Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Joo Baayiden dhibee kaanserii 'hamaadhaan' qabaman
Pirezidaantiin duraanii US, Joo Baayiden kaanserii ''hamaadhaan'' qabamuu waajjirri isaanii ibse.
Kaanseriin kun piroosteet Kaanser [ kaanserii cidhanii] jedhama. Kaanseriin kun gara lafee qaama isaaniitti babal'achuu akka danda'u waajjirri isaanii ibseera.
Ji'a Amajjii darbe aangoo pirezidaantummaa Tiraampitti kan dabarsan Baayiden, Jimaata darbe qorannoo gaggeessuun dhibeen kun irratti argame.
Dhibeen isaan qabe kun isa ''baay'ee hamaa'' akka tahe himame. Dhibichi 'Gleason 9' jedhame. Kana jechuun dhukkubni kun ''sadarkaa olaanaa'' irra jiraachuu isaa agarsiisa.
Akka Dhaabbata Qorannoo kaanserii UKtti dhibeen yeroo gabaabaa keessatti qaama keessa faca'a.
Baayidenii fi maatiin isaanii haala yaala isaa irratti qorannoo gaggeessaa jiru. Kaanserii kun hoormonii waliin waan wal qabatuuf yaaliidhaan to'achuu danda'ama.
Ibsa Dilbata baasaniin, ''Torban darbe mallattoo fincaan isaanii irratti mul'ate hordofuun qorannoo kan taasisan Joo Baayiden dhibeen kaanserii [Prostate] irratti mul'ateera'' jedhe.
''Dhibeen kun isa hamaa jedhamus garuu yaalamuu kan danda'udha'' jedhe.
Erga oduun kun dhagahamee Pirezidaanti Tiraampi miidiyaa hawwaasaa isaanii 'Truth' jedhamu irratti, ''anaa fi Meelaaniyaa Tiraampi oduu fayyaa Baayiden kana dhagahuutti gaddineerra. Jiilii fi maatii isheef jajjabinaa fi waan gaarii akka tahu hawwina'' jedhan.
''Joo Baayideniif yeroo gabaabaatti akka fayyan hawwina'' jedhan.
Baayiden jalatti Itti Aantuu pirezidaantii tahuun kan tajaajilte kaamalaa Haarisii fi abbaan warraa ishee Doog Emoof, maatii Baayiden kadhannaa keenya keessatti yaadanna jedhan.
''Jooy nama salphaatti harka kennu miti. Akka inni qormaata kanas cimina ittiin beekamuun akka keessa darbu nana amana. Abdii fi kutannoo hoggansa isaa keessatti ittiin beekamuun qormaata kana keessas akka darbu abdannat,'' jette.
Baaraak Obaamaa, bara 2009-2017 pirezidaantii US tahuun kan tajaajilan, haati warraa koo Misheelii fi ani ''maatii Baayiden hundaa kadhannaa keenya keessatti yaadanna'' jedhan.
''Joo Baayiden caalaa yaala kaanserii gosa kamiifuu furmaata tahe barbaaduudhaan namni hojjete hin jiru. Dhinee amma isa mudate kanas cimina ittiin beekamuu fi ayyaana isaan akka keessa darbu nan amana. Akka dafee fayyuuf ammoo ni kadhannaaf,'' jedhe.
Bara 2016 Obaamaan sagantaa yaala kaanserii irratti qorannoo guddaa akka gaggeessuuf hojii mootummaan jalqabeef Joo baayideniin ramadanii hojjechiisaniiru.
Oduun kun Baayiden duula filannoo keessaa bahanii waggaa tokko guutuuf yeroo jedhamu dhagahame.
Yeroo sana yaada keessa kan galfame umurii isaafi waa'ee fayyaa isaa ture. Seenaa pirezidaantota US keessatti gaggeessaa umurii guddaan aangoo irra turanidha.
Dhibeen kaanserii cidhanii [Prostate Cancer] Ameerikaa keessatti kaanserii gogaatti aanuun dhiirota miidhuudhaan sadarkaa lammaffaa irra jira.
CDC, Gidduugalli Ittisa Dhibee US, dhiirota 100 keessaa 13 kan tahan yeroo murtaa'e tokkotti dhibee kaanserii cidhaaniin qabamu jedhe.
Akkasumas umuriin sababa ka'umsa dhibee kanaa tahuu danda'a.
Ogeessonni akak ejdhanitti dhibeen kaanserii kun gara lafeetti kan faca'u yoo tahe waan fayyuu danda'u miti.