Pireezidantiin Ruwaandaa waggaa 20 dabalataaf biyya bulchuu akka fedhan himan

Madda suuraa, Getty Images
Hogganaan Ruwaandaa waggaa 20f biyyattii bulchan waggoota 20 dabalataaf aangoorra turuu akka yaadan himan.
Pool Kaagaameen filannoo bara 2024tti taasifamurratti pireezidantummaaf ammas akka dorgoman TV Firaansitti himaniiru.
Bara 2015tti heera biyyattii jijjiiruun hanga bara 2034tti aangoorra turuuf haala mijeeffatan. Filannoo pireezidantummaa waggaa shan dura adeemsifameen, hogganaan kuni dhibbeentaa 99 akka mo'atan gabaasaaleen bahan agarsiisu.
Kanneen biyyaa ala jiran garuu filannoo sobaa turee ittiin jedhan. Kana booda filannoo irratti hirmaachuu akka barbaadan kan gaafataman namni ganna 64 Kaagaameen:
''Kana booda waggaa 20f hogganuuf yaada qaba. Kana gochuuf rakkoo tokkoyyuu hin qabu. Filannoon dhimma uummataati,'' jedhan.
Hogganaan dhaabbata mirga namoomaaf falmu 'Human Rights Watch' Gidduugala Afrikaa, Leewiis Mujee, ''waan nama dinqu uummanni hogganichi akkas yaada jedhee eeguu dhiisuusaati,'' jechuun BBCtti himan.
''Ruwaandaa keessatti mootummaa mormuu akka malee balaafamaa dha. Mormituu siyaasaa dhiisiitii, sirni abbaa-irree kuni yeroo murtaa'eef itti fufunsaa hin oolu,'' jedhe.
Ogeessi seeraa mootummaa Ruwaandaa qeequun beekamu Chaarlas Kambaandaa, yeroo amma Ameerikaa jiru, ''hogganaan kuni waggaa 20 biraaf yoo itti fufe Ruwaandaan jaanaba taatii,'' jedhe.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Lammiileen Ruwaandaa ammayyuu sodaa keessa jiraatuu, qondaaloti sadarkaa ministiraa irra jiran keesaa namni tokkoo ol aangoo kan hin gadhiisne waan sodaataniif akka tahe natti himaniiru jechuun himata.
Pireezidant Kaagaameen garuu kora Waldaa Biyyoota Impaayara Biriitiish jala turanii(Commonwealth) magalaa guddoo biyyattii Kigaaliitti adeemsifame irratti qabiinsa mirga namoomaa ilaalchisuun biyyisaanii haala gaariirra akka jirtu himan.
Baatiiwwan muraasa dura UK'n karoora koluugaltoota biyyashee jiran Ruwaandaa taa'aanii adeemsa isaanii akka hordofan garas erguuf murteessuu beeksistee turte.
Dhimmi kunis UN'n kan balaaleeffatame yoo tahu, dhaabbatichi '' nama akka miyaatti gurguruu,'' jedheera. Waajirri Booriis Jonsan garuu isaan aangoo gadhiisanillee dhimmicha raawwachiisuuf akka itti cichu kakateera.
Kaagaameen bara 1994 aangootti kan dhufan yoo tahu, finciltootni duguuggaa sanyii akka dhaabsisn gargaaranii turan. Ergasii guddinaa akka leellisaniitti of ilaaluu hogganaan kuni, qeeqxonni isaanii aangoo to'atanii turuu barbaadu jechuun isaan komatu.












