Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dubartii qonnaan bultuu ta’uuf Ayerlaand gara Itoophiyaa deebite
Barakat Warquu Walaayittaa keessatti lafa heektaara 600 irratti kuduraa fi muduraa omishiti.
Ofiishees ‘qonnaan bultuu cimtuu’ ‘Qonnaan bultuu Barakat’ jechuun of waamti. Haala ittiin qonnaan bultummaa ogummaa kabajamaa ta’u itti ibsitus qabdi.
Ofii gara Itoophiyaa hin deebii’in dura Ayirlaandi Dabiliin jiraataa turte. Haadha ijoollee sadii kan taatee Barakat, dhalattee kan guddattees Hawaasaatti.
Maatiin ishees hojjattoota mootummaa turan. Barnoota ishee sadarkaa tokkooffaa fi lammaffaa achuma Hawaasaatti xumurte. Isaan booda ture gara Sudaan Kibbaatti kan imalate.
Sudaan Kibbaatti raayyaa Ittisaa keessa hojjattee jirti. Mana galmee mana maree biyyattii keessas hojjattee jirti.
Sudaan Kibbaatii ammoo gara Yugaandaa imalte. Yugaandaatti ammoo Yunivarsitii Kaavendishitti seera osoo barattuu, Yugaandaa fi Sudaan Kibbaa jidduu deddeebi’aa waggoota torbaaf hojjachuu itti fufte.
Abbaan warraashee lammii Ayerlaandiin kan wal barte achumatti. Achinis gara Ayerlaandiitti imaltee jireenyashee magaalaa guddoo biyyattii Dabliin godhatte.
'Qonna kanan eegale sababii abbaa kootiin'
Barakat gara qonnaatti kan galte sababii abbaasheetiin ta’u dubbatti.
''…Abbaan koo Mana barnootaa Sadarkaa tokkoffaa Taabooritti barsiisaadha. Kooleejjii barsiisotaafi mana barnootaa barnoota fagoo Maandeellaattis ni barsiisa ture. Yeroo boqonnaatti qonna nu agarsiisu ture.
Qonna guddaa osoo hintaane heektaara 2 ykn 3tu lafa maatii irra ture kan nutti agarsiisu…’’
Abbaan ishee ganna yeroo boqonnaa argatan gara Sulultaa qabatanii isaan waliin akka deeman yaadatti. Abbaashee waliinis qonna keessa hojjachaa ganna akka dabarsan kaafti.
Bona ammoo mana keessatti biqiltuuwwan adda addaa qopheessu turan.
‘‘…Mindaan barsiisaa abbaa keenyaa maatii jiraachisuuf gahaa hin turre. Kanaafuu mana keessatti biqiltuuwwan biqilchuun, bocawwan adda addaa hojjachaa fi hojiiwwan gara biraa hojjachuun galii argatu turan.’’
Miseensi maatii hundi qaama hojiiwwan kanneenii turan. Ijoollee maatii kanaa jaha keessaayis angafti qonna irratti hirmaatte.
Barakat jaalalli qonnaa kan ishee eegale yeroo sana akka ta’e dubbatti. ‘‘Ergan biyyaa baheen boodas ijjikoo kan ilaalu qonnaa qofa ture,’’ jetti.
Hojii biraa hojjachaa mataasaa biqiltuuwwan dhaabdi. Sudaan Kibbaatti Raayyaa Ittisaa fi Mana maree keessa wayita hojjataa turteettis dallaa keessa biqiltuuwwan dhaabaa akka turte dubbatti.
Dhumarattis amma gutuummaan qonna keessa galte.
'Obboleessa Musevenii waliin qonna hojjataa ture'
Barakat osoo hojii jaalattu kana hin eegaliin dura biyyaa kan baate waan maatiin ishee rakkoon mudateef ture.
Yeroo sanas akkasiin yaadatti: ‘‘Jireenyi baayyee cima ture. Abbaan keenya kaansarii garaachaan qabaman. Yeroos kaansariin maal akka ta’eyyu hin beeknu turre.
Qabeenyaa qabnu hunda gurgurre. Ani sadarkaa lammaffaa wayitan barataa ture mucaan qaban ture. Daa’ima sana guddisaa jireenya itti fufuun waan salphaa hin turre.
Gara Sudaan Kibbaa imaluuf carraan argadhe. Deemuun filadhe. Hojii dorgomee gara sana deeme.’’
Erga Sudaan Kibbaatti waggaa tokkoof hojjatteen booda hidhannoo loltootaa bituuf gara Yugaandaatti marmaaraa wayita turte, abbaa manaashee ammaa kana waliin wal barte.
Kaappiteenii humna addaa Ayirlaandii kan ta’e abbaan warraa ishee yeroo sanatti leenjiisaa waardiyyoota pirezidaantii Yugaandaa Yoweerii Museevenii ture.
Carraan hojii qonnaa Yugaandaatti eegaluus kan umameef yeroodhuma sana akka ture dubbatti.
‘‘Itoophiyaa keessatti hojii qonnaa bal’aa kan eegalees achuma Yudaandaa osoo jiru ture. Obboleessa quxisuu pirezidaantii Yoweerii Museevenii kan ta’e Janaraal Saaliim Saaleeh waliin qonna hojjataa ture.
Isaan lafa qonnaa guddaa waan qabaniif lafa isaanii irratti hojjataa turre.’’
Barakat erga Chaayinaa, Mozaambiik, Xaaliyaan, Taanzaaniyaa turteen booda ture jireenya ishee Ayerlaand kan godhatte.
Gara Itoophiyaatti deebii’uu
Barakat gara Itoophiyaatti kan deebite waggaa 10 dura ture. Yeroos lafa mataashee hin qabdu turte. Kanaafuu Maqiitti lafa kireeffachuun qonnaa eegalte.
Yeroo sanaa qabee gara Itoophiyaatti marmaaraa turte. Bara 2008tti lafa qonnaa heektaara 40 argatte.
‘‘…Osoon Ayerlaandi jiruun ture waa’ee Itoophiyaa yaaduu kan eegale. Biyya keenya biyyoo gaariitu jira. Laggeen gurguddaa qabna. Haalli qilleensaa keenyas gaariidha.
Akka barbaadneetti socha’uun hojjachus ni dandeenya. Kanaafu maaliif itti hin fayyadamne, jedhee yaaduun eegale.’’
Dabliin osoon jirtuu lafa xiqqoo irraa omishni baayyeen yoo argamu agartee jirti. Sanaafuu biyya baatiiwwan saddeetti qorra itti ta’eetti.
Barakat kan dinqisiisaa ture ammoo lammiilee Ayerlaandi haala qilleensaa sana keessatti oomishuun ofiisaanii irra darbanii gara biyya alaatti erguusaanii ture.
Dandeettii Itoophiyaa keessa jiruun sana caalaa hojjachuun akka danda’u amanuun gara biyyaatti deebite.
Erga gara biyyaatti deebitee boodas jalqaba Arsii keessatti lafa argachuun kuduraafi muduraa oomishuu eegaltee turte.
Haata’u malee ALI bara 2009tti mormii ummataa Oromiyaatti ka’ee tureen wal qabatee qonnaan isheen guutummaatti jalaa barbadaa’uu dubbatti.
Erga marsaa tokkoffaas qullubbii, corqaa, timaatimii, haabaabii fi zukiinii fa’i omishteen booda, marsaa lammaffaa dhaabuun gara UKtti erguuf qophiirratti osoo jirtu ture kan jalaa bade.
‘‘Oomisha gara biyya alaatti ergamu irratti xaa'oo fi qoricha omtuu hin fayyadamu. Yeroo sanatti sanyii kuduraa Hindii Karela jedhamutu ture. Oomishicha kan bitanis Hindoota turan. Osoon qonnaa irraa baala tokkolleen hin kutiin ture kan barbadaa’e,’’ jetti.
‘‘Kun ta’us garuu biyya kootti abdii hinkutanne. Lafa qonnaa Arsii ture achumatti dhiiseen gara naannoo Ummatoota Kibbaa deemuun hojjachuu eegale,’’ jetti.
Qonna Walaayitaatti
Barakat gara Itoophiyaa wayita deebiteetti invasitimantiif yuuroo miiliyoona tokko qabattee turte.
Yeroo qonni ishee barbadaa’eettis kisaaraan irra qaqqabee ture. Gara Ayerlaandiitti deebitee maallaqa biraa argachuufis yeroo baayyee itti fudhate.
Achinis gara yuuroo miliyoona sadii qabattee gara Itoophiyaatti deebite.
Waggaa tokkoon dura Walaayitaatti lafa bitachuuf deemnaan Biiroon Invastimantii bituurra lafa qonnaa heektaara 600 siif kenniina akka jedhaniin dubbatti.
Kanaan lammata deebitee hojii qonnaa eegalte. Amma kuduraa fi muduraa oomishaa loonis horsiisaa jirti.
Hojiin qonnaa isheetiis ‘Bereket Worku Integrated Agro Industry’ jedhama.
Lafa qonnaa isheerrattis muuzii, timaatimii, habaab, zukiinii fi kaan oomishaa jirti.
Bakka buna itti qindeessaniifi dhaabbata turistoota dowwachiisuu hundeessitee jirti. Akkasumas hoteela abbaa urjii shanis ijaaraa jirti.
Haala amma jiruun ‘‘bu’aa qabeessaadha’’ kan jettu Barakat, lafa qonnaa isheerratti hojjattoota 130f dhaabbataan carraa hojii uumtee jirti.
Hawaasni naannichaa ilaalcha gaarii qabaatulleen, aanga’oonni mootummaa garuu deeggarsa barbaachisu akka hin gooneef Barakat ni ibsiti.
‘‘Haalli simannaa hawaasaa gaariidha. Garuu gara aanga’oota mootummaatiin wantoonni naaf hin galle jiru.
Fakkeenyaaf, 'abbaan qabeenyaa ta’e bishaan obaasuuf waan ta’eef bishaan cufi' jedhama. Hanqinni bishaanii jira. Ofii kotiinan oliifi gadi fiigee wantoota sirreeffachuuf yaala malee qaamooleen mootummaa achi jiran deeggarsa hangas maraa hin taasisan.’’
Yeroo Sudaan Kibbaa turte irraa kaastee uffata ispoortii gurguruu, hojiiwwan qonnaa fi kaaniin galii gaarii argatti turte.
Abbaan warraashee Joonaataan Piin dhaabbata Gilenevan jedhamu kan qabu yoo ta’u, isheenis dhaabbaticha keessaa qooda qabdi.
Galiiwwa hojiiwwna kanneen irraa argamu qabatteeti kan Itoophiyaatti deebi’uun hojii qonnaa hojjachu eegaltes.
'Qonnaan bultuu Barakat'
Diinagdee Itoophiyaa keessatti gahee olaanaa kan qabu qonnaadha. Qonnaan bultoonnis oomisha isaanii gurguruun maatiisaanii deeggaruun hafee ofiisaaniiyuu danda’un yoo cimu ni mul’ata.
Gama biraatiin ammoo hojiin qonnaa akka hojii kaaniitti ilaalchi gaariin hin kennamuuf.
Itoophiyaatti maasaa laga biraa osoo qabanu waan ittiin bishaan laga keessaa harkisan dhabuun oomisha kan dhaban akka jiran Barakati ni kaafti.
Qonnaan bultoonni xaa’oo dhabuun oomisha dhabanis hedduu ta’uu himti.
Mootummaan alatti lammiileen Itoophiyaa biyya alaa jiraatan qonnaan bultoota akka deeggaraniif Barakati waamicha gooti.
‘‘… Biyyoo kan Itoophiyaatiin wal madaalu eessattuu hin agarre. Bishaan keenya, haalli qilleensaa keenya haalaan itti hin fayyadamne.
Qonnaan bulaa yoo jedhamu mataasaa akka qaaniitti ilaalama. Anis qonnaan bultuudha jedhee yaada sana geeddaruufan qonnatti gale.’’
Barakat ilaalcha dogongoraa qonnaa irra jiru jijjiiruuf jecha ofiisheen ‘Barakat qonnaan bultuu’ fi ‘qonnaan bultu cimtuu’ jechuun kan of leeliiftu.
Loltoota, barsiisaa, Ministira Mummeefi hunda kan sooru qonnaan bulaan akka kabajamu barbaaddi.
Oomishaalee qonnaa ishee gara biyya alaatti erguuf karoora qabdi. Isheen alattis qonnaan bultoonni kaanis ‘‘lafasaanii, bishaan isaanii, haalaan fayyadamun hiyyummaa keessaa akka bahaniin barbaada,’’ jetti.
Abbootiin qabeenyaa gara Itoophiyaa akka dhufaniif affeeruun alattis haala ni mijeesitti. Kanaanis jijjiirama fiduu akka dandeessu abdatti.