Koonsootti hanqina nyaataa hongee fi walitti bu'iinsaan uumameen daa’imman du’an

Qonnaan bulaa oyiruu keessa jiru

Kibba Itoophiyaa Godina Koonsoo keessatti hanqina nyaataa mudateen daa’imman 13 du’uu aanga’aan mootummaa Godinichaa BBC’tti himan.

Hanqinni nyaataa kan uumame waggoota sadan darban walitti aansuun roobni waqtii eeggatee roobuu dhabuu hordofee hongee uumamee fi walitti bu’iinsa irra deddeebiin godinicha keessatti uumamaa tureen jedhu Obbo Tasfaayee Caaree.

Bakka Bu’aa mootummaa Godina Koonsoo kan ta’an Obbo Tasfaayeen BBCtti akka himanitti baatilee jahaan dhufan godinicha keessa lakkoofsi namoota gargaarsa nyaataa hatattamaa isaan barbaachisuu kuma 190 ol ta’a.

Kanneen keessaa 122,735 kan ta’an hanqina roobaatiin rakkoof kan saaxilaman yoo ta’u, sababa walitti bu’iinsaa buqqa’anii gargaarsa kan eeggatan ammoo 68,087 ta’uu himan.

Godina Koonsoo aanaalee sadi keessatti lakkoofsi daa’imman hanqina nyaataan miidhamanii akkasumas hanqina nyaataan akka malee dhukkubsatanii gara buufataalee fayyaa geeffamanii daran dabaluus Obbo Tasfaayeen himaniiru.

Daa’imman hanqina nyaataan akka malee miidhaman 244 kutaa dhukkubsattoota dhukkubni itti hammaatee galanii yaalamaa jiru jedhan.

Komiishiniin Hoggansa Sodaa Balaa Naannoo Kibbaa Godina Koonsoo keessatti namoota sababa walitti bu’iinsaa akkasumas hanqina roobaatiin miidhamaniif gargaarsa nyaataa dhiyeessaa akka jiru BBC’tti himee jira.

Komiishinichi kana haa jedhu malee, jiraattonni harka mootummaa eeggachaa jirra jedhu.

“Harka Waaqaa ykn kan mootummaa eeggachaan jira”

Godina Koonsoo Aanaa naannawa Kaaraat ganda Sorooboo keessa kan jiraatan Obbo Kootaanaa Alee Lammiisaa, abbaa ijoollee 12ti.

Waggoota darban oyiruu isaaniirra Xaafii, Mishingaa, Boqqoolloo, Daagussaa fi Boloqqee facaasanii turanillee sababa hanqina roobaatiin omisha akka hin arganne himu.

Waggoota sadan darban roobni yeroo isaa eeggatee waan hin roobneef rakkoo hamaaf saaxilamuu himu.

Ammatti waan gootaraa keessaa qaban mara nyaatanii fixanii harka duwwaa hafuu kan himan Obbo Kootaanaan, “harka Waaqaa ykn kan mootummaa eeggachaan jira” jedhan.

“Hongeen akkanaa umurii koo keessatti yeroo lammaffaaf na mudate” kan jedhan qonnaan bulaan kun, bara 1977 rakkoo wal-fakkaataa isaan mudate yaadatu.

Hongee godinicha keessatti uumameen wal qabatee daa’imman qofa osoo hin taane ga’eeyyiinis hanqina nyaataan miidhamuu fi lakkoofsi isaaniis dabalaa akka jiru Obbo Tasfaayeen ni himu.

“Ga’eeyyiin beelli amma jiru kan bara 1977 caalaa hamaa ta’uu nutti himu” kan jedhan Obbo Tasfaayeen, mootummaa naannoo Kibbaa fi Federaalaa dabalatee dhaabbileen miti-mootummaa godinicha keessa socho’an gargaarsa akka godhan gaafatamaniiru jedhan.

Waggoota sadan darban Aanaalee Godina Koonsoo sadi keessatti roobni yeroo malee roobee yeroo malee baduu isaarraan kan ka’e, akkasumas bakka mara wal gahuu dhabuurraa kan ka’e midhaan facaafame omisha hin kennine jedhan.

Sababa hanqina roobaa midhaan facaafame guutummaatti sadarkaa jedhamutti manca’uu himu Obbo Tasfaayeen.

midhaan hongeen manca'e
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dabalataan walitti bu’iinsa Aanaalee addaa fi gandoota ollaa waliin yeroo gara garaa uumamaa tureen, namoonni hedduun hojii qonnaa hojjechuu hanqachuu himan.

Oyiruuwwan midhaan irra facaafamanii turanis sababa walitti bu’iinsa kanaa osoo hin sassaabamiin turanii waan manca’aniif rakkoon hanqina nyaataa akka hammaatu gochuu dubbatu.

Midhaan facaafamee ture nyaata horiifilee osoo hin gahiin bade jedhan.

Hanqinni nyaata horii uumamuufi baalli re’oonni nyaatan goguun qonnaan bultoota yaaddoo guddaa keessa buuseeras jedhu.

Gidinicha keessa beeyladootni miliyoona shan akka jiran kan himan aanga’aan kun, roobni yeroon roobuu baannaan beeyladootni kun balaa dhumaatiif saaxilamoodha jedhan.

Godinichi dabalataan qaala’iinsa jireenyaa fi rakkoolee hawaasummaa biroon qoramaa jiraachuus himu. Manneen barnootaa 20 ta’an walitti bu’iinsa tureen waan gubataniif barattoonni kuma 10 ol barnootaan ala ta’aniiru jedhan.

Manneen barnootaa kun ariitiin suphamuu baannaan barattoonni kun A.L.I bara barnootaa 2015 barumsatti deebi’uu dhiisuu malu jedhan.

Naannoo Uummattoota Kibbaa keessatti kan argamu Godinni Koonsoo, Kilaastara Kolmee dabalatee Aanaalee sadii fi bulchiinsa magaalaa tokko of jalatti qabatee ijaarame.

Walitti bu’iinsa daangaa hawaasa naannawa san jiraatan jidduutti irra deddeebiin uumamaa tureen, namoonni hedduun ajjeefamanii hedduun qaama yoo miidhaman, kan qe’eefi qabeenya isaanii irraa buqqa’anis muraasa miti.