Saayintistootaa fi qondaaltoota waraanaa olaanoo Iraan kanaan dura Israa’el ajjeefte keessaa ijoo

Iraan biyyoota Israa’el diinakooti jettuun keessaa dursarratti argamti. Iraanis taanaan biyyoota halkanii guyyaa ija hordoffiitiin ilaaltu keessaa tokko Israa’el.

Qabatamaadhaanis Iraan Israa’el Jidduugala Bahaa qofaa keessaa osoo hin taane, fuuluma dachii irraa akka baddu akka barbaaddu karaa dureewwan isheetiin dubbachuu irraa booddeetti deebitee hin beektu.

Kanaaf ammoo hidhattoota gurguddoo jidduugala bahaa keessatti socha’aniifi Israa’eliin akka diinaatti ilaalan keessaa irra jiraasaanii ni deeggarti, ni hidhachiistiis.

Gaazaa irraa ka’un Israa’el irratti haleellaa cimaa kan raawwateefi kana hordofuunis Israa’el osoo isaan hin barbadeessiin hin boqadhu jechuudhaan, gara waaraanaatti akka seentu kan taasisee Hamaasis Iraan waliin walitti dhufeenya qaba.

Yeroo eeggachuudhaan Israa’el irratti haleellaa kan raawwatan Leebaanooniitti kan argaman hidhattoonni Hezboollaa fi Yamaniitti kan argaman Huutiiwwan Iraaniin deeggaramu. Kanaafuu Israa’elis diinoota naannawa isheetti hirribashee dhorkan kan deeggartu Iraaniin akka laayyootti ilaaltee hin beektu.

Meeshaa nikularaa akka qabdu kan himamu Iraan humnoota deeggarsa taasiftuun caalaa Israa’eliif yaaddoodha. Kanaafuu haalumaa fi eddoo argatteen bulchiinsuma Iraan keessatti osoo hin hafne, aanga’ootaafi dureewwan waraanaa Iraan irratti qiyyeeffachaa turte jirti.

Sababii kanaatiin waggoota darban keessa Iraan dhaabbata basaasaa Israa’el-Mosaadiin ajajoota waraanaa hedduufi saayintiistoota niikulara qoratan qaalii ajjeessuudhaan itti gaafatamaa taasisaa turte.

Keessattuu Iraan meeshaa nikularaa qabaachuun irriba kan dhorke Israa’el, adeemsa gabbisa nikulaaraashee dadhabsiisuuf yoo danda’ame ammoo gufachiisuuf bara 2010 irraa kaaftee saayintiistoota Iraan nikulaara qoratan hedduu ajjeeftee jirti.

Mootummaan Israa’el Iraan jiraachuu isheetiin yaaddoo ta’u yaa’iwwan Biyyoota Gamtoomanii kaasee haalawwan argattee hundarratti irra deddebiin kaasuudhaan alattis waa’ee tarkaanfii fudhatee ifatti yoo amanu dhagahamee hin beeku.

Hanga ammaattis ajjeechaa saayintistootaa fi qondaaltoota waraanaa Iraan irratti ajjeechaa raawwatame ilaalchisee Israa’el itti gaafatamummaa fudhachuu baattulleen, addunyaa marti kan shakku isheedha.

Qondaaltoota waraanaafi saayintiistoota niikulaaraa Iraan baroota darban keessa ajjeeffaman keessaa muraasni kunnooti.

Masuud Aliimohaamadii

Lamaanu ifatti amanuu baatanilleen Iraaniifi Israa’el jidduugala bahaa keessaa lamaanu abbaa meeshaa nikulaaraa akka ta’an himama. Sababii kanaanifis biyyoonni lamaanu ija hamtuudhaan wal ilaalu.

Ameerikaafi biyyoonni lixaa ijaarsa nikulaaraa Iraan dhaabsiisuudhaaf Biyyoota Gamtooman dabalatee dhiibbaawwan garaa garaa taasisanis hin milkaa’iniif hafeera.

Israa’el gamasheetiin haala argatte hundaan karaa dhaabbata basaasaa isheetiin ijaarsa niikulaara Iraan gufachiisuuf wanti hin raawwannee hin jiru.

Yaaliiwwan Israa’el taasiftu keessaa tokko haleellaa interneetii eddoowwaniifi jidduugalawwan niikulaarri itti gabbifamu irratti raawwachuu dabalatee tarkaanfiiwwan hedduu fudhataa turte.

Kana malees saayintistoota biyyattiin qabdu qaaliiwwan irratti kanneen harkashee keessa seenan irratti tarkaanfii fudhachuun ajjeesaa turte.

Israa’el saayintistoota Iraan irratti qiyyeeffachu yoo eegaltu, dursaan kan ajjeefaman qorattoota nikulaaraa keessaa tokko Masuudi Aliimohamaadii turan.

Hayyuu beekamoon saayinsii Kuwaantam Fiiziiksii kunis ala mana jireenyaasaanii kan Teehiraaniin alatti argamuutti ture jalqaba bara 2010 tti kan ajjeefaman.

Yunivarsitii beekamaa Teehiraaniitti kutaa Fiziiksii keessatti barsiisaa kan turan Aliimohamaadiin, osoo hojiidhaaf manaa bahaa jiranu ture, boombii konkolaataarratti hidhamee fageenyarraa to’atamuun kan ajjeefame.

Yeroo sanattis Ministeerri Dhimma Alaa Iraan ajjeechaa hayyuu kanaatiif dhaabbata basaasaa Israael - Mosaadiin itti gaafatamaa taasise.

Maajiid Shaahiri’arii

Israa’el du’a Aliimohamadiin booda hayyuun niikulaaraa ija hamtuudhaan ilaalaa turte kan biraa Maajiid Shaahirii’arii turan.

Maajiid Shaahirii’ariin Yunvarsitii Baaheeshitii jedhamu keessatti barsiisaa kan turaniifi akkuma Aliimohamadiitti osoo gara hojii imaluuf jiranu akkuma mana jireenyaa saanii bahaniin boombii konkolaataarratti hidhameen ajjeefaman.

Barsiisummaa yunivarsitiin alatti maqaansaanii dhaabbiilee gabbisa niikulaarii Iraan waliin ni ka’a.

Iraan haleellaa boombii eenyuun akka raawwatameen hin beekamneen kan ajjeeffaman du’a Maajiid Shaahirii’ariiniif Israa’eel itti gaafatamtu taasiifte turte.

Hayyuun kunis tibba ajjeefamaniitti sagantaa gabbisa niikulaaraa keessatti itti gaafatamummaa akka qaban wayita ajjeefaman sanatti ibsamee ture.

Meejaa Janaraal Hasan Teehiraanii Moghaadaam

Warri lixaa maqaa masoo ‘‘nama misaa’elii’’ jedhu kan kennaniif meejar Janaraal Hasan Teehiraanii Moghaadaam, dhuma bara 2011tti haleellaa naannoo Teehiraaniitti dhohiinsa olaanaa dhageessiseen ajjeefaman.

Moghaadaam meejar jeenaraala qofaa osoo hin taane, ogummaadhaan mahaandisa turan. Janaraalli kunis Chaayinaafi Kooriyaa Kaabaatti saayinsii pilaastiik miisaa’eliitiin barnoota barachuun gara biyyasaaniitti kan deebi'an turan.

Iraan haleellaa Moosaadiin itti gaafatamaa taasifte kanaanis eegdoonni Warraaqsa Iraan 17 Moghaadaam waliin turanis ajjeeffamanii turan.

Ajjeechaan qondaaltoota waraanaa olaanoo kanneenis Iraaniin baayyee dheekkamsiisee ture. Sirna awwaalcha isaanii irrattis dursaan amantaa Iraan Ayaatoolaah Kaameeniin argamanii ture.

Sirna awwaalcha Janaraala kanaarratti Ajajaan Eegdoota Warraaqsa Iraan yeroo sanaa Meejar janaraal Huseen Saalaamiin, Moghaadaam ‘‘injiinara humna warraaqsa misaa’elaa ture’’ jechuun ibsanii ture.

Moohisan Faakriizaahed

Ajjeechaan hayyuu olaanaa nikulaaraa kan ta’an Moohisan Faakriizaahed irratti bara 2020tti raawwatame baayyee ijoo ta’e ture.

Dhaabbanni basaasaa Israa’el Mosaadi qorataa kana ajjeessuudhaaf yaaliin irra deddebiin taasisaa ture osoo hin milkaa’iniif turee, waggaq afuriin dura bakka magaalaa guddoo biyyattii Teehiraaniin alatti argamtutti ajjeechaan Moohisan Faakriizaahed kun milkaa’eef.

Moohisan Faakriizaahed yeroo ajjeefameetti raayyaa ittisa Iraan keessatti dursaa kutaa qorannoofi kalaqaa turan.

Akka himamuuttis Moosaad nama kana ajjeesuuf meeshaa waraanaa bu’aa teeknooloojii cimaa ta’efi fageenyarraa to’annoon taasifamu fayyadame.

Iraaniis ajjeechaa nama kanaatiif Israa’eliin itti gaafatamtu gochuuf yeroo itti hin fudhanne. Israa’el ammoo akkuma barame haleellaawwan akkasiirratti yaada hin kennitu.

Sirna awwaalcha saayintistii kanaarrattis ittigaafatamaan mana maree nageenya Iraan, ajjeechaan kan raawwatame bakka eenyumtu hin jirreefi haala elektiroonika ta’eeniidha jedhanii ture.

Dursaa Olaanaan Iraan Ayaatoolaah Alii Kaameenii gamasaanitiin, kanneen nama olaantummaadhaan sagantaa nikulaara biyyattii dursaa turan ajjeessan haaloo akka bahan dhaadatanii ture.

Biirgaader Janaraal Mahaammadi Reezaa Zaaheedii

Iraan kan irratti jalaa qiyyeefatamu ogeeyyii nikularaa qofa miti. Qondaaltoota waraanaa olaanoo haalawwaniifi eddoowwan garaagaraatti bakka bahaniitti akka hafan taasifamaniiru.

Janaraaloonni waraanaa kunneen kan irratti qiyyeeffatamu Israa’eliin qofaa osoo hin taane Ameerikaadhaanis. Kanaaf ammoo sababii gareewwan biyyoonni lamaan akka diinaatti lakkaa’uun irratti haleellaa raawwatan hidhachiisuufi deeggaruun himatu.

Israa’eliifi biyyoonni lixaa gareewwan biyyoota akka Iraaq, Lebaanan, Yaman, Siiriyaa fi kaaniitti argaman kunneen yaaddoo nageenya addunyaati jedhuun. Sababii kanaanis janaraaloota Iraan hidhattoota kanneen waliin hidhata qabu jedhaman qiyyeefannaa keessa ta’an.

Kanneen keessaayis haleellaa Israa’el Wiixata darbe Siiriyaa keesstti qonstilaa Iraan irratti raawwatteen, ajajaa Olaanaa Egdoota Warraaqsa Iraan kan turan Birgaadar Janaraal Mahaamad Reezaa Zaahediin ajjeefamaniiru.

Israa’el hanga ammaatti haleellicha ilaalchisuun wanti jette jiraachuu baatulleen, haleellaa Israa’eel gamoo qonstiilaa Iraan kan magaalaa guddoo Siiriyaa Damaasqoo keessatti argamurratti raawwattee jirti jedhameen miseensoonni eedgoota warraaqsa Iraan torba ajjeefamaniiru.

Kanneen ajjeefaman keessaa Ajajaa Olanaan Humna Qudis Birgaadar Janaraal Mahammad Reezaa Zaaheedii fi itti aanaan isaanii Birgaadar janaraal Mahaamad Hadii Raahiim akka argaman himameera.

Siiriyaan ajajoonni waraanaa olaanoon kunneen kan ajjeefaman erga xiyyaarri Israa’el qonstilaa Iraan irratti haleellaa raawwateen boodadha jettee jirti.

Gaheessii umuriin wagga 63 Zaaheed janaraaloota olaanoo dursaa eegdoota warraaqsa Iraan ta’an keessaa tokkoo kan turan yoo ta’u, bara 2008- 2016tti Leebaanooniifi Siiriyaatti ajajaa ta’un tajaajilaniiru.