sarvisii ibseera.
Sadarkaa mindaa birriin 11,500 irratti dabalame keessaa fiixeerra kan jiru irratti birriin dabalame dhibbeentaa 81.4 ta'a.
Fooyya'iinsa kanaan hojjettoota mootummaa mindaa gadi aanaa argataniif dhibbeentaa 26tu dabalame.
Mindaa gadi aanaan birrii 4,760 ture gara birrii 6,000tti guddateera.
Fooyya'iinsa bara darbeen dhibbeentaan 76.4 kan irratti dabalame mindaan hojjettoota mootummaa digirii jalqabaa qabanii, kan ammaa kanaan dhibbeentaa 65.7n guddateera.
Kanaanis mindaa digirii jalqabaa 6,940 irraa gara 11,500tti fooya'eera.
''Siivil sarvisiin alatti dameewwan adda addaarratti hojjettoota bobba'anii jiraniifis,'' fooyya'iinsi mindaa akka taasifamu ibsa kana keessatti eerameera.
Dhiibbaan qaala'iinsa jireenyaa hojjettoota mootummaa irratti uumamu ''daballii mindaa yeroo tokko taasifamuun furmaata argachuu akka hin dandeenye'' kan ibse komishinichi, fooyya'iinsa biroos taasisuun hojiirra akka oolchu beeksiseera.
"Rakkoo hojjettoota mootummaa daballii mindaa qofaan furuun waan hin danda'amneef gara fuulduraatti dhiyeessii mana jireenyaa fi uwwisa inshuraansii fayyaa dabalatee fooyya'iinsi adda addaa ni taasifama," jedhe.
Fooyya'iinsa mindaa bara haaraa kanatti hojiirra oola jedhameef mootummaan bajata dabalataa birrii biiliyoona 160 ol ramaduu akka barbaachisu Komishiniin Siivil Sarviisii beeksiseera.
Baajata dabalataa daballii mindaa kanaaf barbaachisu, baajata dabalataa birrii biiliyoona 91 riifoormii ji'a Waxabajjii keessa hojiirra ooleen gaafatame irraa birrii biiliyoona 69n caala.
Mootummaan federaalaa daballii miindaa kanaan duraaf bajata dabalataa birrii biiliyoona 582 raggaasisuun hojiirra oolche.
Fooyya'iinsa haaraa kana hojiirra oolchuuf baajati dabalataa barbaachisu Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataaf dhiyaachuu fi dhiisuu isaa ifa miti.