‘Hiyyummaan ijisaa yaa badu, namoonni yeroo dhiphatan yeroon argu baay’een gadde’ - Barakat Gabareewaa

Qonnaan bultuu Barakat Warquu namoonni harka qalleeyyiin omishaalee qonnaa nuusa kiiloorraa eegalee akka fedha isaaniitti akka bitataniif waamicha tibbana taasifteen marsaalee hawaasaarratti dinqisiifannaa argatteerti.

Gara Itoophiyaatti osoo hin deebi’iin dura Ayerlaand jiraachaa kan turte Barakat Warquu, hojii qonnaa gara Itoophiyaatti erga deebitee booda hojjechaa jirtuun beekamtii guddaa horatteerti.

‘Barakat Gabareewaa’ jechuun kan of waamtu qonnaan bultuun tun, tibbana ammoo kuduraaleefi muduraalee oomishte Giddugalawwan Kuusaafi Gurgurtaa Omishaalee Qonnaa Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee ijaare keessatti kallattiin fayyadamtootaaf dhiyeessaa jirti.

Timaatimni, shunkurtiin, dinnichi, kaarotiin, hundeen diimaa, paappaayyaan, zukunniifi kiyaarri immoo kuduraaleef muduraalee fayyadamtootaaf dhiyeessitee gurguraa jirtu keessaadha.

Namnoonnis hanga humna isaanii nuusa kiiloorraa eegalee ‘gatii qonnaan bulaatiin’ akka irraa bitaniif affeerti.

Magaalaa Finfinnee keessatti “dukkaanawwan kuduraaleefi muduraaleen itti gurguramu tokko tokko paakejii qopheessu. Fakkeenyaaf, ‘birrii 500 gadi gurguruun hin danda’amu, kiiloo haganaa gadi bituu hin dandeessan’ jedhu kan jettu Barakat, tarkaanfiin akkanaa namoota harka-qalleeyyii irratti dhiibbaa uumuu himti.

Namoonni hanga paakejii dukkaanonni kaa’an bituu hin dandeenye yeroo dhidhiphatan arguu kan himtu Barakat, “Hiyyummaan ijjisaa yaa badu; yeroo dhiphatan yeroon argu baay’een gadde, miira cimaatu natti dhagahame” jetti.

Kanaafis namoonni nuusa kiiloorraa eegalee hanga fedha isaanii yookiin hanga humni isaanii heeyyametti akka bitaniif haala mijeessuushees himteerti.

“Gatii qonnaan bulaatiin gurgurra…”

Qonnaan-bultuu Barakat, magaalaa Finfinnee keessatti omishaalee qonnaa omishte kallattiin fayyadamtootaaf dhiyeessuu erga eegaltee torbee lama qofa akka ta’e himti.

Yeroo ammaattis giddugalawwan kuusaafi gurgurtaa omishaalee qonnaa Kutaalee Magaalaa Lammii Kuraa fi Kolfee Qaraaniyoo keessatti argaman keessatti omishaalee qonnaa gurguraa akka jirtus himteerti.

Giddugalawwan kunneen qaala’insa jireenyaa hir’isuufi gabaa tasgabbeessuu kaayyeefachuun bulchiinsa magaalichaan kan ijaaraman yemmuu ta’u, omishtoonniifi fayyadamtoonni kallattiin walirraa akka bitan kan dandeessisanidha.

“Uummanni kallattiin dhufee wanta barbaadu, hanga barbaadu fudhatee deemuu danda’a” kan jettu Barakat, kanaan dura garuu qonnaan bultoonnifi fayyadamtoonni walirraa fagoo akka turan himti.

“Kanaan dura akkuma qonnaan bulaa kamiyyuu omisha keenya gara Finfinnee fidnee daldaltootaaf laanna ture. Isaan fayyadamtootaaf gurguranii komishinii isaanii, kanfaltii namoota meeshaa fe’an fi buusaniif kanfalan, kanfaltii kiraafi kanneen biroo irraa hir’isanii maallaqa nuuf galchu ture” jetti.

Amma garuu fayyadamtoonni omishaalee qonnaashee ‘gatii qonnaan bulaatiin’ irraa bitaa jiraachuu himti.

Garuu gatiin qonnaan bulaa maali jennee gaafii gaafanneef, gatiin kun kan qonnaan bultoonni, daldaltoonnifii Biiroon Daldalaa Finfinnee waliin ta’uun murteessan akka ta’efii baasii omishicha omishuuf bahe ilaalcha keessa galchuun kan murtaa’u akka ta’es himti.

“Bu’aan addaa irratti hin herreegamu. Bu’aa hanga dhibbeentaa 10 qofatu heyyamama. Sababnisaas nuti kasaaru hinqabnu, deebinee omishuu qabna. Kanaafi bu’aan sun (10%) kan murtaa’e” jetti.

“Duraan omisha keenya finnee daldalaaf laanna. Daldalaan immoo gatii fedheen gurgura. Qaamni biraan isarraa fudhatemmoo akkasuma dabalee gurgura. Kanaaf gatiin omishichaa dacha lama yookiin sadi erga dabalee booda uummata bira gaha” jetti.

Bifa kanaan qonnaan bultoonnis ta’e fayyadamtoonnii fayyadamoo akka hintaane kan himtu Barakat, omishtoonni fi fayyadamtoonni fuulleetti walarganii walirraa bituufii gurguruun isaanii rakkoo duraan ture akka fures himti.

Haaluma kanaan timaatimni kiiloon tokko yeroo ammaatti daldaltoota biratti yookiin suuqiiwwan keessatti birrii 25-30’n fayyadamtootaaf gurguramaa kan jiru ta’ullee isheen garuu birrii 10-17’tti gurguraa jiraachuu himteerti.

Qullubbii diimaan immoo iddoowwan tokko tokkotti kiiloodhaan birrii 85-90’tti gurguramaa jiraachuu himuun, isheen garuu birrii 45’tti gurguraa akka jirtu himteerti.

Rakkoon nurraa dhaabbateera…

Qaala’insa gatii omishaalee garagaraarratti yeroo garagaraatti uumamuuf daldaltoonnifii giddu deemtonni biroon sababa akka ta’an himama.

Kunis omishaalee gatii cabsaan qonnaan bultootarraa bituu, gabaatti osoo hinbaasiin mana kuusaa keessatti dhoksanii kaa’uu fi daballii gatii sababa qabeessa hintaane taasisuu ofkeessatti qabata.

“Kana dura omishni baay’inaan yoo jiraate daldaltoonni gatii hintaane siif kennu. Fakkeenyaaf ani omishuuf birrii 10 kan itti baase yoo ta’e ‘yoo gurgurte birrii lamatti gurguri’ naan jedhu. Gatii omishicha sasaabuuf baasellee kan hin uwwisneen jechuudha” jetti Barakat.

Sababa kanaanis qullubbii diimaafii timaatima omishte lafatti gadi naquuf dirqamtee akka turtes yaadachiisti.

Haata’u malee, bulchiinsi magaalaa Finfinnee qonnaan bultoonnifi fayyadamtoonni kallattiin bittaafi gurgurtaa akka raawwataniif haala mijeessuunsaa qonnaan bultoota akkasheetti iddoo gurgurtaa argataniif furmaata kan fide ta’uu dubbatti.

“Nuyi qonnaan bultoota suuqii arganneef rakkinni sun guutummaatti nurraa dhaabbateera” jette.

Kana malees fayyadamtoonnis gammadoo akka ta’an himuun, “rakkoon isaanii guutummaatti furameera jedhee hin amanu.

Garummoo hanga ta’es ta’u waan kana arguun salphaa miti. Qonnaan bultoonni biroon dabalataan yemmuu gara gabaa kanaatti seenan rakkoon keenyas, kan isaaniis ni furama jedheen amana” jechuun qonnaan bultuu Barakat Warquu himteerti.

Barakat Gabareewaa eenyu?

Ofiishees ‘qonnaan bultuu cimtuu’ ‘Qonnaan bultuu Barakat’ jechuun of waamti. Haala ittiin qonnaan bultummaa ogummaa kabajamaa ta’u itti ibsitus qabdi.

Ofii gara Itoophiyaa hin deebii’in dura Ayirlaandi Dabiliin jiraataa turte. Haadha ijoollee sadii kan taatee Barakat, dhalattee kan guddattees Hawaasaatti.

Maatiin ishees hojjattoota mootummaa turan. Barnoota ishee sadarkaa tokkooffaa fi lammaffaa achuma Hawaasaatti xumurte. Isaan booda ture gara Sudaan Kibbaatti kan imalate.

Sudaan Kibbaatti raayyaa Ittisaa keessa hojjattee jirti. Mana galmee mana maree biyyattii keessas hojjattee jirti.

Sudaan Kibbaatii ammoo gara Yugaandaa imalte. Yugaandaatti ammoo Yunivarsitii Kaavendishitti seera osoo barattuu, Yugaandaa fi Sudaan Kibbaa jidduu deddeebi’aa waggoota torbaaf hojjachuu itti fufte.

Abbaan warraashee lammii Ayerlaandiin kan wal barte achumatti. Achinis gara Ayerlaandiitti imaltee jireenyashee magaalaa guddoo biyyattii Dabliin godhatte.

Barakat gara qonnaatti kan galte sababii abbaasheetiin ta’u dubbatti. ''…Abbaan koo Mana barnootaa Sadarkaa tokkoffaa Taabooritti barsiisaadha. Kooleejjii barsiisotaafi mana barnootaa barnoota fagoo Maandeellaattis ni barsiisa ture. Yeroo boqonnaatti qonna nu agarsiisu ture.

Qonna guddaa osoo hintaane heektaara 2 ykn 3tu lafa maatii irra ture kan nutti agarsiisu…’’

Abbaan ishee ganna yeroo boqonnaa argatan gara Sulultaa qabatanii isaan waliin akka deeman yaadatti. Abbaashee waliinis qonna keessa hojjachaa ganna akka dabarsan kaafti.

Bona ammoo mana keessatti biqiltuuwwan adda addaa qopheessu turan.