Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Qonnaan bulaa qonna magaalaan jireenya warra magaalaa jijjiiruuf dhama'u
Dargaggoonni baadiyyaa jireenya ammayaa barbaacha gindiifi harqoota isaanii gatanii godaanu. Dargaggoonni gara magaalaa Finfinnee fi magaalota naannolee birootti godaanan kunneen, hojii xixiqqaatti bobba'anii jireenya isaanii gaggeeffatu.
Akka ogeessa Agiroo Ikonoomiksii Iskindir Mulugeetaa jedhutti garuu, qonnaan magaalaa magaalaa sooruurra darbee, ba'aa qonnaan bulaarra jiru salphisuu keessatti gaheen isaa olaanaadha.
Obbo Iskindir manneen barnootaa mootummaa kudhan magaalaa Finfinnee keessa jiran keessatti biqiltuuwwan gara garaa qapheessuun gurgurtaaf dhiyeessa.
Dabalataanis, mannen barnootaa sadarkaa tokkoffaa kurnan kana keessatti wantota akka dinnicha/moose, qullubbii fi timaatima misoomsuun sagantaa nyaataa manneen barnootaa kanneen keessatti gaggeeffamanitti gurgurtaan dhiyeessuun galii argachaa akka jiru dubbata.
Manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaa kurnan Obbo Iskindir keessatti qonna magaalaa hojjetan keessaa Maggaabit 28, Maqadallaa, Dombooskoo, Biruuh Tasfaa, Qoxaarii, Sibistee, Abuune Baasiliyoos ni argamu.
Manneen barnootaa mootummaa qonna magaalaa keessatti gaggeessan kunneen hundi isaaniis tajaajila sagantaa nyaataa warra dhiyeessan akka ta'an hima Obbo Iskindir.
Sadarkaa biyyaatti barattoonni miliyoona 1.5 ta'an sagantaa mana barumsaatti nyaata dhiyeessuu keessatti kan hammataman yommuu ta'u, kanneen keessaa kuma 300 kan ta'an Finfinnee keessatti akka ta'an Obbo Iskindir ni dubbata.
Akka Obbo Iskindir jedhutti maallaqni sagantaa nyaata mana barumsaa kun Baankii addunyaarraa argama.
Kanaaf, carraa jiru kana ilaaluudhaan manneen barnootaa Finfinnee keessatti argaman lafa hangam akka qabatanii jiran qorannoollee gaggeessuu ibsa.
Giddu-galeessaan jedha Obbo Iskindir, manni barumsaa mootummaa Finfinne keessatti argamu tokko lafa iskuweer meetira 42,000 qabatee jira.
Kun ammoo magaalaalee naannoofi kutaa baadiyyaa biyyattii keessatti baay'ee adda ta'a jedha.
Kanaaf, kana akka ka'umsaatti fudhachuun tokkoo tokkoo manneen barnootaa keessatti maatii 10 ol gurmeessuun hojiitti galuu hima Obbo Iskindir.
Akka sagantaa nyaata manneen barnootaatti dhiyeessuu gargaaruuf yaadee manneen barnootaa 10 keessatti misoomni muduraa bu'aa argamsiisuu jalqabuu isaa dubbata ogeessi kun.
Mana barumsaa tokko keessatti dinnicha kuntaala 12 omishuu dandeenyeerra kan jedhu Obbo Iskindir, dabalataanis manneen barnootaa lukkuu horsiisuu jalqaban akka jiran dubbata.
Haala kanaan sagantaan mana barumsaatti nyaata dhiyeessuu akka of danda'u taasisuun ni danda'ama kan jedhu Obbo Iskndir, kanarra darbee galii argamuun maatiifi barattoota fayyadamoo taasisuun ni danda'ama jechuun ibsa.
Obbo Iskindir eenyu?
Obbo Iskindir, ogummaan Agiroo-Industiriidha. Digirii jalqabaa Yunvarsiitii Maqaleerraa argate. Biyya Yugaandaa keessatti dhaabbata miti-mootummaa tokko keessa waggoota torbaaf hojjechuu dubbata.
Turtii Yugaandaa isaatiin xiyyeeffannoo barbaachisu kennameefii hojjetamnaan qonni magaalaa jireenya ummata magaalaa akka jijjiiru hubachuu isaa dubbata.
Yugaandaa keessatti lafa amma barracha ibiddaa taatu irratti muduraalee dhaabuudhaan ummanni of jiraachisu hedduudha jedha.
Muuxannoon, "kun biyya keenyatti akka aadaa ta'un barbaade," jedha Obbo Iskindir. Ummanni jireenyi isaa qonnaan walitti hidhate garuu wabiin nyaataa isaa gaaffii keessa gale na yaadessa jedha.
Kanarraa ka'uunis, muuxannoo Yugaandaatti argate gara biyyaatti fiduun manneen barnootaa keessatti jalqabuu hima.
Yaada kana akka baratamu taasisuuf ammoo namoonni beebbeekamoon oyiruu isaanii keessa muduraalee dhaabuun fakkeenya akka ta'an yaaluu ibsa.
Jiraattonni magaalaa Finfinnee hedduun mooraa isaanii keessatti lafa bal'aa qabatanii akka jiran kan ibsu Obbo Iskindir, lafa kana qonna magaalaaf fayyadamuun midhaan nyaataan of danda'uu akka gargaaru hima.
Aadaan qonna magaalaa kun osoo baratamee ofirra darbanii kanneen kaanifillee ga'uun ni danda'ama jedhu Obbo Iskindir.
Dhaloota qonnaa akka biizinasiitti yaaduufi hojii qonnaatiin nan durooma jedhee yaadu uumuu akka barbaachisuus ni hima.
Magaalaa Finfinneettis ta'e magaalaalee naannolee biroo keessati dhaabbileen mootummaa, bakkawwan mana amantaa, manneen barnootaa lafa babal'aatti dallaa ijaranii qabatanii akka jiran yaadachuun, qonna magaalaa babbal'isuudhaaf sirriitti hojiirra oolchuu danda'amnaan midhaan nyaataan of danda'uun salphaa ta'uu dubbata.
Qannaan bulaan dadhabe osoo hin jedhiin hojjechuun ummata magaalaa soora kan jedhu Obbo Iskindir, amma garuu sababii jijjiirama qilleensaafi galteefi tekinooloojii qonnaa guutamuu dhabuu irraa kan ka'een ofiifillee harki gabaabbachaa akka jiru ni mul'ata jedha.
Kana waan ta'eef, jiraataan magaalaa qonna magaalaatiin gargaaruun barbaachisaadha jechuun kaasa.
"Qonnaan miliyeenara ta'uun ni danda'ama," jechuun qonna manneen barnootaa keessatti qabaniin ala dhuunfaa isaa hojiidhuma kana waliin walqabatan biroo hojjechaa jiruuchuu dubbata.
Yeroo ammaa kanas, biqiltuu abokaadoo qarshii 40n gurguraa akka jirus hima.
Mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa Maggaabit 28 keessatti qofa biqiltuuwwan abokaadoo 5,000 akka qophaa'an ibsa.
Hojii kanaan giddu-galeessaan mana barumsaa tokko keessatti maatiin 15 hirmaachaa jiru.
Dhuunfaa isaatiin ammoo lafa karee meetirii 300 irratti biqiltuu abokaadoo kuma 10 qopheessuun gabaaf dhiyeesseera.
Qormaata qonnaan bulaa magaalaa
Obbo Iskindir muuxannoo hojii qonna magaalaa Yugaandaafi biyyoota Afrikaa Bahaa irraa argatan akka biyya keessatti baratamu taasisuudhaaf yeroo yaalutti rakkoo isa mudate kaasa.
Qormaanni jalqabaa isa mudate hojii qonnaa akkamitti magaalaatti gaggeessuun danda'ama kan jedhudha.
Yeroo hojii kana eegalu qormaata guddaa akka itti ta'e yaadachuun, rakkoon guuddaan lafa qonnaa argachuu ture jedha. "Qonnaa lafa bal'aa irratti qofa akka danda'amu yaaduun qormaata guddaa natti ta'ee ture," jedha.
Qonni magaalaa xiyyeeffannoo maluuf hin arganne kan jedhu Obbo Iskindir, sochiin misooma magariisaa ministirri muummee Abiy jalqabaniifi weerarri koronaavaayirasii garuu akka namni gara oyiruu isaa ilaalu taasisuu ibsa.
Kanaan alattis, sirni inshuraansii qonnaan bulaa kan jajjabeessu akka hin taane muuxannoo ofiin qabu eeruun ibsa.
Obbo Iskindir, dhuunfaa isaatiin biqiltuuwwan abokaadoo kuma 10 omishuun akka baankonni isa qabatanii liqeessaniif jennaan horsiisa lukkuufi nyaata lukkuu qopheessan gaafatus, biqiltuun kumni 10 qabsiisuuf hin ta'u isaan jedhuu yaadata.
Biyya keenya sirna faayinaansiifi inshuraansii qonnaan bulaaf xiyyeeffannoo hin kennine qabdi kan jedhu Obbo Iskindir, kun ammoo jijjiiramuu akka qabu yaada isaa dhiyeessa.
Qonnaan bulaan akka hojjetee jijjiiramuufi hojii uumuullee danda'u amanuun dhiyeessa qonnaaf barbaachisuufi ilaalcha jiru ammayyeessuu feesisa jechuun gorsa.