‘Suni meeshaa manaa kooti’- baqattuu Yukireen meeshaa manaa jalaa hatame taankiirratti agarte

Madda suuraa, Reuters
Baqattuun Yukireen kan UK keessaa jirtu tokko dhiheenya kana meeshaa mana isheetii hatamee taankii Raashiyaa gubbaatti fe’amee suuraan arguu himte.
Aliinaa Koreni'uk saanduuqni taankii gubbaatti fe’amee ture booyilarii (meeshaa ittiin bishaan ho’isan) waraanaan dura bittee turte ta’u himte.
Isheefi ijoolleen ishee Ebla 8 Yukireenii bahuun ammaan tana maatii Birtish tokko waliin Notinghaamshiire keessa jiraatti.
Suuraa Ebla garadhumaa kaafameen taankiin meeshaa jedhame kana baatee magaalaa barbadooftuu Popasnaa keessa darbaa ture mul’ise.
Humnootiin Raashiyaa magaalaa bulchiinsa Luhanskiitti argamtu tanas erga Caamsaa 8 kaasee to’annoo jala oolchaniiru. Suuraan sunis mana jireenyaa isheerraa fageenya daqiiqaa shan irratti kan kaafame ta’u dubbatti dubartiin tun.
Jalqabas abbaa warraa isheetu arge. ‘‘Innis suuraa kanarratti waan addaa arge yoo jiraate na gaafate. Kan inni arge yoo argee ta’e na gaafate,’’ jechuun BBCtti himte.
Booyilarichaan alattis meeshaalee manaa kan akka ufata alkanii, meeshaan kutaa ijoolleefi kaanis taankicha irratti fe’ame argu himte.

Madda suuraa, Reuters
Uffanni siree ammo meeshaa biraa ittiin hidhameera kan jettu Kooreenuuk, tarii TV ykn meeshaalee elektironiikii wayita baqataniitti mana keessaa ture kan biraa ittiin maran ta’a jetti.
Garuu waan ta’eetti baayyee hin dinqiisiifamne. ‘‘Wanta ofiin hin barbadeessine hunda ni hatu. Kun akka ta’u ni beekna. Yeroo baayyees nutti himamee ture,‘‘ jetti.
Korenuuk erga Yukireenii baatee kaasees sagantaa deeggarsa motummaa UK jalatti ijoollee dubaraa ishee lama waliin Notinghaamshire keessa jiraataa jirti. Isaanis baqattoota marsaa jalqabaatiin gara UK qaqaban keessaayi.

Madda suuraa, Reuters
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Oggummaadhaan poolisii fi isaan dura wallaantu saayikooloojii daa’imaa kan turte Korenuk, ijoollee ishee waliin wayituma haleellaan biyyattii irratti eegalu biyyaa baate.
Yeroo biyyaa bahaniittis qabeenyaa muraasa qofaa qabatanii bahan. Haatii ishee saree guddifte fa’e dhiifte bahuuf dirqamte.
Morekun Yukiren keessaa bahuuf isheefi ijoolleen ishee bu’aa bahii cimaa keessa darbu dubbatti.
Haatiishee, akkoo fi abbaan warraa ishee ammalleen Yukireen keessa jiru, garuu bakka hanaga tokko nagaa ta’eedha. Lammiileen Yukireen bakka loltoota Raashiyaatiin to’atamee baqatan hundi meeshaansaanii hatamu himatu.
Torban darbe marsariitiin Raashiyaa walanaa tokko gabaasa maxxanseen, looltoonni Raashiyaa hanga ammaatti meeshaalee naannawa Yukireen daangaatti dhiyaatanii hatamee toonii 58 gara biyyaatti ergu gabaaseera.
Haata’u malee Raashiyaan himannaa hannaa kanaarratti omaa kan hin jennee yoo ta’u, qondaaltoonni Raashiyaa ammo lammiileen Yukireen viidiyoowwan soobaatiin loltoota hannaan himatu jedhu.
Sirriiyyuu Yukireen looltoota naannoolee to’annoo saanii jalatti argaman hatan dursaa jirti jechuun himatu.












