Hidhattooti WBO deeggarsa namoomaaf dhukaasa dhaabuuf yaada dhiheessan

Hidhattooti Waraana Bilisummaa Oromoo kan mootummaan Shanee jedhu gama Lixaafi Kibba Oromiyaa sosso'u
Ibsa waa'ee suuraa, Hidhattooti Waraana Bilisummaa Oromoo kan mootummaan Shanee jedhu gama Lixaafi Kibba Oromiyaa sosso'u

Hidhattooti Waraana Bilisummaa Oromoo kan mootummaan Shanee jedhu gargaarsi namoomaa hawaasa hongeen miidhaman bira akka gahuuf dhukaasa dhaabuuf yaada dhiheessuu ibsani.

Ibsa gareen kuni baasen mootummaan deeggarsi akka hin geenye dhorkaa jira jechuun himateera. 

Himannaa kanarratti BBC'n yaada aangawoota federaalaafi naannoo Oromiyaarraa dhagahuuf yaalus ammatti deebii hin arganne. 

Yaada dhukaasa dhaabuu hidhattooti dhiheessan irrattis yaadi mootummaa hin beekamu.

Haa ta'u malee, kana dura hidhattoota badiin adda addaan himataman irratti tarkaanfii fudhachuu akka itti fufuu mootummaan ibsee ture.

Ibsi WBO'n baase sababa beelaan lammiileen du'aa jiraachuu ibsa.

Aangawootni Itoophiyaa hongeen horii ajjeesuufi midhaan balleessuus beelli hin mudanne, namnis hin duune jechuun kana dura irra deddeebiin ibsaa turani.

Kana dura qondaalli aanaa Kibba Oromiyaa rakkoon nageenyaa gargaarsa ummata biraan gahuuf rakkoo ta'u ibsanii turan.

Hidhattooti ibsa isaanii keessatti dhaabbileen gargaarsaa dhorkaman haa jedhan malee, UN naannoo Oromiyaa keessatti beelaan namni du'uus ta'e lafa hongeen jiru akka hin imalle dhorkamuu waan ibse hin qabu.

Hongeen waggoota 40 keessatti isa hamaadha jedhame biyyoota Gaanfa Afrikaa hubeera.

Itoophiyaa keessatti keessumaa bakkeewwan kibba-baha Oromiyaa akkasumas Naannoo Somaale kanneen hubaman keessaati.

Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii (UN) Itoophiyaa keessa namoonni miiliyoona 20 caalan gargaarsa nyaataa akka barbaadan ibseera.

Isaan keessaa harka 3/4ffatti kan dhihaatan daa'immaniifi dubartoota.

Hongeedhuma kanaan horiin miiliyoona 3 ol ta'an du'uu dhaabbatichi kana dura ibsee ture. 

Sagantaan Nyaataa Addunyaa gabaasa baatii tokko dura baasen hanga Ebla darbeetti namootni miiliyoona 7.2 guutuu biyyaatti deeggarsa nyaataa barbaadu jedhe.

Hongee Oromiyaatti

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Akka aangawoota naannoo Oromiyaatti, godinaalee Oromiyaa Gammoojjummaa qaban 10 keessatti namootni miiliyoona 3.7 ta'an miidhamanii deeggarsa barbaadu. 

Hidhattooti humnoota TPLF waliin michummaa tolfataniifi paarlaamaan Itoophiyaa lamaanuu tarree shororkeessummaa keessa galche garuu ''dubartootifi daa'imman guyyuu beelaan du'aa jiru'' jechuun ibse.

Dhimma kana BBC'n qaama walabarraa waan mirkaneeffate hin qabu.

Haa ta'u malee, kana dura gama Kibba Oromiyaa Godina Gujii Aanaa Sabbaa Boruutti sababa hongeetiin lubbuun namaa darbaa akka jiru jiraattonnii fi angaa'aan aanichaa BBC'tti himanii turan.

Itti gaafatamaan Waajjira Buusaa Gonofaa Aanaa Sabbaa Boruu Obbo Mokonaa Hoxxeessaa akka jedhanitti, aanichatti namootni 12 sababa beelaatiin lubbuun isaanii darbeera. 

Namoota lubbuun isaanii darbe keessaa ammoo harki caalaan daa'imman akka tahanis himan.

Roobi dhabamuun alatti, sochiin waraanaa godina isaanii keessa jiraachuun ammoo dhiyeessii deeggarsa namoomaa gufachiisuu himan.

Dhaabbileen miti-mootummaa deeggarsa dhiyeessaa turan bahaniiru kan jedhan qondaalli kun, haalli jijjiiramee deeggarsi hin dhiyaatu taanaan ''beelli nama hedduu fixuuf deema'' jechuun yaaddoo isaanii himu. 

Lola Raashiyaafi Yukireenitti dhalateen walqabatee dhaabbileen deeggarsaa tumsa gahaa dhabne jechuun deeggarsa kana dura kennaan turan laaffisaniiru.

Gaala

Madda suuraa, ERIC LAFFORGUE/ART IN ALL OF US

Ibsa waa'ee suuraa, Hongeen Oromiyaa keessa horii horsiisee bultootaa jalaa hube

Qondaalli Aanaa Sabbaa Boruu kana haa jedhan malee Hoogganaan Buusaa Gonofaa Oromiyaa Obbo Musxafaa Kadir kana hin fudhatani.

Haati Sabbaa Boruutti osoo hoosiftuu duutee argamte ''dhugaadha garuu beelaan du'uuf ragaan hin jiru mana ishee miidhaan ture. Sababa du'a ishee qorachaa jirra'' jedhan.

''Ammatti haalli jiru sadarkaa beela jedhamee labsamurra hin geenye namootni sababa kanaan lubbuun isaanii darbes Oromiyaa keessa hin jiran'' jechuun BBC'f himan.

''Dhimmichi nu ilallata bara darbes hin dhoksine ammas hin dhoksinu. Rakkoo saba keenyaa hin dhoksinu. Gargaartonni akka nu cinaa dhaabbatan gaafanna.''

Sochii hidhattootaan walqabatee waraana gama Lixaafi Kibba Oromiyaa adeemaa tureen hawaasi guddoo midhameera.

Mootummaan humnoota TPLF waliin waldhibdee jiru nagaan furuuf sochii eegaluus hidhattoota WBO badii garagaraan himataman irrratti garuu tarkaanfii akka itti fufuu kana dura ibsee ture.