Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Qonnaan bulaa Itoophiyaa muuxxannoo qooduuf biyya Seeraaliyoonitti affeeraman
Qonnaan bulaan godina Shawaa Bahaa Aanaa Lumee kun waggoota 30 ol biyyoota Awustiraaliyaa fi Keeniyaa keessa jiraatan.
Maqaan isaanii Wandasan Kaasee jedhamu; dhalatanii kan guddatan Godina Arsii Magaalaa Abboomsaatti yemmuu ta'u, yeroo ammaa magaalaa Bishooftuu keessa jiraatu.
"Waggoota 31'f biyya alaa jiraadheen dhufe. Awustiraaliyaa fi Keeniyaa keessatti dameewwan bashannanaafii ijaarsaarratti baay'ee hojjedheera" jedhu.
Waggoota 5 dura weerarri dhibee Koovid-19 uumamuusaan dura Obbo Wandasan biyya Keeniyaa Magaalaa Mombaasaa keessatti mana bashannanaa banatanii hojjechaa turan.
Haata'u malee, weerara dhibee Koovid hordofee dhaabbanni isaanii cufamuuf dirqame, isaanis gara biyyaatti galuuf murteessan.
"Mombaasaa keessatti mana bashannanaa guddaa namoota 1,500 keessummeessuu danda'u 'Sheebaa Laawunj' jedhamun qaba ture. Inni sababa Koovidiin yemmuu cufamu gara biyyakoottin deebi'e," jedhu.
Gara biyyaa erga deebi'anii boodas jiruusaanii magaalaa Bishooftuu godhachuun Godina Shawaa Bahaa aanaa Lumee keessattimmoo hojii qonnaa hojjechuu eegalan.
"Ani hojii baay'ee jaaladhu qofan hojjedha" kan jedhan Obbo Wandasan, maatiin isaanii qonnaan bultoota ta'uu isaaniifi isaanis hojicha waan jaalataniif hojii qonnaa eegaluu dubbatu.
Qonna qindaa'aa fakkeenyummaa qabu…
Obbo Wandasan Kaasee lafa hektaara tokko bitan irratti hojii qonnaa kan eegalan bara 2020'tti ture. Lafa hektaara tokko kanarrattis avokaadoo, paappaayyaa, muuzii, burtukaanafii shankoora dabalatee muduraalee nyaataaf oolan 15 dhaaban. Lafuma kanarratti horii, lukkuu fi qurxummiis horsiisuu eegalan.
"Lafa hektaara takka waan taateef akka giddugala qorannoo godheen hojjedhe. Gara fulduraatti bal'inaan hojjechuufii qonnaan bultoota naannoo barsiisuufis akka oolutti jechuudha" jedhu.
Qonna Obbo Wandasan kanarratti balfi lukkuulee qurxummiif soorata dabalataa ta'uun tajaajila. Bishaan xuraa'aan haroo qurxummiin keessatti walhoru keessaa bahufii balfi loonii immoo biqilootaaf soorata ta'a.
Kana malees qurxummiin qalamee foonsaa erga irraa fuudhamee booda lafee fi hafteen biroo lukkuudhaaf soorata ta'a.
"Wanti hundi hidhata qaba. Balfi qe'ee keenya keessaa gara alaa bahu tokkollee hinjiru" jechuun akkaataa qonni isaanii bifa hidhata qabufii madaalasaa eegateen hojjetu ibsu.
Bu'aa qonnaa oyruu isaanii keessatti omishan gabaaf akka dhiyeessan kan himan qonnaan bulaa Wandasan, dhiyeenya kanas qonnaan bultoota naannichaa biroo waliin ta'uun omisha avokaadoo gara biyya Ispeenitti erguusaanii himaniiru.
Kana malees akkaataa qorannoo isaaniittiin laftiifii haalli qilleensaa iddichaa muduraalee akka avokaadoo, paappaayyaa, muuzii fi paashin firutiif daran mijataa ta'uusaa himuunis, "kan barsiifnus qonnaan bultoonni naannoo omishaalee kunneen irratti akka xiyyeeffatanidha" jedhan.
Affeerraa Pirezidaantii Seeraaliyoon…
Waggoota darban keessa qonni Obbo Wandasan angawoota mootummaa hedduun daawwatameera.
"Obbo Shimallisis (Pirezidaantii Naannoo Oromiyaa) dhiyeenya kana dhufanii daawwatanii baay'ee itti gammadan. Hojiikoo akkan babal'isuuf lafti akka naaf kennamuuf ajaja kennaniiru" jedhu Obbo Wandasan.
Dhuma ji'a Onkololeessaa ALI 2017 immoo yaa'ii 'Addunyaa Beelarraa Bilisa Taate' (World Without Hunger) magaalaa Finfinneetti taasifamerratti hirmaachuuf angawoonni biyyoota Seeraaliyoon fi Giinii Finfinneetti argamanii turan.
Pirezidaantiin Seeraaliyoon fi Ministirri Mummee Giinii gara aanaa Lumeetti imaluunis qonna Obbo Wandasan daawwatanii turan. Daawwiin angawoota biyyoota kunneeniis qonnaan bulaa kanaaf carraa haaraa kan fide ture.
"Pirezidaantiin Seeraaliyoon achuma qonna keessa osoo jirruu 'as waanan dhufeef baay'ee gammadeera. Biyya keenya dhuftee leenjii osoo nuuf laattee fi muuxxannookee nuuf qoodde' jedhanii nagaafatan" jedhu Obbo Wandasan.
Gaafii pireezidaantichaan gammaduu kan himan qonnaan bulaaan kun, pirezidaantichi gara biyya isaaniitti erga deebi'anii booda ergaa barreeffamaa erguun gara biyya isaaniitti isaan affeeruu himu.
"Guyyaa ittaanutti pirezidaantiin Seeraaliyoon akkuma biyyasaaniitti deebi'anii booda ergaa barreeffamaa naaf ergan. Baay'een gammade. Pirezidaantii tokko irraa ergaan yoo sitti ergamu baay'ee si gammachiisa" jedhu qonnaan bulaa Wandasan Kaasee.
Qonnaan bulaa Wandasanis qonnaan bulaa "cimaa' jechuun ibsan Obbo Ashannaafii Ayyaalew jedhaman affeeruun waliin gara Seeraaliyoon imalan.
Qonnaan bultoonni aanaa Lumee lamaan biyyattii guyyoota saddeetiif kan turan yemmuu ta'u, isaan keessaa guyyoota sadiif hojiilee qonnaa biyyattii keessa jiran daawwachuufii Pirezidaantichaaf gabaasa dhiyeessuu himan.
"Isaan kan barbaadan kutaalee biyyaa 147 qaban tokkon tokkon keessatti qonni akka kootii akka hojjetamudha. Giddugalawwan kunneenis qonnaan bultoota barsiisuuf akka oolan barbaadu" jedhan.
Haaluma kanaan yeroo dhiyootti hojii itti aanuuf gara Seeraliyoon akka imalanis himaniiru.
"Biyyakoof ambaasaaddara ta'uun barbaada, carraa gaariis argadheera" kan jedhan qonnaan bulaan kun, carraa argatan kanas bu'aa qabeessa gochuuf akka tattaafatan himaniiru.
Gama biraatiin hojjettoota dhaabbii 16 fi kan yeroo torba qabaachuu kan himan Obbo Wandasan, karoorri isaanii gara fulduraa hojii qonnaa isaanii babal'isuun hojjechuu akka ta'es himaniiru.