Yukireen keessatti dhaabbanni keemikaalaa haleelame

Madda suuraa, AFP VIA GETTY IMAGES
Yukireen bulchaan Severodonetiskii keessatti, waraanaa osoo wali irraa hin cinnee naannichaatti gaggeeffamaa jiruun haleellaa Raashiyaatiin dhaabbata keemikaalaa keessatti ibiddi guddaan ka’e jedhe.
Bulchiichi Seerhiy Haa’idaay TV Yukireen irratti Sambata kaleessaa akka dubbataniitti, ibiddichi kan uumamee erga dhaabbata Azootti raadiyaatarri rukutamuun zaayitiin toonii kudhan yaa’een booda jedhan.
Namoonni nagaa dhibba hedduu dhaabbaticha keessatti dahatanii jiraachuu isaanitu himame.
Severodonetiskiin yaalii Raashiyaan karaa bahaa Yukireenitti to’annooshee cimsuuf taasiftu keessatti jidduugala waraanaa cimaa taatee jirti.
Waraanni erga eegalee amma baatii sadii ol lakkoofsiiseera.
Yaaliin Raashiyaan kanaan dura magaalaa guddoo - Kiyeev dabalatee magaaloota gurguddoo ta’achuuf taasifte waan hin milkoofneef, amma bakkasaa bulchiinsoota Luhaanskiifi Donetesk -kan naannoolee indastirii Donbas jedhamuun beekamu to’achuuf yaalaa jirti. Severodonetiskii fi magaaloota lamaan ishee to’achuunis Raashiyaan gara galma isheetti akka dhiyaattuuf Luhanesk akka to’attu taasisa.
Mr Haa’idaay ibsa isaaniitiin, irra caalaa Severodonetisk amma harka Raashiyaa galuu amanan. Waraanni Raashiyaa ammoo naannoolee jireenyaa Severodonetiskii hundi harkasaanii galuu himan.
‘‘Dhaabbanni Keemikaalaa Azoot sa’aatiiwwaniif haleellaa cimaa jala ture,’’ jedhan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Haata’u malee, haleellaa kanaan miidhaan lubbuu namootaarra gahee jiraachuufi ibiddichi booda dhaamuu ilaalchisee omaa hin jenne.
Qondaaltoonni Yukireen namoonni nagaa gara 800 ta’an dhaabbata Azooti haleellammee keessatti lafa jalatti dhokatanii akka turan himu.
Haala naannicha keessa jiru ilaalchisuunis, ‘‘baayyee cimaadha garuu ammoo kan to’atamuudha’’ jedhan bulchaan kun.
‘‘Waraana daandiirratiin loltoonni keenya injifannoo argataa jiru. Garuu ammoo haleellaan diinaa manneen loltoonni keenya itti fayyadamaa jiran haleelaa jiru.
"Kanaaf, yoo diina daandiitti dhiibnee baafnutti, taankiifi meeshaalee fageenyaatti dhuka’aniitti fayyadamuun naannoolee jiraanyaa barbadeessuu eegalu,’’ jedhan bulchaan naannoo Luhanesk.
Pirezidaantiin Yukireen Volodmiir Zelenskiin loltoonni Raashiyaa Donbaas keessatti miidhaa ‘’baayyee cimaan’’ irra gaheera jedhan.
Akkasumas, humnootiin Yukireen hollaawwaniifi magaaloota kibba-baha naannoowwan Khersoon fi Zaaporizhzhiyaatti argaman deebiisanii to’ataniiru jedhe.















