Raashiyaan magaaloota Yukireen to’attee keessatti paaspoortii kennu eegalte

Loltoota Raashiyaa bulchiinsoota Yukireen to'atam keessa

Madda suuraa, Getty Images

Raashiyaan magaaloota Yukireen gama Kaabaaan jiran to’atte lama; Keersoonii fi Meeliitopool keessatti jiraattootaaf paaspoortii Raashiyaa kennuu eegaluu aanga’oonni naannichaa himan.

Yukireen ammoo gochaa buchiinsa ishee keessatti ta’aa jiru kanaan "Russification" ykn lammiilee Raashiyaa uummachuu jechuun balaalleefatte.

Pirezidaant Putiin ammoo adeemsicha dhimmanii hordofaa jiraachu ibsan.

Eejjansiin Oduu Raashiyaa Taas akka ibseetti, sirna Sambata gaggeeffameen jiraattoonni magaalaa Keersoon 23 marsaa jalqabaatiin paasportii Raashiyaa argataniiru.

Maddi oduu kun itti dabaluunis, jiraattoonni mgaalaa Keersoon kumaatamaan lakkaa’aman paasportiin Raashiyaa akka kennamuuf gaafataniiru. Haata’u malee kun madda walabaa irraa hin mirkanoofne. Bulchaan waraanaa Raashiyaa Magaalaa Keersoon keessatti muudaman, Volodiimiir Saaldoo ‘‘jaalleewwan Kersoon hundi haala danda’ameen saffisaan paaspoortiifi lammummaa Raashiyaa fudhachuu barbaadu,’’ jedhan.

Yukireen ammoo tarkaanfii kan walabummaa daangaa kootii cabsedha, akkasumas kun labsii pirezidaant Putiin ‘seera hin qabneedha’’ jechuun balaaleffattee jirti.

Imaammanni Raahiyaan hodoftuus, jiraattoota naannoolee Yukireen Kirmiiyaa fi Doonbaas kanneen bara 2014 irraa kaaftee to’atteef, paaspoortii kennuudha. Amman isuma sana raawwataa jirti jedhan.

Raashiyaan Kiriimiyaa erga of jalatti makteen booda Donetiskiifi Luhaansikiitti ammo ‘’ummata Riippablikaanoota’’ ofiin of bulchan uumte. Kunis sadarkaa addunyaatti kan balaaleeffatameedha.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Yukireen ammas naannoolee humnoota Raashiyaatiin to’ataman keessatti adeemsa walfakkaataa hojiirra oolchiti jechuun yaaddoo qabdi.

Jiraattoonni tokko tokkoo lammii Raashiyaa yoo ta’an, Kiremiiliin yaada mormii isaan ‘’ittisuun qabna’’ jedhu dhiyeessuu dandeessi jedhu.

Kerosoon keessatti maallaqa bakka maallaqa Yukireen kan ta’e Hiiriviiniyaa, maallaqa Raashiyaa kan ta’e Ruubliin akka fayyadamaniif aanga’oota Raashiyaatiin ajajni dabarfamuun gabaaseen mul’isaa jira.

Meeliitopool kan kibba baha bulchiinsa Zaapooriiziizihiyaatti argamtu yoo ta’u, buufata omisha anniisaa niikulaaraa guddicha Awurooppaa dabalatee, eddoowwan baayyee humnootii Raashiyaatiin to’atameera.

Kiremiyaa fi Raashiyaa jalatti kan argamtu Doonbaas keessatti mallaqni gara kan Raashiyaatti kan geedarame yoo ta’u, maneen barnootaas gara sirna Raashiyaatti jijjiruun dirqamaa jiru.

Akkasumas qondaaltoonni naannichaa Yukireeniin mudaman aangoorraa kaasuun eddoowwan amma haaraa to’ataman keessatti raawwatamaa jira.