Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Puutin Yukireen duraan weerarun qaba ture jedhe
Pirezdaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Puutin, Raashiyaan Yukireen irratti dursitee weerara guutuu raawwachuu fi kana caalaa haala fooyya'een waraanaafi qophaa'uu qabdi turte jedhan.
Puutin ibsa dhuma bara 2024 ilaalchisuun Kamisa kaleessaa gaazexeessitootaaf kennaniin, weerara bara 2022 Yukireen irratti raawwatan duubatti deebi'anii yaadachuudhaan, kan ''oppareshinii waraana addaa'' jechuun waamaniif ''qophiin sirnaa'' jiraachuu qaba ture jedhan.
Raashiyaan bara 2014tti Kiriimiyaa Yukireen jalaa kan qabatte yoo ta'u, humnoonni Raashiyaa deeggeran ammoo baha Yukireen keessatti waraan jalqaban, haa ta'u malee Puutin Kiiv qabachuuf kan yaale waggaa saddeet booda ture.
Puutin haasaa sa'aatii afuriif taasisan kana keessattis waa'ee hogganaa Sooriyaa aangoo irraa bu'ee, qajeelfama (doctrine) niwukilaraa Raashiyaa caalaatti cimaa ta'e akkasumas dhimmoota biyya keessaa kan akka gatii dhadhaa irratti dubbatan.
"Bu'aa Waggaa Vilaadmiir Puutin waliin" jedhamuun waamame kunas, Kamisa darbe chaanaalii TV gurguddoo mootummaa irratti kallattiin biyyattii guutuutti tamsa'ee ture.
Puutin iskiriinii guddaa bifa cuquliisa qabuufi kan kaartaa Federeeshinii Raashiyaa kutaalee Yukireen itti dabalamaniin guutame fuulduratti mul'atan.
Innis miseensota hawaasaa, gaazexeessitoota biyya alaa fi sooramtoota irraa gaaffii kan fudhatan yoo ta'u, garuu dhimma baayyee tartiiba qabuu fi ciminaan kan to'atame ture.
Gulaalaa BBC Raashiyaa, Istiiv Roosenbarg, biyyattiin amma kan yeroo bulchaa isaaniin dura turan kan bara bulchiinsa Booris Yeltsin, kan waggoota 25 dura dhiisee biyyaa ba'e caalaa haala fooyya'aa keessa akka jirtu itti dhaga'amuu fi dhiisuu gaafatamanii, Puutin Raashiyaan ''abba biyyummaa'' ishee deebiftee argatteetti jedhan.
''Isaan dura wantoota Raashiyaa mudatan hundaan, gara gutuummaan birmadummaa keenya dhabuutti imalaa turre.''
Waa'ee kufaatii bulchiinsa Asaad kan gaafataman Puutin, Kireemliin kan waggootaaf waraanaa pirezidantii Bashaar al-Asaadiin deeggaraa baateef mo'amuu akka hin taane waakkachuun, garuu haalichi ''walxalaa'' ta'u amanan.
Dursaa Sooriyaa duraanii kan yeroo finciltoonni jalqaba baatii kanaatti Damaasqootti siqan baqachuun gara Mooskootti imalaiitti ganaa akka hin dubbannee kaasuudhaan, dhiheenyatti haasofsiisuuf karoorfachuu himan.
Itti dabaluudhaanis, Raashiyaan buufata waraanaa tarsiimoodhaan barbaachisoo ta'an lama kanneen qarqara galaanaa Meditiraaniyaaniitti argaman irratti akka turtuuf bulchitoota haaraa Siooiyaa waliin mari'achaa akka jirtuu fi isaanis Moskoon dhimma namoomaaf itti fayyadamuu akka yaaddu dubbatan.
Pirezidaantii Ameerikaa amma filatamaa Doonaald Tiraamp ilaalchisee Puutin, waggoota afuriif waliitti akka hin dubbanne kaasuun, garuu ''yoo inni barbaade'' wal arguuf qophii ta'uu dubbatan.
Puutin, Tiraamp kan Ammajjii keessaa aangoo qabachuuf jiran waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu sadarkaa dadhabaa irra jiraachuu, barreessaa Ameerikaa Maark Tween caqasuudhaan: "Oduu du'akoo garmalee harbeeffame," namoota galma keessa turan kofalchiise.
Gama Chaayinaatti yoo ceenu ammoo, Puutin hariiroon Raashiyaan ollaashee bahaa waliin qabdu sadarkaa yeroo kamiyyuu caalu irra ga'uu fi biyyoonni lamaan waltajjii addunyaarratti tarkaanfiiwwan fudhataman qindeessaa akka jiran himan.
"Waggoota kurnan darban keessatti, sadarkaa fi qulqullinni hariiroo keenya [Raashiyaa fi Chaayinaa]n seenaa keenya guutuu keessatti hanga kana dura hin beekne irra gaheera," jedhan.
Kutaan walgahii dheeraan waraana Yukireen irratti kan xiyyeeffate yoo ta'u, Puutin waraana kana dhaabuudhaaf ''itti yaaduudhaaf banaadha'' jedhan, haata'u malee itti yaaduu (compomise) jechuun maal fiduu akka danda'u ifa miti.
Humnoonni Raashiyaa adda waraanaa irratti ''guyyaa guyyaan'' fooyya'insa agarsiisaa jiru jechuudhaan loltootasaaniin ''gootota'' jechuun ibsan.
Achumaanis, alaabaa mallattoo qabu kan loltoota galaanaa Raashiyaa naannoo Kursk keessatti "biyya haadhaaf qabsaa'anitu" naaf kenne jedhe, keessumeessitonni lama kaameraadhaaf akka duubaan qabatanii fidan.
Akkasumas pirojektiiwwan ijaarsaa Raashiyaan naannoowwan Yukireen irraa fudhatte keessatti gaggeeffamaa jiran dubbachuun, sadarkaan daandii naannoo Yukireen Luhansk keessatti erga bara 2014tti humnoota Raashiyaan deeggaramaniin qabamtee as baay'ee fooyya'eera jedhan.
Jijjiirama Raashiyaan qajeelfama (doktiriinii) niwukilaraa, kan Puutin Sadaasa keessa dhiibee irratti, biyyoonni lixaa ''ergaa argataniiru'' jechuun miseensi hirmaattootaa tokko gaafatamee ''isaanuma gaafachuu qabda'' jechuun deebiiseef.
Qajeelfamni niwukilaraa haaraan kunis Raashiyaan yoo humna niwukilaraatiin deeggarte, biyya kamiyyuu irratti haleellaa niwukilaraa akka raawwattu kan hayyamudha.
Kana jechuunis, Yukireen misaa'ela barame, dirooniiwwan ykn xiyyaaraan Raashiyaa irratti haleellaa guddaa yoo raawwatte, ulaagaa deebii niwukilaraa guutuu ta'e raawwachu dandeessi jechuudha.