Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Iraan haleellaa raawwachuu malti yaaddoo jedhuun US lammiileeshee Isra'eel jiran akeekkachiiste
Ameerikaan yaaddoo haleellaa Iraaniin Israa’el irratti raawwatamu danda’a jetteetiin lammiileen ishee Israa’e keessatti sochii taasisuurraa akka of qusatan akeekkachiifte.
Hojjattoonni Imbaasii Ameerikaa magaaloota Iyyarusaaleem, Teel Aviiv ykn Beersaabeehiin alatti sochii aka hin taasifneef akeekkachise.
Haaluma walfakkaatunis mootummaan UK haleellaan Iraaniin raawwatamuu malu jiraachu ibsuun akeekkachiisa imalaasaa irratti dhorkaa baase.
Daandiin Qilleensaa Jarman Luftaanzaan balalii isaa gara magaala guddoo Iraan- Teehiraaniitti taasisuu Sambata dhufaarraa kaasuun haqeera.
Iraan guyyoota 11 dura haleellaa Waajira Qontsilaashee kan magaala guddoo Sooriyaa keessatti argamurratti raawwatameef Israa’eliin itti gaafatamtu gochuun, haleellaa haaloo bahuumsaa akka raawwattu dhaadataa turte.
Haleellaa Israa’el akka raawwatte amaname kanaanis qondaaltoota waraanaa olaanoo dabalate namoonni 13 ajjeeffamanii ture.
Ministirri Dhimma Alaa UK Deeviid Kaameeruun, marii gitasaanii Iraan waliin bilbilaan taasisaniin, Iraan haleellaa muddamicha harbessuu danda’urraa akka of qusatuuf gaafataniiru.
Haleellaa Sooriyaatti raawwatameen booda Iraan kallattiidhaan Israa’el irratti haleellaa raawwachu akka dandeessu irra deeddebiin ibsaa turte.
Tokko tokko ammo Iraan Israa’el irratti haleellaa kan raawwattu kallattiidhaan osoo hin taane karaa gareewwan gargaartuun ta’u danda’a jedhu.
Iraan Gaazaa keessatti Israa’el waliin wal waraanaa kan jiru garee Hamaas akkasumas gareewwan qaxanichatti diina Israa’el ta’en Hezibollaah fi Finciltoota Huutii Yeman keessaas ni hidhachiifti.
Pirezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan Roobii darbe ibsa gaazexessitootaaf kennaniin, ‘‘Iraan Israa’el irratti haleellaa cimaa raawwachuuf’’ dhaadataa jirti jechuun, kun kan raawwatamu yoo ta’e ammo Ameerikaan Israa’eliif deeggarsa adda hin cinne ni taasifti jedhan.
Ajajaan duula Jiddugala bahaa Ameerikaa, Eeriik Kuriilaa, yaaddoo nageenyaa qaxanichatti argamu irratti mari’achuuf gara Israa’el imalaniiru.
Peentaagan daawwannaan Eeriik Kuriilaa kan duraan karoorfame ta’ullee, taateewwan dhiheenya kana mudatan hordofuun imallisaa atattamaan akka ta’u murtaa’uun ajajaan kun qondaaltoota Israa’el waliin mari’achuudhaaf imaluu mirkaneesseera.
Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Biiliinkan, haleellaan haaloo bahuu Iraan eenyuma kan fayyadu miti jedhuun ministiroota dhimma alaa Chaayinaa, Saawud Arabiyaa fi Tarkiitti himan.
Dhuma torban darbeerratti aanga'aan olaanaa Iraan tokko nageenyi Imbaasiiwwan Israa’el biyya biraatti argamanii ‘‘ammaan booda kan mirkanaa’e miti’’ jechuun dubbatanii ture.
Haasaa aanga’aa kanaatiin tarii qiyyeeffannaan haleellaa Iraan qontsilaawwan Israa’el ta’u akka danda’u agarsiiftuu taasifamuun fudhatameera.
Ministirri Raayyaa Ittisa Israa’el Yoo’av Gaalaanti gamasaanitiin, haleellaan kallattii Iraan deebii Israa’el ta’uf ni argata jechuun dubbatan.
Hamaasa Onkololeessa 7, 2023 haleellaa akka tasaa israa’el irratti bane hordofee waraanni ka’e amma baatii jaha darbeera.
Haleellaa Israa’el gaazaa keessatti raawwataa jirtuun irra caalaan isaanii daa’immaniifi dubartootaa kan ta’an namoonni kuma 33 ol ajjeeffamniiru.