Waraana dhoksaa Kooriyaan Kaabaa fi Kibbaa taasisaa jiraniin Kiim Jong Un injifachaa jiraa?

Dallaan Kooriyaa Kaabaa fi Kibbaa adda baasu kan shiboo elektiriikii qabuudha. Bufataaleen loltoonni dhibbaan lakkaa'amanis dallaa kana eeguuf achiitti argamu.

Achittiis waan hin baramne kan biraa jira. Innis sagalee guddiiftuuwwan gurguddaa magariisa bifa uffata loltuu fakkaatuutu jidduu jidduun jira.

Gabaastuun BBC Jaan Maakeenzii baatii darbe keessa gara naannichaatti imaluudhaan sagalee guddiiftuun tokko sirba (muziiqaa) pooppii Kooriyaa Kibbaa yoo sirbiisuus dhageessee jirti.

Muziqichis ergaa faallaa ta'e kan qabu ture. ''Yeroo gara alaa adeemnu humna arganna'' jedha. Lammiileen Kooriyaa Kaabaa biyya saanii keessaa bahuu akka hin dandeenye dubbiidhaan xuquudhaaf muuziqaa banameedha.

Sagalee guddiiftuu Kooriyaa Kaabaatiin ammoo muziiqaa holoola loltummaa dabarsuutu dhagahama.

Amma Kooriyaan Kaabaa fi Kooriyaan Kibbaa walitti dhukaasuu baatan illeen waraana irratti argamu. Kunis waraanaa odeeffannooti.

Kooriyaan Kibbaan odeeffannoo gara Kaabaatti galchuuf yaalti. Hogganaan Kooriyaa Kaabaa Kiim Joong Un ammoo ummatasaa odeeffannoo alaa kanarraa ittisuuf cimanii hojjatu. Ummanni biyyatti odeeffannoo biyya alaa akka dhagahan hin barbaadan.

Kooriyaan Kaabaa addunyaa kanarraa biyya interneetiin hin seennedha. Chaanaalonni TV, buufataaleen raadiyoo fi gaazexoonni hundi mootummaan kan geggeeffamaniidha.

"Sababni to'annoo kanaa sheekkoo naannoo maatii Kiim baay'een isaa kan tolfame ta'uu isaati. Wanti isaan ummatichatti himan baay'een sobadha," jedha Maartiin Wiiliyams, ogeessa olaanaa Giddugala Istiimsan kan Waashingitanitti argamu fi ogeessi teeknooloojii fi odeeffannoo Kooriyaa Kaabaa.

Kooriyaan Kibbaa ammoo soba mootummaan ummatatti himaa jiru sana ummataan gahaadhaan saaxiluun sirnichi caccabsaa adeemuu danda'a jettee yaaddi.

Sagalee guddiftoowwanis meeshaa mootummaan Kooriyaa Kibbaa itti fayyadamu keessaa yoo ta'u, gara duubaatiin ammoo sochiin lafa jalaa baayyee hammayyaa ta'e ta'e dagaageera.

Dhaabbileen miidiyaaa fi kanneen bu'aaf hin dhaabbanne muraasnis halkan dambalii raadiyoo gabaabaa fi giddu galeessaan odeeffannoo gara biyyattiitti dabarsaa jiru. Kanaanis lammiileen Kooriyaa Kaabaa dhoksaan dhaggeeffachuuf banachuu danda'u.

Egaan lammiileen biyyatti odeeffannoowwan kanneen halkaniifi osoo motummaan hin agaree dhorksaan dhaggeeffatu.

Filaashiiwwan USB fi kaardiiwwan Maayikroo-SD jedhamanis ji'aan odeeffannoo biyya alaa qabatanii dhoksaan gara Kooriyaa Kaabaa galfamu.

Odeeffannoowwan kanneen keessaayis fiilmiiwwan, diraamaawwan TV fi Muziqaawwan Pop akkasumas oduuwwan hololaa Kooriyaa Kaabaa fashaleessuuf qophaa'an keessatti argamu.

Haata'u malee, namoonni naannichatti hojjatanis waraana odeeffannoo kana Kooriyaan Kaabaa injifataa jirti jedhu.

Kiim namoota meeshaaleen qabiyyee biyya alaatiin qabamanii argaman irratti tarkaanfii cimaa fudhachuu qofa osoo hin taane, egeree hojii kanaa balaadhaaf saaxilamuu mala.

Irra caalaan hojii kanaa mootummaa Ameerikaatiin kan deeggaramu yoo ta'u, hir'isa bajata pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp dhiheenya taasianiin gargaarsi kun miidhamee jira.

Kanaafuu, kun lola odeeffannoo yeroo dheeraaf gama lamaanii eessatti dhiisa?

Diraamaawwan TV fi muuziiqaawwan

Dhaabbanni Miti Mootummaa Kooriyaa Kibbaa Gareen Miidiyaa Yunifikeeshinii (UMG) jedhamudha kan jij'aan oduuwwaniifi sagantaalee bashannannaa lammiilee Kooriyaa Kaabaatti tolu jedhe walitti qabee fe'uudhaan gara Kooriyaa Kaabaatti ergu.

USB balaa xiqqaa qabu jedhaman irratti diraamaa TV Kooriyaa Kibbaa fi sirboota pop ni argamu, kanneen jaalalaa dhiheenya kana walduraa duubaan 'Netflix' irratti gadhiifaman 'When Life Give You Tangerines' jedhuu fi weellistuu fi raapper beekamaa Kooriyaa Kibbaa Jennie fa'i hammata.

Filannoon balaa guddaa qabu jedhaman ammoo kan gareen kun "sagantaa barnootaa" jedhee waamu fi garuu odeeffannoo lammiilee Kooriyaa Kaabaa waa'ee dimokiraasii fi mirga namoomaa barsiisuu, qabiyyee Kiim baay'ee sodaata jedhamee yaadamudha.

Sana booda konkolaachiftoonni gara daangaa Chaayinaa kan ergaman yoo ta'u, achiittis michoonni dhaabbata UMG amanamoo ta'an ammoo balaa guddaadhaan laga ce'anii gara Kooriyaa Kaabaatti geessu.

Diraamaawwan Kooriyaa Kibbaa miidhaa kan qaban fakkaatuu baatulleen kibbatti namni bilisummaa akka itti jiraatu agarsiisa. Namoonni gamoowwan dheeraa keessa jiraataan yoo konkolaataa saffiisoo oofan, yoo supparmaarkeetiidhaa nyaataa bitatan agarsiisu.

Kuni jireenya Kooriyaa Kaabaatti yaadamu miti. Kiim ummanni Kooriyaa Kibbaa baayyee iyyeessaafi kan cunqursaa jala jiraatu jechuun ummataasaaf holola odeessaniif kun balaa olaanaadha.

''Namoonni tokko tokkoos wayita diraamaa ilaalan akka bohan dubbatu. Yeroo jalqabaatiif abdii akka qaban akka baranis dubbatu'' jedhu daarektarri UMG, Lii Kiwaang-Baak.

Namoonni hangamii diraamaa Kooriyaa Kibbaa doowwataa akka jiran irratti odeeffannoon jiraachu baatulleen, dhugaa bahumsi dhiheenya kana dhagahaman garuu odeeffannoon bal'inaan tamsa'aa jiraachu agarsiisa.

"Dhiheenya kana Kooriyaa Kaabaa irraa kan baqatanii fi kolugaltoonni baay'een isaanii qabiyyee biyya alaarraa galuun lubbuu isaanii balaaf saaxiluun miliquuf akka kakaafaman dubbatu" jedha Sokeel Paark, kan dhaabbata Kooriyaa Kaabaa keessatti argamu Liibartii jedhamuun qabiyyee kanneen raabsuuf hojjetu.

Kooriyaa Kaabaa keessatti mormiin siyaasaa ykn mormitoonni beekaman hin jiran. Mormiidhaaf walitti qabamuun garmalee balaa qaba. Haata'u malee, Mr Paark muraasni gocha diddaa dhuunfaa raawwachuuf kaka'umsa akka argatan abdatu.

Kooriyaa Kaabaa miliquu

Shamarree ganna 24 kan taate Kaang Giyuriin Kooriyaa Kaabaa keessatti kan guddatte yoo ta'u, achittis daldala qurxummii geggeessa turte. Sana booda dhuma bara 2023tti bidiruudhaan gara Kooriyaa Kibbaatti baqatte.

Qophiilee TV biyya alaa ilaaluun gartokkoon akka baqattuuf akka ishee kakaase himti. "Baay'ee akkan ukkaamfame natti dhaga'ame, akka tasaan immoo biyyaa ba'uuf fedhiin natti umamame."

Isheenis attamiin yeroo ijoollummaa ishee haadha ishee waliin tamsaasa raadiyoo dhaggeeffachaa akka turte yaadatti. Diraamaa jalqabaa wayita umuriin ishee waggaa 10ti kan dowwaatte.

Diraamaawwan kunneen akka bifa USB fi kaardii SDtiin saanduqa fuduraa keessaan seeraan ala gara biyyaatti akka galfaman kan barte waggootaan boodadha.

Bultee yoo itti hubattuus mootummaan akka isaa sobaa jiru hubatte. "Duraan mootummaan hamma kana nu daangessuunsaa waanuma jiru natti fakkaata ture. Biyyoonni biroos haaluma akkasiin jiraatu jedheen yaada ture," jechuun ibsiti. "Garuu sana booda Kooriyaa Kaabaa qofa akka ta'en hubadhe."

Namoonni isheen beektu hundi jechuun haala danda'amuun sagantaalee TV fi fiilmii Kooriyaa Kibbaa ilaalu turan. Ishee fi hiriyyoonni ishee USB isaanii wal jijjiiru turan.

"Waa'ee diraamaa fi taatoowwan beekamoo, akkasumas waaqolii tolfamoo K-pop akka miseensota BTS murtaa'an bifa gaarii qaba jennee yaadne haasofna turre."

"Akkasumas diinagdeen Kooriyaa Kibbaa akkasitti guddate illee ni dubbanna turre; garuu sirna Kooriyaa Kaabaa ifatti qeequun gonkumaa hin dandeenye."

Wantoonni ilaalan kunis akkaataa isheen fi hiriyyoonni ishee itti haasa'anii fi uffannaa irratti dhiibbaa uumeera jechuun dabaltee dubbatti. "Dargaggoonni Kooriyaa Kaabaa saffisaan jijjiiramaniiru."

Iskuwaadota ukkaamsaa fi adabbii dargaggootaa

Kiim Joong Un, balaa sirna isaa irra gahu malu waan baayyee beekuuf ofirraa ittisaa jira.

Tibba weeraraatti karaa daangaa Chaayinaa waliin qaban irratti dallaa elektirikii haaraa ijaaruun odeeffannoon karaa seeraan alaatiin galfamuu caalaa rakkisaa taasise.

Akkasumas seerri haaraan bara 2020 irraa eegalee ba'an adabbii namoota miidiyaa biyya alaa fayyadamanii fi osoo qooddanii qabamanii akka dabalu taasiseera. Tokkoonsaa, kanneen qabiyyee kana raabsan hidhamuu ykn ajjeefamuu akka danda'an ibseera.

Kun bu'aa nama naasiseera. "Miidiyaan kun duraan gabaa keessatti bitachuuf ni argama ture, namoonnis ifatti gurguru turan, amma garuu nama amanattu qofa irraa argachuu dandeessa," jedhu Mr Lii.

Erga tarkaanfiin kun fudhatamu jalqabee booda, Aadde Kaang fi hiriyyoonni ishees of eeggannoo cimaa taasisan. "Kana booda waa'ee kanaa waliin hin dubbannu, yoo dhuguma walitti dhihoo taane malee, baayyee icciitiin godhannee," jechuun waan raawwatan amantee jirti.

Dargaggoonni qabiyyee Kooriyaa Kibbaa waliin qabaman jedhaman hedduunsaanii ajjeefamuu quban qaba jetti.

Dhiheenya kana Kiim amala diraamaa Kooriyaa Kibbaa ilaaluu wajjin walqabata jedhan irrattis tarkaanfii fudhattee jirti. Bara 2023tti namoonni jechawwan Kooriyaa fayyadamuu ykn loqoda Kooriyaa Kibbaatiin dubbachuun yakka taasiseera.

Miseensonni 'squads dargaggoota ukkaamsan', daandii irratti sakatta'iinsa raawwachuun, amala dargaggoota hordofuun itti kennameera. Aadde Kaang yeroo baayyee dhaabsiifamu ni yaadatti, osoo hin miliqin dura.

Akkasumas rifeensa ishee akka lammii Kooriyaa Kibbaatti dhawachuu fi uffachuu isheetiin ceepha'amuu ishee ni yaadatti.

Iskuwaadoonni kunnenis bilbila ishee fudhachuun ergaa barreeffamaa ishee dubbisuun jechoota Kooriyaa Kibbaa kamiyyuu akka hin fayyadamne mirkaneessu isaanii dabalun himteetti.

Bara 2024tti miidiyaan Kooriyaa Kibbaa 'Daily NK' jedhamu bilbila Kooriyaa Kaabaa dhoksuun biyyaa baasuun jechoota Kooriyaa Kibbaa fayyadamu akka hin danda'amne adda baase.

Bilbilli kunis akka jechi Kooriyaa Kibbaa yeroo galfamu ofumaan balleessuunu, kan Kooriyaa Kaabaa wajjin wal gituun bakka buusuutti saganteeffamee ture.

"Smartphonen' amma qaama akkaataa Kooriyaan Kaabaa ummata biyyattii ittiin barsiisuuf yaaltu keessaa meesaa ta'aa jira," jedhu Mr Wiliiyaams.

Tarkaanfiiwwan ukkaamsaa kana hunda hordofee, amma Kooriyaan Kaabaa waraana odeeffannoo kana keessatti ''harka olaantummaa argachuu eegalteetti'' jedhee amana.

Hir'isuu bajataa Tiraamp fi dhiibbaa isaa

Tarkaanfii bajata hir'isuu pirezidantiin Ameerkaa Doonaald Tiraamp fudhatan horofuun, dhaabbilee lammiilee Kooriyaa kaabaa odeeffannoon qaqabsiisuuf hojjatan dabalatee dhaabbilee hedduun hanqinni maallaqaa mudateera.

Tiraamp miidiyaalee tajaajila oduu mootummaa federaalaatiin deeggaraman lamas; raadiyoo Firii Eshiyaafi Raadiyoo Sagalee Ameerikaa (VOA)s kanneen halkaniin gara Kooriyaa Kaabaatti tamsaasaa turan cufaniiru.

Tiraamp VOAn ''hundee jabaa'' fi ''farra Tiraamp'' ta'uu kan himatan yoo ta'u, Waayit Haawus ammoo tarkaanfiin kun ''kaffaltoonni gibiraa kana booda holola hundee gadi fageeffate akka hin deeggarre mirkaneessa'' jedheera.

Haata'u malee, Istiiv Hermaan, hogganaa biiroo VOA duraanii kan teessoo isaanii Saa'uul godhatan, "Kun foddaa baay'ee muraasa ummanni Kooriyaa Kaabaa ittiin gara addunyaatti qabu keessaa tokko ture, innis ibsa tokko malees callisiifameera" jechuun falmu.