Lammiin Ruwaandaa ajjeechaa namoota 2000'n himatame qabame

Fuulijeens Kaayisheemaan

Madda suuraa, MICT

Duguuggaa sanyii Ruwaandaa bara 1994tti raawwateen namoota himatamanii garummoo otoo hin qabamiin hafan afur keessaa tokko Afrikaa kibbaatti qabameera jechuun abbootiin alangaa UN himan.

Fuulijeens Kaayisheemaan Afrikaa Kibbaa iddoo Paarl jedhamutti gaafa Roobii qabamuusaa dhaddachi UN dhimma shakkamtoota duguuggaa sanyii Ruwaandaa qabate hime.

Kaayisheemaan bara 2001tti ture ajjeechaa dhiirota, dubartootaafi daa'imman sanyii warra Tuutsii 2000 Bataskaana Kaatolikii keessatti awwalamaniin kan himatame.

Duguuggaa sanyii Ruwaandaan warra Tuutsii 800,000 fi warri Huutti muraasni ajjeefamaniiru.

Dhaddachi -International Residual Mechanism for Criminal Tribunals (MICT) Heeg jiru ibsa baaseen, Fuljeens Kaayishaan ''yakka duguuggaa sanyiin namoota addunyaa barbaadaman keessaati,'' jedhe.

Oppireeshinii biyyoota baayyee hirmaachiseen nama maqaafi waraqaa eenyummaa sobaa garagaraa fayyadamaa ture kana qabuun danda'ameera.

Akka himannaan isaa agarsiisutti namni kuni Ebla 15, 1994 baqattoota bataskaana Nyaangee Kivuumuu keessatti argamu keessa dhokatanii turan ajjeesuu fi ajjeechaa isaanii karoorsuu irratti kallattiin hirmaateera.

Lafa awwaalchaa kanneen duguuggaa sanyiin du'anii

Madda suuraa, Getty Images

Kaayisheemaa fi kaan bataskaana baqattoonni keessa turan gubuuf yaalaniiru.

Sun gaafa tahuufi didu doozariidhaan mancaasanii namoota achitti dhokatan ajjeesanii awwaalan.

Boodarra reeffi namoota kunneenii jumlaan awwaalame.

Dhaddachi Mootummoota Gamtoomanii ICTR dhimma ajjeechaa kanaa qo'atu kan Taanzaaniyaa jiru hoggantoota mummee 60 duguuggaa sanyii kana irratti adabbii dabarseera.

Lubni bataskaana Ataanaasee Seroombaa bara 2008tti hidhaa umriin guutuun adabameera.

Bara 2015 ICTR hojiisaa dhaabee, dhimmoonni hafa biroo MICT Heeg jirutti dabarfame.