Yukireen maaliif haala to'annaa niwukulaara IAEAtti aartee?

Madda suuraa, Getty Images
Kubbaaniyyaan Niwukilaraa Yukireen, Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti qaamni dhimma niwukilaraa to'atu, buufata annisaa to'annoo Raashiyaa jala jiru daawwachuuf karoorseera jedhee sobe jechuun himate.
Raafaa'el Giroosii guyyaa Wiixataa akka jedhaniitti, Dhaabbannii Ejjansii Anniisaa Atoomiikii Idil-Addunyaa (IAEA)n dhaabbata niwukulaaraa Zaapoorizhzhia akka dowwatuuf affeeran.
Garuu ammoo Energoatom affeeraan dhiyaateef akka hin jirre ibsee, inumaa bakka kana daawwachuun Raashiyaan achi jiraachuu mirkaneessuu daran kan mirkaneessuudha jedhe.
Mr Giroossi himannichaan soba ''fudhatama hin qabne'' jedhan.
''Kun waraanaa fi miiratu jira. Ummannis ejjannoowwan baayyee cimaa qabataniiru,'' jedhan gaaffiifi deebii BBC waliin taasisaniin.
Haata'u malee, dhaabbanni isaa to'annaa nageenyaa taasisuudhaaf dirqama waliigaltee qaba jechuun, ''kunis affeerraa kabajaa dheereeffamuu ykn dheereeffamuu hin qabaannee natti hin fakkaatu'' jedhan.
Guyyaa Wiixataa karaa fuula tiwiitara irratti akka barreessaniitti gara dhaabbatichaatti eksipartoota erguuf hojjataa jiraachuu ibsuun, ''Yukireen nu gaaffattee jirti, achi dhaquu qabna'' jedhan.
Dhaabbanni IAEA Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii nagummma fayyadama teknooloojii nikulaaraa jajjabeessuuf biyyoota waliin hojjatuudha.
Dhaabbanni nikulaarii motummaa Yukireen gama isaatiin ibsa aarii Kibxata baaseen, Yukireeniitu nu affeeree jechuun sobeera jechuun Aab Giroosiin komate.
''Daawwannaan kamuu warra weerartootaa akka turaniif seera qabeessa taasisuudhaaf'' jedheera.
Akka miidiyaalee Raashiyaatti, IAEAn haala dowwannaan itti taasifamuu danda'amurratti aanga'oota Raashiyaa waliin dubbataa jira.
Raashiyaan dhaabbata nikulaaraa Awurooppaa keessatti isa guddaa ta'e Zaporizhzhia jalqaba Bitooteessaa Yukireeniin weerartee guyyootuma muraasa keessa to'atte. Humnootiin Raashiyaa dhaabbaticha wayita to'ataniin haleellaa raawwataa turaniin iyyii idil-addunyaa ka'ee ture.
Bu'uuraalee misoomaa guddaan barbadaa'ee waan hin jirreeffuu sadarkaaleen raadiyeeshinii akkuma duraatti jira.
Dhaabbatichi hojjattoota Rukireen kanneen to'annoo Raashiyaa jalatti argamaniin hojiisaa akkuma itti fufeetti jira.












