Vilaadmiir Puutiniin Afrikaa Kibbaatti hidhuun waraana labsuudha - Siriil Raamaafoosaa

Madda suuraa, Getty Images
Vilaadmiir Puutiin yeroo Afrikaa Kibbaa dhufu to'achuuf yaaliin taasifamu kamiyyuu waraana Raashiyaa irratti labsamu dha jedhan pireezidantiin biyyattii.
Siriil Raamaafoosaan akeekkachiisa kana kan kennan kora idila addunyaa torbanoota booda Afrikaa Kibbaatti adeemsifamu kan pireezidantiiin Raashiyaa irratti affeeraman dursaniiti.
Haa tahu male Puutiin lafa Raashiyaa yoo gadhiisan ajajni hidhaa Dhaddacha Yakkaa Addunyaa(ICC) irratti bahuu danda'a.
Afrikaan Kibbaa ammoo waligaltee ICC biyya mallatteessan keessaa tokko gatii taateef Puutiin akka qabamaniif gargaaruu qabdi.
Haa tahu malee biyyattiin bara 2015tti Pireezidaantiin Sudaan yeroosii Omaar al-Bashir yakka uummata ofii irratti raawwataniin otoo barbaadamanii nagaan akka socho'an gochuun dirqamashee otoo hin raawwatiin hafteetti.
Puutiin walgahii BRICS Afrikaan Kibbaa Hagayyaa keessa qopheessitu irratti affeeramaniiru.
BRICS gamtaa biyyoota diinagdeen isaanii saffisaan guddachaa jiru Biraaziil, Raashiyaa,Indiyaa,Chaayinaa fi Afrikaa Kibbaa miseensummaan kan qabate dha.
Paartiin mormituu mummee Afrikaa Kibbaa, Demookiraatiik Allaayaans dubbii kana mana murtii dhaqachuun Puutiin biyya sana yoo galaniif akka qabaman qondaalota dirqisiisuu yaaleera.
Sanadni mana murtii akka agarsiisuutti Pireezidant Raamaafoosaan tarakaanfii kana akkaan akka mormaniifi nageenya biyyalessaa illee rakkoo keessa akka galchus himan.
''Afrikaan Kibbaa Puutiin to'annoo jala oolchuu raawwachuu irratti rakkoo ifa tahe qabdi,'' jedha sanadichi.
''Raashiyaan pireezidantii ishee to'annoo jala oolchuun waraana labsuu akka tahe ifatti himteetti. Waraaana irratti hirmaachuuf of saaxiluun ammoo heera keenya faallessa.''
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Raamaafoosaan Afrikaan Kibbaa biyyoota Afrikaa baayyee Raashiyaa fi Yukireen wajjiin marii'atan keessaati. ''Waraanni walumaagalatti akka dhaabbatu otoo gaafatanii Puutiin to'annoo jala oolchuuf yaaluun waan wal faallessu dha,'' jedhan.
Baatii darbe hoggantoonni Afrikaa ergama Raashiyaa fi Yukireen marsiisuu qabachuun gara Awurooppaa deemanillee ergamnisaanii otoo hin milkaa'iin hafeera.
Biyyooti Afrikaa waraana Raashiyaan Yukireen irratti adeemsiftu mormuu irratti boodatti jechuun gabaafamaa ture.
Kanaafis sababoota garagaraa kennaman keessaa-Afrikaan Kibbaa hidhata farra appaartaayidii Gamtaa Sooviyeet qabdu, Maaliin immoo jihaadistoota loluuf loltuu Raashiyaa Waagnar irratti hirkachuu
Kana malees biyyoota Afrikaa baayyee fi Raashiyaa gidduu hariiroon diinagdee jira.
Viiktar Veeksalbarg abbaa qabeenyaa Raashiyaa qoqqobbiin irra kaa'ame yoo tahu paarti Afrikaa Kibbaa, African National Congress (ANC) arjooma guddaa kennuun beekama.












