Haleellaa Israa'el Gaazaa keessatti raawwatteen gaazexeessitoonni shan ajjeefaman

Haleellaa Israa'el hospitaala Al-Shifa magaalaa Gaazaa keessatti argamurratti raawwatteen gaazexeessitoonni Al Jazeera shan ajjeefamuu miidiyichi ibse.

Akka gabaasa Al Jazeeratti wayita Israa'el hospitaalicha haleeltu gaazexeessaa Anas al-Shariif fi Mohammad Qreqeh ogeyeyii kaameeraa Ibraahim Zaahir, Mohammad Nuufal fi Mu'amin Aliwaa bakka turtii gaazexessitootaa ulaa hospitaalichaarra jiru keessa turan.

''Haleellaan gaazexeessitootarratti qiyyaafate,'' kun haleellaa suukanneessaa walabummaa miidiyaarratti raawwatamedha jedha ibsi Al Jazeera.

Haleellaan sun raawwatee yeroo muraasa booda Humni Ittisaa Israa'el (IDF) gaazexeessaa Anas irratti xiyyeeffachuun haleeluu amane.

IDF gaazexeessaan kun ''caasaalee shororkeessitootaa Hamaas hoogganaa ture,'' jechuun Telegram irratti barreesse.

Humni waraanaa Israa'el kun garuu maqaa gaazexeessitoota ajjeefaman kaanii hin kaasne.

Haleellaa Israa'el kanaan waliigalatti namoonni torba ajjeefamuu ibse AL Jazeeran.

Gulaalaan Al Jazeeraa Mohammad Mu'awwad BBCtti akka himetti gaazexeessaa Anas al-Shariif hojiisaatiin kabajaa fi maqaa gaarii kan qabuudha.

Nama sagalee uummata Gaazaa fi waan achitti ta'aa jiru addunyaa dhageessisaa turedha jedha gulaalaan kun.

Waggaa guutuu Israa'el gaazexeessitoonni idiladdunyaa Gaazaa seenanii akka hin gabaasne dhorkiteetti.

Kanarraa kan ka'e miidiyaaleen addunyaa gabaasa argachuuf baayyee rakkatu, yeroo garii miidiyaalee naanawa sanaarratti hundaa'u.

''Dunkaana keessa turan keessatti haleelaman. Gaazexeessitoonni kunneen fuulduratti ba'aniillee gabaasaa hin turre,'' jedhe Mu'awwad.

''Dhugaan jiru, mootummaan Israa'el chaanaalota miidiyaa Gaazaa keessaa gabaasan ukkaamsuu barbaadeetu kana godhe.''

''Seenaa yeroo dhihoo keessatti waan akkasii argee hin beeku,'' jechuun sagantaa Newsroomitti hime gulaalaan Al jazeera kun.

Gaazexeessaan umrii waggaa 28 kun ajjeefamuusaa dura Israa'el qilleensarraan Gaazaarratti haleellaa balaafamaa raawwachuuf akka deemtu X irratti barreessee ture.

Barreeffamni kun erga inni ajjeefamee kan maxxanfame yoo ta'u, yeroo lubbuun jirutti barreessuun erganni ajjeefamee booda hiriyaasaan maxxanfame.

IDF ibsa isaa keessatti gaazexeessaa Anas al-Shariif ''haleellaa rookeetii lammiilee Israa'el fi humna waraanaa Israa'el irratti raawwatameef itti gaafatamaadha,'' jedhe.

Akka ibsa kanaatti gaazexeessaan kun kanaan duras ''iccitii dhoksaa'' qooduun Hamaas waliin hariiroo qabaachuusaa mirkaneessee ture. Kunis ''leenjiiwwan shororkeessitootaaf kennaman,'' of keessatti hammata jedhe ibsi kun.

Ji'a darbe Al jazeera fi UN akkasumas CPJ waliin ta'uun jreenyi gaazexeessaa Anas al-Shariif balaarra akka jiruu fi eegumsa ga'aa akka isa barbaachisu akeekkachiisanii turan.

Humni waraanaa Israa'el Gaazaa keessatti gaazexeessitootarratti xiyyeeffachuun wayita ajjeesu kun kan jalqabaa miti.

Bara darbe ji'uma kana keessa gaazexeessaan Ismaa'el Al-Gawuud jedhamu haleellaa qilleensaa Israa'eliin konkolaataa isaa keessatti ajjeefame.

Haleellaa sanaan ogeessi kaameeraa akkasumas dargaggoon bishkiliitiidhaan darbaa tures ajjeefameera.

Akka ragaa CPJtti erga waraanni Gaazaa Onkoloolessa 2023 eegalee gaazexeessitooni 186 ajjeefamaniiru.