'Duguuggaa sanyii Ruwaandaa booda hiriyaa kiyya achi buutee ishee dhabeen asoosama barreesse'

Namoota Duguuggaa sanyiin du'an

Madda suuraa, Getty Images

Viktooriyan duguuggaa sanyii bara 1994 Ruwaandatti mudate booda maati isheerraa adda baatee magaala guddoo DR Koongoo kan taate Gooma tti baqatte.

Duguuggaa sanyii bara 1994 Ruwaandatti mudateen namoota 800,000 ta'antu ajjeefame.

Yeroo duguuggan sanyii kun raawwatu Viktooriyaan ganna 16 turte. Buufata baqattootaa Goomaa erga geessee booda Viktooriyaan xalayaadhan Soofii wajjin wal baran.

Soofin Awurooppaa irraa Viktooriyaan ammoo jireenya baqattummaa ardii Afrikaa irraa osuma xalayaa walii barreessanii michuu gaarii ta'an.

Haa ta'u garuu guyyaa tokko Viktooriyaan buufata baqattummaa keessaa bakka biraatti geeffamaa akka jiraniifi yeroo dhiyootti xalayaa isheef akka barreessitu Soofidhaaf xalayaa barreessite.

Haa ta'u garuu ergasii Viktooriyaan hiriyaa ishee Soofidhaaf xalayaa hin ergine.

"Ergasii deebi'ee sagalee ishee hin dhageenye," jetti Soofin.

Hiriyaa ishee kana dhabuufi waan ishee mudate wallaaluu irraa kan ka'e yaadannoo isheefi gadda isheetti dhagahame ibsachuuf Soofin asoosama barreessuf dirqamte.

Soofin yeroo sana Paaris jiraatti. Akkuma Viktooriyaa isheenis shamarree ganna 16 turte.

Soofiyaan, buufata baqattoota sana keessatti barsiistuu Viktooriyaa kan taatefi dhaabbilee dhaabbilee namoomaa maatii walitti fidan Ruwaandaa keessatti argaman qunnamtus deebii hin arganne.

Jalqabarratti tarii ishee gaddisiisen ta'a, kanaaf xalayaa naaf deebisuu didde jettee calliste Soofin. Hanguma yeroon deemu deebii hiriyaa ishee dhabuun yaaddoo keessa ishee galche. Waa ishee mudatu malee Viktooriyaan hanga kana garaa akka itti jabaanne hubatte.

"Anis hanguman [umuriin] guddataa deemu waanti hamaan wayii ishee mudateera kan jedhutu natti dhagahmaa dhufe. Tarii ajjeefamte ta'a, yookin waanti biraa ishee mudateera kan jedhu faatu natti dhagahamuu eegale.

Amma Wales keessa kan jiraataa jirtu Soofin,"Qorannoo qorachuu ergan eegalee boodan jireenyi buufata baqannaa maal akka ture guutummaatti hubachuu kanan dana'e" jetti.

Xalayaa Viktooriyaa kan ibsu

Madda suuraa, SOPHIE BUCHAILLARD

Bara 1990 keessa ijoollen fageenya irraa hiriyaa karaa xalayaa (pen pals) qabaachun baramaa ture. Soofinis hiririyaa Viktooriyaa Ruwaandaa irraa kan barte manni baruumsaa Soofii akka isheen Viktooriyaa bartuuf haala mijesseni.

Viiktoriyaan ogummaa afaan hiikuu ykn turjumaanaa ta'uu feeti turte, kanaaf afaan Fireenchitiin barreessiti turte.

"Yeroo waliif barreessu eegalle sana ani mana maatii kootii Paaris jiru keessatti jiruu mijataan jiraadha ture, isheen ammoo buufata baqattootaa Goomaa jiru keessa turte...," jetti soofin.

Viktooriyaan naannoo magaala guddoo Ruwaandaa kan taate Kigaalitti akka dhalatteefi duguuggan sanyii Ruwaandaatti hin eegalin dura abbaan ishee naannodhuma sanatti hojjataa mootummaa akka ture natti himte jechuun yaadatti Soofin.

Haalli Viktooriyaan keessa dabarte suukaneessaa ta'us xalayaa isheeraa tasgabbiifi waanuma shamarreen ganna 16 tokko haasoftu barreessafii akka turte himti.

Sofi

Madda suuraa, AGA HOSKING

"Yeroo baay'ee [duguuggan sanyii osoo hin mudatin dura] jireenyi maal akka fakkaatu, jireenya itti deebi'uu feetufi jireenya buufata baqattootaa kan yeroo muraasaa akka ta'etti ibsiti," turte.

Yeroo hunda Viktooriyaan tasgabbooftuu turte jechuun ibsiti Soofin.

"Yeroon booda ergan umuriin guddataa deemen innin ani isheen tasgabbooftudha jedhu dhiphina ta'uu akka malu hubachuu eegale. Haala sana hunda yeroo sanatti xiinxaluun ishee rakkisuu mala ta'a," jetti.

Viktooriyaan xalayaa deebisuu erga dhaabdee booda maaltu ishee mudate jettee yaadda'uu akka eegalte himti. Garuu ammoo guutummaatti fayyummaa isheerraa abdii hin kutanne.

"Yeroo hundumaa jireeya ishee idileetti deebite jedheen abdii godhataa ture...itti fufanii barreessu dhiisun filatamaadha," jettee yaadaa akka turte himti Soofin.

Sofi yeroo ganna 16

Madda suuraa, SOPHIE BUCHAILLARD

Viiktoriyaan xalayaa barreessufii erga dhaabdee waggoota muraasa booda Soofin baruumsaf yuunivarsiitii seente.

Bara 2001tti osoo barattuu taatee gara UK hin dhuftee gaa'ela hin godhatin dura Ispeenfi US jiraatterti.

Garuu waa'ee hiriyaa ishee akka Bakar Waaree achi buutee dhabdee yaaduu hin dhaabne. Waa'ee Viktooriyaa walaloofi seenawwan gaggabaaboo barreessun of jajjabeessiti.

Buqqee nammoota Ruwaandatti ajjeefamanii

Madda suuraa, Getyy

Soofin umurii 40 keessa gaafa seentu hojii ishee Kaardif Yuunivarsiitii dhaabdee tarii barreessaa ta'uu danda'a abjuu jedhuun hog-barruudhan baruumsa Mastarsii itti fufte.

Akkuma abjootte barreessuu eegalte, jalqaba sammuu isheetti kan dhufe waa'ee Viktooriyaa varreessudha.

Qorannoo Mastarsii ishee waggaa torbaaf dhimma Ruwaandaa qorachuu irratti dabarsite. Boodarra asoosama "This is Not Who We Are" jedhu barreessite.

'Gadda baafachuu'

Asoosamichi waa'ee dubartoota lamaati: Ayiris Paaris irraafi Viktooriyaa Ruwaandaa irraa.

Asoosamicha keessatti akka ibsametti, qunnamtiin isaan karaa xalayaa qaban erga addaan citee booda Ayiris gaazexeessituu taatee Landan keessatti osoo jirtuu hiriyaa ishee ijaan argitee hin beekne abdii osoo hin kutin barbaaduf yaalti.

Asoosama kana gadda keessa ishee jiru baasuf akka barreesite dubbatti: "Maaltu akka uumame wallaaluu irraa kan ka'e gadda uumame baafachuufi."

Kitaabichi erga maxxanfameen booda Soofin kitaabota 10 Muuziyeemii Yaadannoo Duguuggaa Sanyii Kigaalitti ergite. Kunis namoonni kitaaba ishee kana dubbisanii maaltu akka uumame akka hubataniif akka ta'e himti Soofin.