Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Tapha gulaalliin Faransaay 14 - 0 Jibraaltaar irra aante
Tapha gulaallii Waancaa Awurooppaa 2024n Faransaay garee kubbaa miilaa Jibraaltaar 14 - 0n mo'achuun biyyasaaniif mo'icha isa guddaa tahuun galmaa'e.
Tapha boqonnaan dura gooliin torbaa fi boqonnaan booda torba itti gale kanatti, gareen Jibraaltaar kaardii diimaa argachuun nama 10'n taphicha gara caalu taphatan.
Faransaay tapha kana durayyuu dorgommichaaf darbuushee kan mirkaneessite tahus, 'lakkii jara kanaaf taphicha hin cimsu' jettee hin teenye. Inumaa maarshii dabalataa fidanii waan seenan fakkaata.
Taphataan isaanii coollee Kiiliyaan Imbaappee sadii galchuun hatiriikii dalageera.
Taphataan umriin xiqqaa Waaran Zaayer-Emerii boqonnaan dura taphattoota galchii lakkoofsisan torba keessaa isa tokko ture.
Umriisaa waggaa 17, baatii saddeetiifi guyyaa 11'tti, erga bara 1914 as taphataa umriin xiqqaa Faransaay taheera.
Taphasaa jalqabaa kanarrattis goolii lakkoofsisuus, miidhamaan dirree keessaa godaaneera.
Itaan Saantoos kubbaa Jonaataan Kilaawus dabarse saaphana garee ofiitti make. Achiis Maarkas Turaam daqiiqaa muraasa booda galchuun 2-0 godhe.
Waaran Zaayer-Emerii isa sadaffaa galchee daqiiqaa muraasa booda, daqiiqaa 18ffaarra Saantos kaardii diimaan dirree keessaa gaggeeffame.
Imbaappee galchii 4ffaa rukuttaa penaalitiin lakkoofsise. Boodas Kilaawus, Komaan fi Yusuuf Fofaanaa takka takka galchuun 7-0n boqonnaaf bahan.
Boqonnaan deebii tarii Faransaay fedhii galchiif qaban waan dhaban fakkaata ture. Daqiiqaa 63 irratti Adriyen Raabiyoo galchii saddeettaffaa itti daruun, maarshii biraan geeddaran.
Ergasii gooliin akkuma bishaanii yaa'uu eegale jechuun danda'ama. Ammallee Koomaan fi Usmaan Dembelee ka dhibii itti daran.
Taphataan isaanii collee Imbaappees carraa kanatti fayyadamuun qaba waan jedhu fakkaata - lama itti dabale.
Isaan keessa garuu isheen fageenyarraa lakkoofsise akkaan ajaa'ibsiisaa turte. Karra eegaan Jibraaltaar Deeyil Kooling gooliisaa keessaa bahee kan arge Imbaappeen, fageenya meetira 35 tahurraa kubbaa rukutuun lakkoofsise.
Taphataan collee biraa Oliviyee Jiruu, taphni obba'uun dura galchiiwwan lama walitti aansuun lakkoofsisuun akkasiin goolabame.
Tapha kanarra Faransaay yaalii galchii 39 goolii Jibraaltaar irratti taasisteetti - Jibraaltaar ammoo tokkollee goolii morkataa isaanii irratti hin yaaliin gargar bahan.
Bulchinsi bicuu taate Jibraaltaar, fiixee kibba Ispeenitti kan argamtu ogguu tahu, garuu ammoo bulchiinsa Biriteen jalatti argamti.
Baay'inni uummataashees 32,000 ol ta'uu ragaaleen ni mul'isu.