Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Reeffa dubartii baddee barbaadamaa turte garaacha jawwee keessa argani
Indoneezhiyaa bulchiinsa Jaambii jedhamu keessatti dubartiin jawween ajjeefamteefi reeffi ishee garaa bineensichaa keessatti argame.
Dubartiin ganna shantamman keessa jirtu Jahraah mukeen gogaan isaanii haphe qabu (Rubber tree) irraa ciruuf guyyaa Dilbataa ganama manaa baate.
Galgala san manatti deebi'uu didnaan qaamoleen hojii nama bade barbaaduu hojjetan itti himamee barbaachatti bobba'an.
Guyyaa tokko bulee jiraattotni naannoo jawwee garaan isaa hangaa ol guddaa ta'e argan. Boodas ajjeesanii garaa isaa keessaa qaama dubartii baddee argan.
''Qaamni miidhamtuu kanaa garaa jawwee keessaa argame. Qaamni ishee garri caaluu homaa hin taane ture'' jechuun hogganaan poolisii naannichaa AKP S Harefa miidiyaalee biyya keessaaf himan.
Akka hogganaan Poolisii kun jedhanitti abbaa warraa dubartii kanaatu Dilbata galgala osoo haadha warraa isaa barbaaduu huccuu isheefi meeshaalee ittiin hojii hojjechuu baate argee barbaachi akka godhamu gaafate.
Jiraattotni naannoo garaa jawwee meetira shan dheeratu baqaqsanii qaama Jahraah argatan.
Taateen akkasii hedduu baratamaa ta'uu baatus, namni jawween ajjeefamee yeroo liqimfamu Indoneezhiyaa keessatti kun kan jalqaaa miti.
Bara 2017-2018 gidduutti taateen akka kanaa lama gabaafameera.
Jawween waan sooratu fayyaadhuma liqimsa.
Ogeessii BBC'n dubbise tokko jawween wanna akka hantuutaa soorata jedhani guddinni isaa sadarkaa hanga ta'e irra yeroo gahu garuu waan xixinnoo kana soorachuurraa booyyeefi sa'a fa'a liqiimsuu jedha.