Nunoo Mendeez: 'Qoricha jifattootaa' leenjisaa ijoollummaatti isa hordofu hattuu se'ee baqate

Nuunoo Mendeez

Madda suuraa, Getty Images

Umriinsaa reefu ganna 22. Kubbaa miilaa taphachuu kan eegale ganna 10tti. Yeros akka har'aa taphataa jifattoota addunyaan raajeffatte dhabamsiisuuf osoo hin taane jifataa ta'uuf leenji'aa bahe.

Bara kana iddoo inni taphatu irratti taphataan isa caala milkaahe hin jiru. Taphataa sarara ittisaa isa cimaa addunyaa kanaa jedhamees leellifamaa jira.

Bara kana PSG waliin waancaa Shaampiyoonsi Liigii dabalatee waancaawwan sadii mo'ateera. Baruma kana Poorchugaal waliinis waancaa Neeshins Liig mo'ateera.

Taphattoota biyyasaa lamaan PSGtti waliin taphataniin alatti taphatan addunyaarratti bara kana hangasaa milkaahe hin jiru.

Morkii shaampiyoonsi Liigii bara kanaarratti gahumsa addaa agarsiisaa ture. PSGn waancaa injifachuuf falmaa godhe keessatti jifattoota qormaata ittistootaati jedhaman Mohaammad Saalaa, Bukaayoo Saakaa fi Lamiin Yamaal tokko tokkon dhabamsiiseera.

Maqaansaa guutuun Nuunoo Aleksaader Tavarees Mendees jedhama. Qarqara magaalaa guddoo Poorchugaal Liizbanitti Waxabajjii 19, 2002 guyyaa akka har'aa dhalate.

Nuunoo Mundeez abbaafi haadha hidda dhalootaa Angoolaa qaban irraa Poorchugaalitti dhalatee, qe'ee gurguddoonni kubbaa miilaa akka Kiristiyaanoo Ronaaldoofi Luwiis Fiigo itti guddatan keessatti kubbaa miilaaf bu'uurrisaa kaahame.

Waayee ijoollummaasaa gabasaalee hedduun jiraachuu baatanis Nuunoon mucaa qananiin guddate akka hin taane ni beekama.

Harmeensaa istaadiyoomii kilaba ijoollummaatti isa guddisee Ispoortiing Liizban keessa hojii qulqulleessuurra boba'uu isaaniitu himama.

Abbaan isaa ammoo osoo inni mucaa ganna 17 ta'ee jiruu kilaba Liizbaniif yeroo duraaf hiriiruu dura dhibamaa turanii boqotan.

Boqochuun abbaasaa bilchina isaa saffisiisu Nunoo Mendees dubbateera.

''Eyyeen wayita abbaan koo boqotu dafee guddachuun akka narra jirun bare'' jedhe.

Kilabnisaa Ispoortiing wayita abbaasaa dhabe sanitti deeggarsa guddoo akka godheef kan himu tapahaatan kun, ''akka taphataattis akka namaattis akkaadaamichi gama hedduun na deeggare'' jedhe.

Akaadaamii Ispoortiing galee hiree garee jalqabaa kilabichaatti makamee hiriiruu kan argate garaagartummaa waggaa torbaa gidduutti. Bara 2020tti dargaggeessa ganna 17 wayita jiru yeroo duraaf Ispoortiingiif hiriiruu danda'e.

Leenjisaa Maanchistar Yunaayitiid ammaa kan bara 2020 keessa leenjisaa Ispoortiing ta'e Ruben Amoriim waliin waggaa tokkoof hojjeteera.

Qaramee ittistootaaf sadarkaa qormaata ta'uutti kan gahe garuu Paarisitti. Bara 2021 keessa PSGtti makamuu dura ammoo Ispoortiing Liizban waliin liigii Poorchugaal injifateera.

Injifannoo kilabichaa waggaa 20 booda argame kanarratti gaheen Mendees guddaa ture.

Garee piriimeeraa liigaa poochigaal bara sana 11 keessa Mendees tokko ta'ee filameera.

Baruma kana ergisaan gara PSG godaane. Achiis bara 2022 yuuroo miliyoona 38ttiin taphataa PSG ta'e.

Leenjisaa isa filachuuf hordofu hattuu se'ee baqate

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Seenaa Mendees ilaalchisee wantoota raajii ta'an keessaa tokko ijoollummaasaatti akka itti leenjsitootni Ispoortiing Liizban isa itti filataaniidha.

Dandeettiisaa kubbaa miilaa namni jalqaba hubate barsiisaasaa Buruunoo Boteelhoo jedhamuudha. Kilaba xiqqaa Despertar jedhamuuf akka bakka magaalaa Liizban irraa xiqqo siiqee argamutti affeere. Achitti mucaan yeroo daa'ima ganna torbaa ture sirriitti of agarsiise. Ija leenjistoota dandeettii ijoollee qo'atanii keessa bu'e.

Ergasii yeroo hedduu wayita mana barnootaatii manatti deebi'u namni tokko isa hordofa.

Mendees nama nama saamu ta'a jedhee sodaachuun fiigee manatti baqata. Namni isa hordofaa ture garuu akkaadaamii Ispoortiingiif nama ijoollee dandeettii qaban filatu ture.

Booda namni kun Mendeeziin amansiisee waggaa afuriif gara akkaadaamii Ispoortiing akka galu taasise.

Mendees bara 2022tti erga Kiristiyaanoo Ronaaldootii taphataa umrii xiqqaatti filannoo jalqabaa kilaba Ispoortiing Liizban ta'e.

PSGtti ittisa jifattootni sodaatan ta'e

Nuunoo Mendeez tapha Naashiins Liigirratti

Madda suuraa, Getty Images

Mendees amma haala nama hunda waliigalchuun taphataa sarara ittisaa jifattootni sarara cinaa ciccimoo addunyaa kanaati jedhaman sodaatan ta'eera.

Morkii shaampiyoonsi Liigii bara kanaa irratti tapha mo'anii darbuu irratti taphataa Liiverpuul qabaan dhadhabe, Moahaammad Saalaa,dhaqaa galatti dhaabeera. Saalaan Paaristtis Anfiildittis yaalii goolii hin goone, Mendeez bira darbuus hin dandeenye.

Nuusa xumuraa irrattis Arsenaal waliin walitti yoo dhufan Bukaayoo Saakaa taphachiisuu hindandeenye.

Tapha xumuraa Inter Miilaaniin 5-0n mo'anii seenaa keessatti yeroo duraaf waancicha yeroo injifatan taphoota mo'anii darbuurratti gaheesaa ittisuu bira darbee goolii lama Astoon viilaarratti galcheeta. Kubbaawwan goolii ta'anis mijeessee kennaa tura.

Torban tokko dura ammoo biyyasaa Poorchugaal waliin Ispeeniin mo'achuun waancaa Naashinsi Liig ionjifateera.

Tapha kana dura hedduu leellifamaa kan ture taphataa sarara cinaa Ispeen Lamiin Yamaal ture.

Mendees Yamaaliin guutummaatti dhaabe, ciruma hin taphachiifne. Darbees goolii galchuu danda'eera. Taphataa cimaa tapha xumuraa sanaa jedhamuun filatameera.

Mendees amma sarara ittisaa cimaa addunyaa kanaa saffisaan, dandeetti taphattoota biroo bira darbuu fi kubbaa akka gaariitti to'achuun qixxee hin qabu jedhamaa jiruudha.

Dirreetiin ala nama akkamiiti?

Nuunoo Mendees nama garraamii akka ta'e gabaasaaleen waayeesaa Intarneeta gubbaa gadhiifaman ni agarsiisu.

Nama viidiyoo geemiifi muuziqaatti bohaaru, kolfaafii gammachuu jaalatu akka ta'e himama.

Gorsa obboleessasaa hangafaa kan ijoollummaarraa isa qaraa dhufe akka dhagahus gabaasama.

Mendees bara 2025 kana keessa moodeela lammii Biraazil taate Thalyta Silva jedhamtu waliin waltajjiiwwan adda addaarratti mul'ateera.