Koonsootti walitti bu'iinsa dhalateen lubbuun namaa darbe, qabeenyarra miidhaan gahe

Naannoo Uummattoota Kibbaa godina Koonsoo aanaa addaa Alii keessatti walitti bu'iinsa dhalateen lubbuun namaa darbee qabeenyarras miidhaan qaqqabuu aanga'oonni naannichaa BBC'tti himan.
ALI Bitootessa 9, 2014 irraa walitti bu'iinsa eegalee hanga Dilbataatti itti fufeen gama Koonsoon hammi namoota du'anii adda hin baane garuu qabeenyaa fi qaama namaarra miidhaan gaheera jedhan hoogganaan qajeelcha kominikeeshinii mootummaa godina Koonsoo obbo Saraawwit Dibaabaa.
''Lubbuun namaa darbeera, manneen gubataniiru, qabeenyi manca'eera, hanqinni qaamaa galmaa'eera. Miidhaan kuni ammoo kan hunda keenyaati. Akkaan nu gaddisiiseera.''
Gama aanaa addaa Aliitiinis akkasuma lubbuun namaa darbuu, miidhaan namaa fi qabeenyarra gahuu hoogganaan kominikeeshinii mootummaa aanaa Alii Gameessoo Gassaatoo BBC'f himaniiru.
Walitti bu'iinsa kanaaf sababa kan ta'e lafa qonnaa daangaa godina Koonsoofi aanaa addaa Aliirratti argamu naaf mala kan jedhu ta'uu aanga'oonni lamaan himaniiru.
Rakkoon alanaa lafa dheedumsa wajjiin walqabatee akkasumas horiin saamamuufi sababa kanattis namootni miidhamuu akka ta'e iyyaafanneerra.
''Walitti bu'iinsi jalqaba namoota dhuunfaa gidduutti kan eegale ta'us, babal'atee hawaasatti ce'eera'' jedhan Gameessoo Gassaatoo
Bu'uurri isaa dhimma daangaa yeroo ta'uu bulchiinsa duraanii keessatti uummatni Koonsoofi Alii godina uummata Sagan jedhu jalatti waliin bulaa turanitti daangaa qabachaa turantu irra deddeebiin dubii kaasa.
Kaabineen godinaa rakkoo kana hubatee Koonsoo godina Alii ammoo aanaa addaa godhee ijaarus rakkoon kun ittuma fufee jira.
Baroota 2003 fi 2006 walitti bu'iinsi dhalatan araaraa bira darbamuu kan himan Gameessoon walitti bu'iinsi bara waggaa lama dura dhalatee tures akkasuma bara darbe furmaata araaraa argatee ture jedhu.
Rakkoo kana waaraan furuuf koreen hundaa hojiin hojjetamaa akka jiru himaniiru.
''Uummatni lamaanuu nageenyi isaa akka daraaru yaa'iin araaraa taa'amii nagaan deebi'ee ture'' jedhu obbo Saraawwitis.
Adeemsi nagaa buusuu wayita adeemaa jirutti walitti bu'iinsi dhalateefi miidhaan qaqqabe kan hin eegamnesha jedhan.
Rakkoon alanaa kan mudate akka obbo Gameessoo jedhanitti gama Aliitiinis ta'e gama Koonsoon ''qaamolee nageenyicha hin barbaanneenni'' Caasalee lamaanuu keessa daldaltootni walitti bu'iinsaa hin dhibne '' jedhan.
Jimaata torbee darbee Barahaawaa lafa jedhamutti namootni hidhatan humna addaa naannoo uummattoota Kibbaa waliin walitti dhukaasanii kanaaniis lakkoofsaan ibsuun rakkisuus miidhaan gahuu dabalanii himaniiru.
Jimaata darberraa eegalee Diimayaa lafa jedhamuttis akkasuma lolli deebi'ee lubbuun namaa darbuufi miidhaan guddaan qabeenyarra gahuu obbo Gameessoo Gassaatoo himaniiru.
Rakkoon kun aanga'ota naannoo fi qaamolee nageenyaa akkasumas uummata hirmaachise furmaata akka argatu akka hojjetaamaa jiraachuus dabalanii himaniiru.
Koree teeknikaan hojiileen furmaata waaraa barbaaduu sababa walitti bu'iinsaan adda cite akka itti fufu ni taasifmaa jedhaniiru.















