Biyyoonni addunyaa 70 yakkamtoota dabarsanii walii kennuufi wal tumsuuf waliigalan

Namoota yakka qorataa jiran

Madda suuraa, Getty Images

Walta'insa Idil-addunyaafi Shakkamtoota Dabarsanii Walii kennuu (Mutual Legal Assistance and Extradition Treaty (MLA)) tibbana biyyoonni 70 ta'an walii mallatteessaniiru.

Itoophiyaan garuu hanga ammaatti akka hin mallatteessiin ibsameera.

Marii torbanoota lamaaf tureefi bakka bu'oonni biyyootaafi dhaabbilee sivilii hedduun irratti argamaniifi biyya Islooveeniyaatti gaggeeffameerratti Itoophiyaan hin hirmaanne.

Haaluma kanaanis namoota yakka waraanaa, duguuggaa sanyii, yakka namoomaafi yakkoota sadarkaa idil-adunyaatti nama gaafachiisan biroo hojjatanii biyya isaaniitti baqatan to’achuun dabarsanii kennuufi seeratti akka dhiyaatan gochuuf waliigaltee mallatteessan.

Dhaabbata mirgaaf falmu Amanastii Internaashinaal bakka bu'udhaan mariicha irratti kan hirmaataniifi dhaabbaticha keessatti Gorsaa Imaammataa kan ta'an Obbo Fisihaa Taklee akka jedhaniitti, waliigalticharratti bakka bu'oonni biyyoonni Afriikaa, Awuroppaa, Eshiyaa, Laatiin Ameerikaa hedduun mallatteessaniiru.

Waliigalteen kunis kan mallattaa’e miidhamtoonniifi kanneen miidhaa irraa oolan ''murtee haqaa’’ akka argataniifidhas jedhan Obbo Fissaa.

''Biyyootni waliigaltee kana mallatteessan yakkamtoota waraanaa, yakka namoomaa kan hojjetanii fi duguuggaa sanyiin himatamuun biyya biraatti baqatan qabanii dabarsanii kennuu irratti xiyyeeffata,’’ jedhan Obbo Fissaan.

Kana dura sadarkaa idil-adunyaatti yakkootni ilaalaman kunneen mana Murtee Yakkaa Idil-adunyaan ilaalamaa turan.

Waliigalteen kun hojii mana murtichaa irratti dabalataan yakkoota sadarkaa idil-adunyaatti ilaalaman namoota raawwachuun himataman seeratti dhiyeessuun miidhamtootni akka haqa argatan gargaara jedhan Obbo Fissaan.

Biyyootni waliigalticha mallatteessan ''odeeffannoo walii kennuu, qorannoo yakkaa wal deeggaruu, yakka hojjechuun kan himataman mana murtiitti akka dhiyaatan ykn dabarfamanii akka kennaman deeggarsa walii gochuudha’’ jedhan Obbo Fissaan.

Namni yakkoota akka duguuggaa sanyii, yakka waraanaa fi namoomaan himatame kana dura Mana Murtii Yakkaa Idil-adunyaatti himatamuun ture qoratamee murtee kan argatu.

Akka Obbo Fissaan jedhanitti waliigalteen ammaa kun ammoo osoo achi hin gahiin yakkamtootni akka murtee argatan gargaara.

‘Waliigaltichi miidhamtoonni haqa akka argataniif’

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Namootni yakka hojjechuun biyyaa miliqanii biyyoota adda addaa keessa jiraatan hedduu tahuu malu.

Haa tahu malee jedhu Obbo Fissaan, namni yakka hojjetee biyyaa bahe akkaataa waliigaltee ammaa Kanaan biyya kamiyyuu yoo gale miliquu hin danda’u.

Kana dura manni Murtii Yakkaa Idil Adunyaa filannoo tokkicha jiru ture. Amma haqa barbaadauuf carraan isaa gara biyyoota shantamaatti baay’ateera jechuudha. Karaan itti miliqan waan dhiphateef miidhamtootni haqa argatu.’’

''Isa kana dura Mana Murtii Yakkaa Idil-adunyatti beekamuun ala waliigalteen ‘MLA’ haaran kun miidhamtootni akka beenyaa argatan ifatti lafa kaa’a.’’

Waliigalticha biyyoota Afrika ahedduu dabalatee waliigalaan 70 kan tahan mallatteessuu himan Obbo Fissaan.

Haa tahu malee, hamma Guraandhala 24 bara 2024tti dhufuutti banaa waan tahuuf mootummaan itti waliigalu mallatteessuu danda’a. Kaan ammoo akkasumaa miseensa tahuu danda’u jedhan.

‘‘Itoophiyaan hanga ammaatti keessa hin jirtu. Afrikaa irraa biyyootni hedduun jiru. Afrikaa Kibbaa, masirii, Naayijeeriyaa, Maalii, Ruwaandaa, Zimbaabuee, Beeniin,… fi kan kana fakkaatan jiru. Eeshiyaa, Ameerikaa Kibbaa irraas hirmaataniiru.‘‘

Waggoota lamaaf waraana Kaaba Itoophiyaa ture keessatti yakkootni namoomaa adda addaa hojjetamuu dhaabbileen mirga namoomaaf falman himaa turan.

Obbo Fissaan Itoophiyaan osoo mallatteesitee jirti tahe gaarii ture jedhu.

‘‘Faayidaa kan argatu namoota aangoo irra jiran osoo hin taane miidhamtootadha. Namootni miidhaman haqa argachuu danda’u jedheen yaada.‘‘

Itoophiyaan mallatteessuu dhabuun ammoo miidhamtootni akka haqa hin arganne gochuu danda’a jedhan.

Haa tahu malee, ‘‘namootni yakka hojjechuun gara biyyoota biroo deeman murtee haqaa hin argatan jechuu miti.

Namootni yakka hojjetanii Itoophiyaatii bahuun biyyoota waliigalticha mallatteessan osoo galan seeratti dhiyaachuun murtee argachuu danda’u. Garuu mootummaan Itoophiyaa deeggarsa seeraa gochuu yoo dide qofa lafarra harkisuu danda’a malee,‘‘ jedhan.

Miidhamtootaaf haqi akka argamuuf Waraana Adunyaa lammaaffaa booda manni murtii Nurenbargii fi Tookiyoo hundeeffamee ture.

Sana booda ammoo mana murtee Ruwaandaa fi Yuugooslooviyaa kaasuun ni danda’ama.

Haa tahu malee, waliigaltee kana seena qabeessa kan godhu mana murtii yakkaa hundeessuu qofa miti. Biyyootni itti gaafatama fudhachuun lafa isaanii irratti himatamaan argamanaan dabarsanii kennuuf waliigaluu isaaniiti jedhan Obbo Fissaa Takilee.

Waliigalteen Islooveniyaatti mallattaa’e kun waliigaltee idil-adunyaati kan jedhan Obbo Fissaan, waliigalteen kana dura beekamu biyyoota lama ykn isaa ol gidduutti kan gaggeeffamudha.

Kan ammaa garuu akka adunyaatti ilaalama. Namni yakka hojjete kamiyyuu biyya kamiyyuu keessatti kooluugaltummaa akka hin arganne gochuuf oola jedhan.

‘‘Waliigaltichi qaawwaa yakka hojjetanii biyyaa bahuun mudatu kan cufudha.‘‘

Pirezidaanti, Ministera Muummee fi Ministera Dhimma Alaan biyya tokkoo kanneen mirga himatamuu dhabuu qabaiin ala osoo yakka hojjetanii biyya deemanii ragaan hanga jiraatetti itti gaafatamuu danda’u jedhan.

‘‘Yakka osoo hin hojjetiin dura irra deebiin akka yaadan seera doorsisu ykn akeekkachiisa kennudha.’’