Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Jeneraalli Raashiyaa Mooskootti ajjeefamuun biyyattiitti sodaa uume
Waraanni Raashiyaan Yukireen irratti geggeessaa turte gara waggoota sadiif Moskoo keessatti dhiibbaan cimaan geessise hin turre.
Namootni akkuma yeroo nagaatti jireenya idilee isaanii gaggeeffataa turan. Amma garuu Raashiyaa keessa haalli jireenya idilee sun hin jiru.
Aajjeechaa Jeneraalichaa booda ykn Yukireen ittisa qilleensaa Moskoo keessa seenuun haleellaa geessisuun rifaatu uumuun qilleensa idilee san jeeqera.
Janaraalli Raashiyaa hogganaa humnoota eegumsa niiwukilara biyyattii ta'e Lt Gen Igor Kirillov fi gargaaraa isaa Ilya Polikarpov Kibxata dhohinsa magaalaa Mooskoo keessatti mudateen ajjeefame.
Taatee kun Yukireen raashiyaa keessatti haleellaa raawwachuu akka dandeessu aangawoota Raashiyaaf akka dammaqiinsaatti tajaajila. Kana haaloo ba'uuf Moskoon waraana kana cimsuuf carraan ishee baayyee guddaadha.
Waa'ee waraanaa fagootti yoo dhaga'anii fi oduu irratti waa'ee san arguun waan akka malee fagoo ta'ee sitti dhagahama, garuu yeroo sirriitti sitti dhiyaatu fi ati argituu raawwatamu guutummaatti adda fi sodaachisaa dha," jetti jiraattuun magaa Moscoo Liisaan jedhamtu. Isheen gamoo naannawa bakka dhohinsi itti jeneraal Kirillov itti ajjeese jiraatti.
"Hanga ammaatti waraana akka malee fagootti dhageenya ture - amma kunoo nama nu jalaa ajjeesuu jalqabeera, bu'aan isaa [waraanaa] amma caalatti sitti dhaga'amuu danda'a."
"Yaaddoon koo baay'ee dabaleera, sagaleen dhageessu hundi si rifachiisa - diroonii moo sagalee bakka ijaarsaati dhaga'amu jettee dhiphatta," jetti Liisaan.
Ilaalchi waraana Raashiyaa Yukireen keessatti gaggeessitu jiraattotni karaa miidiyaalee arganiif qabatamaan argan mira adda addaa akka qabu himu.
Oduu ajjeechaa Kirillov irratti deebii kan kennan, qopheessaan sagantaa marii siyaasaa TV mootummaa Raashiyaa irratti qopheesse Yukireen komachuun ''haleellaa kanaan Pirezidaanti Zelensky murtii du'aa ofii isaanii mallatteessaniiru'' jechuun himateera.
Pirezidaantiin duraanii Raashiyaa Dimitiri Medvedev ''qorattoonni namoota ajjeesan Raashiyaa keessatti argachuu qabu'', ''gargaartoota isaanii kanneen Kiiv keessa jiran balleessuuf waan hunda gochuu qabna'' jedhan.
Pirezidaantiin duraanii Raashiyaa Dimitiri Medvedev ''qorattoonni namoota ajjeechaa kana duuba jiran Raashiyaa keessatti argachuu qabu, akkasumallee gargaartoota isaanii kanneen Kiiv keessa jiran balleessuuf waan hunda gochuu qabna'' jedhan.
Ajjeechaa jeneraalichaa fi gargaaraa isaanii irratti hanga ammaatti Pirezidaantii Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin irraa wanti dhaga'ame hin jiru.
Haa ta'u malee, hogganaan Kremlin yeroo hunda Raashiyaan doorsisa nageenyaaf deebii akka kennitu, haaloo bahuun akka hin oolle dubbataniiru.
Kamisa dhufu dhuma waggaa ilaalchisee ibsa gaazexeessitootaaf kennamuu fi miidiyaalee gurguuddoo biyyattiin ka;llatttinn tamsa'u ni gaggeeffama.
Puutiin taatee kana fayyadamuun ajjeechaa rifachiisaa jeneraala ishee irratti rawwate irratti yaada kennuu? Callisa dhimma kufaatii Bashar al-Asad, michuu ijoo Moskoo Baha Giddu Galeessaa keessa hanga yoonaa omaa hin jenne cabsuu?
Akkasumas waraanaYukireen waliin waggaa sadiitti dhiyaachaa jiruf itti jiran irratti kallattii kaa'uu fi dhiisuu isaani ifa miti.Garuu waan eegamaa jiruudha.