Dargaggeessi jiraa awwaalame akkamiin awwaala diigee bahe?

Dargaggeessi waggaa 30 erga dhugaatii dhugee booda lubbuun osoo keessa jiruu sanduuqa reeffa keessa kaa’amuun awwalamee booda lubbuun bahuu hime.

Viiktar Huugoo Miikaa Alvaarez jedhama. Erga fayyaan isaa awwalamee sanduuqa reeffaa keessaa bahuu hime. Waanti raawwate akkasi.

Ameerikaa Kibbaa, Booliviyaa, keessatti guyyaa ayyaana ''Giiftii lafaa'' ayyaaneffataa turan. Ayyaana kana irratti namootni walitti qabamuun dhugaatii adda addaa dhuguun kabaju.

Alvaarez sirna dhugaatii jala bulti kabaja sirna feestivaalaa '‘Mother Earth’’ ykn Giiftii Lafaa jedhamu irratti hirmaateera. Achitti dhugaatii akka malee dhugee machaa’ee ture.

Guyyaa ''Mother Earth'' ykn Giiftii Dachee kana irratti kan waaqeffatan PachaMama jedhamuun beekamti. Pachamamaan ammoo waaqa dachee fi hormaataa jedhamuun beekamti.

Akka miidiyaaleen biyya keessaa Booliviyaa gabaasanitti guyyaa ayyaana kanaa irra aarsaan dhiyaatu jira. Aarsaan kun ammoo ‘’Suuluu’’ jedhamuun beekama.

Aarsaa Giiftii Dacheef dhiyaatudha. Alvaarez akka jedhutti namootni naannichaa akka malee dhuguun machaa’an Alvaareeziin aarsaa bara kana Giiftii Dacheef kennan gochuun filataniiru.

Inni garuu homaa quba hin qabu. Isaanuma walaiin kabajaa oole.

Hagayya 6 bara 2022 Alvaareziin qabuun aarsaa Giiftii Dachee, Pachamamaa bara kana kennan keessaa tokko gochuun fayyaa isaa sanduuqa reeffaa keessa galchuun qe'ee isaa irraa kiilomeetira 80 fageessanii awwalanii galan.

‘’Halkan gaafa jala bulti ayyaana Giiftii Dacheef [Pachamama] shuubbisa deemne. Sana booda maaltu akka mudate homaa hin yaadadhu.

‘’Waan ani yaadadhu tokko yoo jiraate sireekoo keessa ciisaan jiran jedheen yaadaa ture. Al takkaa ka’ee mana fincaanii deema jedheen ol jedhe. Gaafan yaalu socho’uu hin dandeenye,’’ jechuun gaazexessaa gaafatetti hime.

‘’Sanduuqicha gaafan ofirraa dhiibu, daawwitiin [fuullee] isaa cabe. Haala Kanaan keessaa bahuu danda’e. Fuullee sanduuqichaa xiqqoon cabse. Achiin biyyeen keessatti gale. Isaan akka Suuluutti ykn aarsaatti na dhiyeessuu isaaniiti.’’

Sanduuqicha cabsee booda akkamiin akka biyyee fi dhoqqee irra tuulame keessaa bahe yoo himu akkas jedhe Alvaareez.

‘’Fuullee isaan cabse. Harkikoo guutummaan isaa miidhameera. Xiqqumaafan keessaa bahe, achii gara poolisii gaafan deemee itti himu, dhugdee machoofteetta, na jedhan,’’ jedhe.

‘’Fayyaa gaafa taate dhufta,’ na jedhan.’’

Ayyaanni Pachamamaa maali?

Hawwaasni ganamaa [Indigenous] Booliiviyaa Giiftii Dachee jedhanii kan amanan Pachamamaan ji’a Hagayyaa keessa aarsaa dhiyaatuuf fudhachuuf ‘’afaan ishee banti’’ jedhanii amanu.

Hawwaasni Andee jedhamuun beekaman waaqa kanatti akka amanan maddeen odeeffannoo adda addaa himu. Waggaatti gaara Ande jedhamutti bahuun walitti qabamnii aarsaa dhiyeessu.

Hawwasicha biratti waaqni Pachamamaan jedhamtu kun oomisha guddisuu fi hormaata qaajeelchiti jedhamtee amanamti.

Pachamaamaan hulaa gara guddinaatti itti galan jedhamuunis amanamti.

Hawwaasni haala kanaan amanu irra caalaa Koostaa Riikaa keessa jiraata.

Amantiin isaanii uumama naannoo isaanii waliin michummaan jiraachuudha. Callisuun dhugaa keessa isaanii jiru dhaggeeffachuu [meditation], of jaalachuu ykn of simachuu fi keessa isaanii uumama waliin tahanii fayyisuutti amanu.

Hirmaattotni feestivaala ‘Mother Earth’ waaqa itti amanan Pachamama jedhamtuuf horii, hoolota, baala kakawoo fi karameellaa mi’awaa halluu adda addaa qaban aarsaa godhanii dhiyeessu.

Miidiyaan biyya Keeniyaa beekamaan ‘Citizen TV’, Anaadooluu fi miidiyaaleen biyya keessaa Booliviyaa mudannoo nama kanaa gabaasaniiru.