Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Misaa’eliin Raashiyaa haaraa ‘Zircon’ maaliif yaaddoo Yukireen ta’e, humna akkamii qaba?
Haleellaa Raashiyaan Guraandhala 7, 2024 magaalaa guddoo Yukireen, Kiiv irratti gaggeessite misaa’elii haaraa Zircon jedhamu fayyadamuu akka hin oolle agarsiisa.
Haleellaa misaa’ela saffisa addaa qabu [hypersonic] kanaan gaggeessites miidhaa guddaa qaqqabsiiseera.
Inistitiyuutiin qorannoo Kiiv haleellaan qilleensarraa meeshaa addaa kanaan raawwatamu humna ittisa qilleensaaf rakkoo haaraa uumeera jedhe.
Inistitiyuutichatti Daarektarri Qorannoo Foorensikii Oleksaandar Ruuviin akka jedhutti, haleellaa Raashiyaan Guraandhala 7 gaggeessiterratti qorannoo misaa’ela ciccitee bu’erraa qorannoon jalqabaa taasisfame xumurameera.
Qorannoon kun viidiyoo bakka misaa’elli kun haleeletti wantota caccabuu itti dabaluun xiinxaluun wanti qabiyyee misaa’ela 3M22 Zircon ta’an agarsiisan argamaniiru jedha daarektarri kun.
Ministeerri ittisaa Raashiyaa dhimma kanarratti yaada akka kennuuf gaafatamee deebii hin kennine.
Akka Raashiyaan ibsitutti, misaa’eliin Zircon jedhamu kun fageenya kiiloomeetira 1,000 kan deemu yoo ta’u, saffisa sagalee harka sagaliin caala.
Xiinxaltoonni waraanaa akka jedhanitti, saffisa cimaa qabaachuun ykn hypersonic ta’uun isaa ammoo yeroo humni ittisa qilleensaa deebii itti kennu hir’isa. Kana malees, bakkawwan gadi fagoo, gurguddoofi jajjabaatoo ta’an irratti xiyyeeffachuun rukkutuus ni danda’a.
Akka Ruters gabaasetti, Raashiyaan Waxabajji 2022 misaa’ela Zircon jedhamu kana dhukaastee qorattee ilaaltee xumurteetti. Pirezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutin Zircon kana akka qama hidhannoo humna waraanaa dhaloota haaraaf ijaarame kan ittiin morkatu hin qabne tokkootti ibsan.
Akkuma jedhame meeshaa haaraa kana Yukireen irratti fayyadamuun mirkanoofnaan, yeroo gargarsi meeshaa waraanaa gara fuula duraatti biyyoota Lixaarraa dhiyaatuuf ifa hin ta’iin jiru kanatti, humna ittisaa qilleensaa Yukireeniif yaaddoo jabaa uuma.
Raashiyaan misaa’eloota fageenya garagaraa qabaniifi dirooniiwwan gargaaramuun Yukireen irratti haleellaa qilleensarraa raawwachaa jirti. Zircon jalqaba meeshaa galaanarraa dhukaafamu ta’ee qophaa’e, boodarra garuu kan lafarraa dhukaafamuu danda’us qophaa’uu danda’eera.
Ibsa Ruuvin kenneen meeshaan ammaa kun lafarraa ykn galaanarraa ta’uu isaa hin himamne.
Misaa’eliin Raashiyaa haaraa kun Onkoloolessa 7 gara magaalaa guddoo Kiivitti kan dhukaafame Kireemiyaa irraa ture. Humni Qilleensaa Yukireen yeroo sanatti ‘misaa’eliin saffisni isaa baayyee cimaa ta’e” gara magaalaa biyyattiitti dhukaafamuu mirkaneessee ture.
Dubbi-himaan Humna Qilleensaa Yukireen Yuurii Ignaat gaaffii BBCf deebii yoo kennan, misaa’ela gosa akkamiitu Kireemiyaarraa akka dhukaafame adda baasuuf qorannoo gaggeessaa jiraachuu himan.
Zircon misaa’ela akkamiitii?
Misaa’elli 3M22 Zircon jedhamu kun gosa misaa’ela hayipparsoonik jedhu saffisa baayyee guddaa qabu ta’ee, jalqaba galaanarraa akka dhukaafamutti akka qama humna galaanaa Raashiyaatti karoorfamee hojjetame.
Misaa’elli Pirezidant Vilaadimiir Puutin galaanaafi lafarra fageenya kiiloomeetira 1,000 ol irratti haleeluu danda’a jedhan Zircon, bara 2019 keessa hojjetame.
Gaazexaan mootummaa Raashiyaa, Rossiyskaya Gazeta, misaa’elli kun jalqaba saffisa sagalee si’a shanii hanga ja’aa caala jedhamus, wayita yaalamee ilaalametti garuu saffisa sagalee harka saddetiin caaleera jechuun baase.
Ammas taanaan qabatamaatti saffisniifi humna misaa’elii haaraa kanaa qorannoo dabalataa ni barbaada. Pirezidant Puutin kiiloomeetira 1,000 olirratti rukkuta jedhanis, madden Raashiyaa biroo garuu kiiloomeetira 300-600 irratti haleela jedhu.
Humni isaa garuu akkaataa fooyyeessuun danda’amuun ykn bakka irraa dhukaafameefi haala qilleensaa keessatti dhukaafamerratti hundaa’aa. Erga 2022 as ammoo bal’inaan omishamuutu jalqabame.
Walumaagalatti, Raashiyaan waa’ee misaa’ela Zircon kana ilaalchisuun odeeffannoo dhoksuuf yaalti. “Sirriitti akka hubataniif suurawwan amanamoo misaa’ela kanaa ummataaf dhiyaatan hin jiran,” jedhan ogeessi waraanaa Ivaan Kiricheviskii raadiyoo NV irratti dubbii dubbataniin.
Suuraawwan Zircon yeroo baayyee bifa animeeshiniitiin dhiyaatu. Yookaan ammoo yeroo doonii galaanarra jirurraa furguggifamu viidiyoo agarsiisuun dhiyaata. Viidiyoowwan kunneenis fageenyarraa waan waraabamaniif sirriitti arguuf rakkisaa taasisa.
Bara 2022 keessa miidiyaaleen Raashiyaa naannoo qarqara galaanaatti kompileeksii misaa'ela furguggisuu uumuu ilaalchisee gabaasaa turan.
Yoo itti fayyadamni Zircon mirkanaa'e, ittisa humna qilleensaa Yukireeniif qormaata haaraa ta'uu mala jedhama.
Tokkoon tokkoon haleellaan misaa'elaa kalaqa dizaayinarota Raashiyaa kan dabalu yoo ta'u, meeshaa waraanaa isaanii akka fooyyessuuf kan isaan dandeessisudha.
"Guyyoota muraasa dhufan keessatti dhugaan waa'ee Zircon Kireemiyaarraa ka’ee magaalaa guddoo Yukireen irratti dhukaafamee ni beekama jedhamee eegama. Misaa'elli kun bakka kamirraa dhukaafame, humna akkamii qaba?
Gaaffii NATO illee deebii argachuufiif kan qabu ta’a,” jedha xiinxalaan dhimma meeshaa waaanaa Ivaan Kiricheviskii.
Misaa’ela ogeessonni waraanaa rukkutanii kuffisuuf rakkisaa ta’uu dubbatan kun waraana wagga lama guute kanarratti Raashiyaan yeroo jalqabaatiif fayyadamte.