Murteessituu kubbaa miilaa ta'uun Waancaa Addunyaarratti hirmaatte Ruwaandatti 'ejjituu' jedhamuun arrabsamte

Madda suuraa, Getty Images
Waancaa Addunyaarratti Afrikaa irra dubartiin murteessituu kubbaa miilaa ta'uun hirmaattee turte biyya ishee Ruwaandatti "ejjituu" jedhamuun arrabsamte.
Saliimaa Mukaansaangaa Ruwaandaa irraa Waancaa Adunyaa 2022 Kaataritti gaggeeffame irratti haadha murtii ta'uun hirmaachun ishee namoota hedduun akka jajamtu ishee taasiseera.
Haa ta'u garuu biyya ishee Ruwaandatti kan ishee mudate haleellaafi arrabsoo hin malleedha.
Haadha murtii kubbaa miilaa kan taate Saliiman gaafa Sanbataa Amajjii 21 tapha kubbaa miilaa kilaboota Kiyovu Ispoortfi Gasoogii Yunaayitid gidduutti taasifame yeroo taphachiisaa turteedha deeggartoonni tokko tokko "ejjituu" jechuun akka ishee arrabsan Odu himaan Federeeshinii Kubbaa Miilaa Ruwandaa BBCtti himan.
Arranbsoo murteessituu kubbaa miilaa irratti gaggeeffame kana qorachaa akka jiruufi bu'aa qorannoon booda koreen namuusaa tarkaanfii akka fudhatu Federeeshinii Kubbaa Miilaa Ruwandaa beeksise.
Namoonni taphicha qaaman argamuun daawwataa turan BBCtti akka himanitti deeggartoonni kilaba Kiyovu Ispoort "ejjituu" jechuun irra deddeebin Saliimaa Mukaansaangaatti iyya turan.
"Arrabsoo afaanii bira kan darbe deeggartoonni kilabichaa muraasni dirree seenanii ishee rukutuuf yeroo jedhan qaamonni nageenyaa gidduu seenun dhaabsisan," jedha qondaala Federeeshinii Kubbaa Miilaa Ruwaandaa kan ta'e Juuls Karaagwaa.
Pirezidaantiin deeggartoota Kilaba Kiyovu Ispoort Hemadi Minani xalaya barreessen "arrabsoofi haleella" Saliimaa Mukaansaangaa irratti gaggeeffame balaaleffachuun dhiifama ishee gaafateera.
Waancaa Addunyaa 2022 Kaataritti gaggeefame irratti dubartoota sadi murteessitoota ta'anii dhiyaatan keessaa tokko lammii Ruwaandaa kan taate Saliimaa Mukaansaangaadha.
Sana duras tapha Waancaa Afrikaa dhiirotaa tapahachiisun dubartii jalqabaa taatetti.












