Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Puutiin aangoosaa waggaa 25tiin 'Raashiyaaf dhuguma dhimmaa'?
Jala bultii bara haaraa 1999 yoom iyyuu hin dagatamu.
Biiroo BBC Moskoo keessatti Gaazexeessaa qopheessaa ta'ee hojjataan ture. Akkuma tasaa oduun ammeen dhufe. Innis pirezidantiin Raashiyaa Booris Yeeltsiin aangoo gadhiisaniiru kan jedhu ture.
Murteen inni aangoo gadhiisuuf murteesse, korporeeshinii pireesii Biriteen kan Moskoo jiru dabalatee, nama hunda naasisee jedhuun yaadata gulaalaan BBC Raashiyaa Istiivan Roosanbarg guyyaa sana.
Yeroo oduun sun dhagahameettis waajjira keessa rippoortarri hin turre. Kana jechuunis oduu BBC isa jalqabaa ofii koon barreessee tamsaasuun qaba ture.
"Boris Yeeltsin yeroo hunda bara aangoosaa guutuu akka aangoorra turu dubbataa ture. Haata'u malee har'a garuu yaada isaa akka jijjiire lammiilee Raashiyaatti himeera," jedheen barreesse.
Kun egaa jalqabbii hojii gaazexeessummaa koo ture. Akkasumas Vilaadmiir Puutiin hogganaa Raashiyaa ta'uun guyyaa itti aangoosaa jalqabuun ture.
Yeeltsiin aangoo gadhiisuu isaanii hordofuun, akkaataa heera mootummaa Raashiyaatiin ministirri mummichaa Puutiin itti aanaa pirezidantii ta'udhaan biyyattii bulchuu eegalan. Itaansee ammoo ji'a sadii booda filannoo injifate.
Yeroo Kiremliin keessaa bahu, Yeeltsin qajeelfamni addaan ba'uu Puutiiniif kenne: "Raashiyaa kunuunsi!"
Qajeelfamni Yeeltsiin osoo Kiremiliin hin bahiin dura Puutiiniif kennan: "Adaraa Raashiyaa kunuunsi!" kan jedhu ture.
Jechoota Yeeltsin sana caalaatti yaadachaa waanan, waraanni Raashiyaan Yukireen irratti bante hamma kunoo waggaa sadiitti dhihaachaa dhufeera.
Sababni isaas, weerarri guutuun Pirezidaantiin Puutiin Yukireen irratti raawwatan miidhaa hamaa waan fideef.
Addatti ammoo, Yukireen magaalota ishee keessatti badii guddaa fi miidhaa cimaatuu irra gahe.
Lafti ishee gara %20tti siqu kan Raashiyaan jalaa qabame yoo ta'u, lammiileen ishee miliyoona 10 ta'an qe'eesaanii irraa buqqa'aniiru.
Haata'u malee Raashiyaadhaafis akkasuma:
- Erga Vilaadmiir Puutiin ''opareshinii waraana addaa'' jedhamu jalqabuuf murteessee as Raashiyaan dirree waraanaa irratti kasaaraa guddaan mudataa jira.
- Magaalonnii gurguddoofi xixiqqoon Raashiyaa haleellaa dirooniin idilee jala galan.
- Loltoonni Yukireen kutaa naannoo Raashiyaa Kursk jedhamu to'ataniiru.
- Qoqqobbii idil-addunyaa dinagdee Raashiyaa irratti dhiibbaa guddaa geessisaa jira.
- Kan biraa maaltu jiru, haalli dimogiraafii biyyattii hamaa ta'aa jira.
- Rakkoon biyya keessaa saffisaan dabalaa dhufeera.
Puutiin erga aangoo qabatee kaasee waggoota 25'f waa'ee isaa gabaasaan ture.
Mudde 31, 1999tti, eenyutu hogganaan haaraan Raashiyaa waggoota kurnan lamaa fi walakkaan booda ammallee aangoo irra jiraata jedhee yaade?
Yookanis eenyuutuu Raashiyaan har'a Yukireen irratti waraana bantee biyyoota lixaa waliin wal-dura dhaabbatti jedhee tilmaame?
Yeroo baayyee osoo Yeeltsin nama biraa isa bakka bu'u filatee adeemsi seenaa baayyee adda ta'a ture jedheen yaada. Gaaffiin jirus, qabatamaadhaan kan barnoote ta'uun isaa beekamaadha. Tarii Seenaan daangaa fi dhiifamaan kan guutamteedha.
Wanti mirkanaa'ee dubbachuu danda'u tokko garuu: waggoota digdamii shan keessatti Puutiin garaa garaa argeera. Kunis ana ana qofa miti.
"Puutiin ani waliin wal argee, daldala gaarii waliin hojjedhe, kan waliin Mana Maree Naatoo-Raashiyaa hundeesse, yeroo ammaa kanatti baayyee sooreessa ta'ee kana irraa baayyee baayyee adda," jechuun hogganaan NATO duraanii Loord Roobartsan bara 2023 kan natti himan.
"Namni Caamsaa bara 2002 na cinaa dhaabatee, sirriitti na cinaa dhaabatee, Yukireen mootummaa saba abbaa biyyummaa fi walaba taatee fi waa'ee nageenyaa irratti murtoo mataashee kan murteessudha jedhe, amma nama [Yukireen] biyya of dandeessuu miti kan jedhudha."
"Vilaadimir Puutiin gogaa baayyee haphii fi hawwii guddaa nama biyyasaatiif qabudha jedheen yaada. Gamtaan Sooviyeet addunyaa irratti akka humna guddaa lammaffaa taateetti beekamtii turte.
Raashiyaan kallattii sanaan himannaa tokkollee dhiyeessu hin dandeessu. Sunis miira of tulummaasaa nyaate jedheen yaada."
Sunis jijjiirama Puutiin irratti argineef ibsa ta'uu wantoota danda'an keessaa tokko: hawwii cimaan inni qabu, "Raashiyaa Ammas Irra deebiin Guddaa Gochuu" (fi waan namoonni baay'een Waraana Hololaa keessatti mo'amuu Moskoo jedhanii fudhatan bakka buusuuf) Raashiyaan ollaa ishee waliin fi warra lixaa waliin walitti bu'iinsa hin oolle irra buuse.
Raashiyaan ibsa biraa qabdi
Kiremliin ibsa adda ta'e qabi.
Puutiin haasaa taasisuu hunda keessatti, yaada kennu irratti, aariidhaan kan oofe fakkaata. Innis kan miira hunda hammatee waggootaaf Raashiyaan sobamteettii, kabaja dhabdeetti, yaaddoon nageenyaa ishees warra lixaatiin kuffifameera kan jedhu qaba fakkaata.
Garuu Puutiin mataan isaanii imaanaa pirezidantii duraanii, Yeeltsiin ''Adaraa Raashiyaa kunuunsii'' jedhanii dhaamaniif sana akka raawwate ni amanu?
Dhiheenya kana kan adda baasuudhaaf carraa argadheera.
Puutiin ibsa gaazexeessitootaaf dhuma waggaa irratti kennaniin sa'aatii afur oliif gaaffii akkan gaafadhu na afeeran.
Anis "Boris Yeeltsin adaraa Raashiyaa kunuunsi siin jedhanii ture" jedheen waan pirezidantichi imaanaa itti kenne yaadachiise.
Garuu kasaaraan guddaan Raashiyaarra ga'eera 'opireeshinii waraanaa addaa' jedhamtu keessanitti, loltoonni Yukireen naannoo Kursk keessa jiran miidhaan geessisan, qoqqobbiin biyyota lixaa akkasumas qaala'iinsi jireenyaa olaanaan Rashiyaa raasaa jiru.
Imaanaa sitti kenname san egdee Raashiyaa kununseera jettee yaaddaa? jedheen gaafadhe.
''Eeyyee'' jechuun deebii naaf kennuu jalqaban Pirezidanti Puutiin. "Ani immoo kunuunsuu qofa miti. Qarqara boolla sanaa irraa duubatti deebiseera," naan jedhan.
Biyyoonni dhiyaa Raashiyaan mootummaa abbaa hirree fi biyyoota kaanillee weeraruudhaaf akeeka qabu jechuun himatu.
Haata'u malee, Puutiin ''Raashiyaan mootummaa walaba ta'e akka taate mirkaneessuuf'' waan hunda hojjechaa akka jiru himan.
Akka ittisaa biyya walabaa Raashiyaatti of dhiyeessuun: kun ilaalcha inni duubatti deebi'ee waraana Yukireen keessatti geggeeffamaa jiruuf sababa ta'uuf yaaluun dhufedhaa? Yookan dhuguma Puutiin seenaa Raashiyaa ammayyaa qabateera kan jedhu ammalleen gaaffiidha.
Deebiin isaa akkaataa waraanni kun itti xumuramu irratti dhiibbaa guddaa geessisuu danda'a. Akkasumas kallattii Raashiyaan gara fuula duraa irratti jijjirama akkamii akka fidutu eegama.