Pirezidaantiin Ruwaandaa Pool Kaagaameen guyyaa dhalootaa ilma Musevenii kabajuuf Yugaandaa galan

Madda suuraa, Televizhinii Biyyaalessaa Ruwaandaa
Pirezidaantiin Ruwaandaa Pool Kaagaamee kabaja guyyaa dhaloota ilma Yuwerii Museveenii irratti argamuuf Yugaandaa galan, pirezidaanti Yuweri Museveni waliinis marii gaggeessan.
Kaagaameen biyya ollaa isaanii taate Yugaandaa kan deemaniif guyyaa dhaloota Muhoozii Kayinerugaba waggaa 48ffaa kaleessa galgala kabajame irratti argamuuf ture.
Imalli Kaagaamee kun waggoota afur keessatti isa jalqabaati. Imalli isaanii kunis mallattoo muddama biyyoota lameen gidduu ture qabbaneessuuti jedhame.
Miidiyaan biyyaalessaa Ruwaandaa pirezidaanti Kaagaameen gita isaanii Yugaandaa waliin mari'achuu gabaase.
Ibsi masaraa mootummaa Entebedhaa bahe gaggeessitootni lameen rakkoo nageenyaa Baha Dimokiratik Koongootti mudates karaa Hawwaasa Baha Afrikaa [East African Community] furuun naannichatti nagaa fi tasgabbii fiduuf waliigalaniiru.
Kaagaameen rakkoo nageenyaa DR Koongoo keessaa furuuf qaamni wal dhabdicha keessatti hirmaataa jiran hunduu nagaa buusuu keessatti hammatamuu qabu jedhan.
Torban darbe Keeniyaa, Burundii, Yugaandaa, DR Koongoo fi Ruwaandaan humna waraanaa isaanii garasitti bobbaasuun finciltoota loluuf waliigalanii ture.
Let Jeneraal Kayinerugaba hogganaa humna waraana lafoo Yugaandaa yoo tahan, muddama hariiroo Ruwaandaa fi Yugaandaa gidduu hiikuun nama murteessadha jedhama.
Gidduugalummaan isaa daangaa lafarraa biyyootni lameen walitti cufatanii turan jalqaba bara kanaatti deebi'ee banameef shoora guddaa taphateera jedhame amanama.
Biyyootni lameen daangaa isaanii walirraa cufanii kan turan erga bara 2019 as ture.
Biyyootni lameenuu dhimma keessoo walii isaanii keessa galuun wal himataa turan. Let Jeneraal Kayinerugabaa ergaa Tiwiitera isaa irratti torban darbe barreesseen pirezidaantii Ruwaandaa akka eessuma isaatti ibse.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X
Ji'a sadiin dura yeroon eessumakoo waliin deebi'ee wal arge waan baay'ee waadaa galeeraaf. Kan jalqabaa, akka hogganaa humna waraanaa lafa irraa Yugaandaatti humni waraanaa koo gonkumaa Ruwaandaa irratti haleellaa hin gaggeessu.
Kan lammaffaa, qondaalli Yugaandaa kamiyyuu Ruwaandaa irratti haleellaa gaggeessee aangoo isaa irra hin taa'u,'' jechuun Muhoozii Kayinerugabaan fuula Tiwiiterii isaa irratti maxxanse.
Ilmi Museeveenii kun abbaa isaa bakka bu'uun Yugaandaa gaggeessuu danda'a kan jedhu gabaasotni bahaa turan.














